(Sadaasa 30,2011 Gabaasa Qeerroo Amboo) Godina lixa shawaatti namoonni hedduun ilaalcha siyyasaa ABO qabdu jedhamanii qarshii 300-1000 adabamaa jirachuun gabaafame.
Adabbiin farraa uummataa kun lixa Shawaa Onotaa akka Calliyaa,Midaa Qanyii, Iluu Galaan,fi Tokkee kutaayee kessaatti daran hammaatee jira,Gochi dinnummaa kun Godinalee Wallaggaa Bahaa fi Lixaatti baballacha kan jiru ta’uun ibsame.
kun ammoo toftaa ta’ee jedhamee ittin qabeenya uumata Wayyaneen sammachaa jirtu ta’uu uummanni hubatee samichii kun nurraa dhabbachu qaba kan jedhuun bakka adda addaatti diddaa kaasaa jiru.
Oromoonni aanaalee kana keessa jiran hedduun nuf Oromummaan dhalotaa sodaa abjuu hiriba malee hin bulan jechuun uummanni mormii dhageesisutti jiraachuu qeerroon godinicha gabaasa.
Kana malees gutummaa Oromiyaa kessatti hojii dhabdummaan babal’atee dargaggessi miliyoonatti lakka’amuu kooleejjif university irra eebifamanii hojii dhabdee ta’anii jireenya ulfataa keessa seenanii jirachuun hubatame.
Baratoonnii dhaabilee Olaanaa irra barachaa jiran biyya ethiopia jedhamuu keessatti barachuun gatii kan hin qabne ta’uu hubachun, egereen jireenya uummataa biyyattii rakkoo hamma keessa seenee akka jiru jiru akeekan.
Furmanni isaa sirna abba irree EPRDF n gaggeefamaa jiru fincilli uummataa barbaachisaa ta’ee akka jiru hubachiisan.
Keessattuu dargaggeessii dhabilee olaanaa irraa barattanii umurii kanaan jirenya gadoo keessaa seentanii jirtan furmaanii rakkina kanaaa harka keeessanii fi sammuu keessan keessa kan jiru ta’uu hubachuun rakkina kana jaalaa ba’uuf toftaa tokkicha FDG dhoosuuun barbarachisaa akka ta’e barattoonni dhaabilee olaanaa irraa baratan kun cimsanii huubachiisaniru.
Kanuma waliin akka Qeerroon gabaasutti godina lixaa Shawaatti basasaan Wayyanee namni maqaan isaa Salamoon G/Mikaa’eel jedhamuu kan ilmaan Oromoo basasa jiru saaxilame. Namichi kun university Amboo fi Godinicha irratti hojii diinummaa rawwachuuf kan ramadame ta’uun sabboontonni saxilan.
Sabboontonni kan irra akka of eggatan hubachiisan. Kana baraan yeroo amma kana sabboontonni baratoota University Amboo humnota mootumma kanaan daree /class/ baranoota irraa waamamanii dorsifamaa jirachuun hubatamaa dha.
University Goonder
(Sadaasa 30,2011 Gabaasa Qeerroo Finfinnee) Mootummaan Garboomfataa hacuuccaa uummata impaayera biyyattif qabuirra darbee yeroo ammaa kanatti ammoo Yuunivarsiitii Gondar Kampaasii Teediroosii fi Maraakii jedhaman keessatti hanqina qulqullina nyaataaf godhamu irraan kan ka’e barattoota Fixaa jira.
Barattuun Waggaa sadaffaa Kampaasii Maraakii keessaa(Yeroof maqaashee hin arganne) kan duute yoommuu ta’u barattootni dhibbaan lakkaa’aman ammoo dhibee garaa kaasaan qabamuun kilinika yuunivarsiitiitti deddeebi’aa jiru.
Barattootni Yuunivarsiitichaas gamtaan mormii qaban Guyyaa har’aa nyaata diduunii fi dhaadannoo dhageessisuun mormii isaanii ibsachaa oolanii jiru.Barattootni yuunivarsiitii marti gochaalee akkanaa akka mormanis dhaammatanii jiru.
Dhukkubni garaakaasaa fi sumaayuun midhaanii ammos tahe jedhamee summii barattoota nyaachisuun yuunivarsiitii keessatti godhamuirraa dhufe barattoota yuunivarsiitii Haramaayaa,Adaamaa fi kanneen kaan keessatti Ji’a Waxabajjii 2011 keessatti mudachuun isaas ni yaadatama.
yaa rabbii kiyya maal nuuf wayya,wayyaaneen,beeka keenya,barataa keenya,daldaala keenya,dargaggeessa keenya, kaan ajjeessun,kaan qoonqon adabun,kaan hidhaan adabuun saba koo lafarraa fixaa jirti.oromoo gara keenya jabeeffannee yeroo gabaabduu keessatti tarkaanfi gara kuteenya kan akka ummata libya san walii gallee haafudhannu rabbii jedhaa gubannee gubata kana nu baasa.salphannee salphina kana keessaa nu baasa.addunyaa nutti kolfutti jirti.ummanni bicuun kaleessa bosona keessaa dhufe har’a maaf nutti taphata? Amansiis Gadaa Uganda kampala irraa.