Amajjii 3,2012
Tokkummaan dargaggoota biyyoolessaa(Qeerroon) guyyaa WBO seena qabeessaa fi Amajjii tokko bakkoota adda addaatti sirna howwaan kabajachuu gabaasaan Qeerroo Oromiyaa godina garaa garaa irraa gabaafame.
Akka kanaan :-
- University Dirree Daawwaa
- University Hasaasaa
- University Haromaya
- University Amboo
- University Jimmaa
- University Wallagaa
- Univesity Miizaan Teeppii
Keessatti qeerrooleen argaman sirna howwaan kambajachuu fi ejjennoo bara 2012 baafachuun dabarsanii jiru. Qeerroon bakkoota olitti gabaafame keessatti kabajatan akeeka tokkummaa dargaggoota biyyoolessaa bakkaan gahuuf bara 2012 keessa murtii fi qajeelfama barbaachisu ofitti fudhachuun akka qabaasawan gabaasaalee ergame irratti addeessanii jiru.
University n Adaamaa haga ammaa diddaa isaanii kan itti fufan yeroo tahu mooraa san keessatti guyyaa WBO kabajachuuf carraa hin arganne.
Kana malees Qeerroon manneen barnoota sadarkaa lammaaffaa jiran, Ona Ibantu,Limmuu, Finca’a,Ayira Gullisoo,fi Gimbii jiran sirna ho’aan akka kabajatan gabaasaan naannoo san irraa dhufe ni addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!