Wayyaaneen nagaa Ummataa Jeequu Itti fuftee,Barattooti Oromoo Wallaga Naqamtee Hidhaman.

Gabbaasa Qeerroo Naqamtee,Muddee 25,2011

Diddaa dargaggoota Oromoo( Qeerroo) dura dhaabbachuu kan dadhabde Wayyaaneen,barattoota Oromoo mooraa University lee adda addaa keessaa doorsisuu,hidhuu fi barnoota irraa arihuun dalagaa guddaa taheefii jiraatu illee gootonni barattooti Oromoo gochaa Wayyaanee kanaaf takka osoo hin jilbeeffatiin tokkummaan qabsoo diddaa gabrummaa gaggeessaa jiru.

Mooraa Kolleejjii Naqamtee Wallagga keessa barattoota barataa jira,sababaa tokkoon malee barnoota isaanii irraa qabuun mana hidhaa naqamtee keessatti kan uggurtee jirtu Wayyaneen,sagalee ummataan yoo mormiin kun irra gahe iyyuu dhagahuu diduu irraan hanga har’aatti barattoota jeeqaa jirti. Akka kanaan barattoota maqaan isaanii:-

  1. Kadhimamaa barsiisa Katamaa Soorii Ifaa barataa waggaa sadaffaa department  chemistry
  2. Kadhimamaa barsisa Boggaalaa Gonfaa
  3. Caalaa barata waggaa 3ffaa.

Kanneen jedhaman mana hidhaa Naqamtee keessatti akka argaman Qeerroon gabaasa.

Qabsoon itti fufa Gabrummaan ni kufa!

Leave a comment