(Qeerroo, Finfinnee, 27 Sadaasa 2011)Mootummaan wayyaanee yaaddoo warraasqa uummataan qabamee jiru bakkoota garagaraatti keesaa’uu dhaabbilee barnoota ol’aanoo keessatti dhimma Federaalizimii fi nageenyaa jedhuun barattootaa fi hojjattoota wal-gahii waamus itti milkaa’uu akka hin dandeenye gabaasame.
Gabaastoti Qeerroo akka dhaamanitti, bakka walgahiin itti deemsisame maratti gaaffiin sardaa fi durguddaa kan dhimma Wayyaaneen waamteen faallaa ta’e dhiyaachaa jira.
Keessaayyuu, gidduu kana walgahiin barattoota Uni.Finfinnee kan maqaa barattoota haaraa waliin wal-barsiisuu jedhuun galma aadaa fi turiizimii Itiyyoophiyaatti waamame mata duree kennameen ala olola wayyaanoti baniisa wal-gahii irratti mata duree Federaaliziimii fi nageenyaa jedhuun dhiyeessan barattooti mormanii jiru.
Akka gabaasa nu dhaqqabeetti, qondaalonni wayyaanee haasaa dhimma federaalizimii fi nageenyaa irratti dhiyeessan gaaffii barattootaa mata dureen waamicha keessanii kana miti,maliif mata dureen waamicha keessanii qabxii kana ta’uun dursa nuuf hin ibsine? Yaaddoon nageenyaa maali? Federaalizimiin Oromiyaaf maali?kanneen jedhaniin akka yaadametti otuu hin milkaa’iin hafee jira.
Haaluma walfakkaatuun, manneen barnootaa biyyattii keessatti ololli walfakkaataa kennama akan jiru yoo ta’u, bakka iyyuutti dabballooti Wayyaaneen qaana’anii akka deebi’aa jiran hubatamaa jira.
Hidhaa fi biyya irraa aryatamuu gaazexeessitoota biyyattiin walqabatee dhiibbaa wayyaanee irratti godhamaa jiru kabeebsuufis, wayyaanonni dabballoota isaanii walitti qabanii ololaa akka jiranis beekamee jira.
Mirga lammii dhiituu fi sarbuun akn beekamtu Wayyaaneen amma immoo karaa miidiyaa to’attee jirtuu, “mirga lammii fi heera biyyaa” waan jedhu irratti shubbisaa jirti.
Haala kana irratti hayyuun siyaasaa tokko yaada nuuf qoodaniin, “kan lammii hidhaa jiruu fi sagalee lammii biyyaa ukkaamsaa jiru Wayyaanee ta’ee otuu jiru, kanneen ukkaamsamanii mana hidhaatti dararamaa jiran akka waan mirga lammii fi heera biyyaa dhiitaniitti dhiyaachuun ummata tuffachuu dha,” jechuun hubachiisanii jiru.
Ummati har’a tuffatame kun garuu sagalee guddaa ittiin mootummaa kamuu gargalchu akka qabu kan yaadachiisan hayyuun, kun “gaafa diddaa fi fincilli ummataa dhowe garuu akka har’aa barooduun akka hin jiraanne waan biyyoota ollaatti ta’aa jiruu fi seenaa keessaa beekuun nama hin dhubu; gaaffii bilisummaa deebii qajeelaan malee sossobbii fi ololaan hin dhaabbatu” jedhanii jiru..