Walgahiin Wayyaanee Maqaa ABO jedhamu lagachuuf fi abaaruuf jecha Yaamame,ABO Farsuu fi Ittiin Dhadachuun Xumurame.

Gabaasa Qeerroo,Wallagam naannoo Qeello.Sadaasa 25,2011

Walgahii lukkeeleen Wayyaanee OPDOn torban tokkoof nammeen barumsaa sadarkaa ol-anaan Qeelloo cufuun barattootii fi ummanni naannoo san jiran akka ABO abaaraniif barnoota kennaan turan diddaa ummataa fi Qeerroo Bilisummaa naannoo san jiraataniin xumurri isaa ABO faarsuu fi ittiin dhadachuun akka xumurame gabaasi Qeerroo Wallagga naannoo Qeelloo irraa nu gahe addeessa.

Walagahiin kun kan gaggeeffame,ergamtoota Wayyaaneen kanneen tahanii aangawummaa OPDO qabaniin yeroo tahu,jarreen kunis:-

  1.  Barsiisaa Assabaa Taaddasaa Dabballee OPDO /Itti gaafatamaa Mana barnootaa aanaa    Eebantuu  Supervisor/
  2. Barsiisaa Bayyanaa Roorroo Dabballee OPDO  Itti aanaa dura ta`aa (I/D )Mana barumsaa Qeelloo
  3. Bariisaa Algaa Nagaashi Dura ta`aa Mana  barumsaa Qeelloo
  4. Bariisiisaa Asaffaa Warqinaa

    Yeroo tahan akeeki walgahii kanaa fi waan walgahii kana irratti ummataaf dhiheessan keessaa:-

Fiilmii dharaa Wayyaanee bara 1995/6  Qopheessitee ABO ittiin maqaa  yakkuuf  faxuulaa turte sana Amma akka haaraatti  barreeffamaan afarsuu fi labsuun barattoota ittiin doorsisuuf yaalan.

ABO  namni  maqaa dha`e ni ajjeefama. Murtii kana Mootummaa Federaalaatuu labse. ajaja kana dabarseera. ABO  kan  deggeeree fi waayee ABO  kan  lafaa kaasuu, ni ajjeefaamtu.  jechuun sodaa ajjeechaa fi doorsisaa Maqaa du`aan kan   Barattoota kana iraarsaa ture   Barsiisaa Bayyanaa Roorroo dha. Barattoota Sodaachisuuf itti bookisaa furii itti dabranii oomaa yaadaa fi qalbii barattootaa  jijjiiruu hin dandeenye.

Barattootni ABO-n Qaama keenya! ABO-n qaamaa fi qalbii keenya Keessa jira! ABO waraqaa irraatti barreessinee, afaaniin odeessinee califna  utuu hin ta`iin ABO Qaama/Qoma keenyaa fi Adda keenya irratti /Qaama keenya Keessatti TUMANNEE/MALLATTOO ABO jedhu bafrreeffanne isintti hojiin mul`ifna jedhanii Itti dubbataniiru.Akeekaa fi kaayyoon ABO bilisummaa sabaa fi walabummaa biyyaaf kan dhaabbattee fi qabsaa`u dha. Nuus  isa deggeerra. Fiilmii sobaa fi oduu dharaa tamsaasuun maalummaa ABO  yakkuu hin dandeessan. jedhanii dura dhaabbannaa isaanii itti mul`isaniiru jechuun soda tokko malee gamtoominaan ejjennoo isaanii ibsatanii jiru.

Kana malees goototni barattoota mana barumsaa Qeelloo keessa jiran roorrisaa fi ololaa ergamtoota diidaan utuu hin jilbeeffatiin Akkuma  dhaadatanii fi jedhanitti guyyaa wal ga`iin  lammattaa itti fufe ABO/WBO jechuun qaama isaaniirratti mallattoo/TUMATANII/TAATTOO/ Godhatanii  walga`iirraatti argamuun Sodaa tokko malee  diddaa isaanii ergamtoota/dabballoota OPDO tti mul`isaniiru.

Wal ga`iin OPDO guyyaa 7f barattoota mana barumsaa irraa  ugguree ABO jibbaa , ABO balaalleffaa dhaa kan jedhuu saganteeffatamee dhufe ABO faarsuu f i ABO  dhaaba haqaa fi dhugaan Saba Oromoof dhaabbatee fi Oromoo fi Oromiyaa Bilisa baasu!  Gantuu fi ayyaan laallattoota Ergamtoota diinaaf  hin abboomanu jechuun diddaa fi fincilaan Walgii sana  fudhatama dhabasiisanii ergamee bultoota Wayyaanee qaanessuun of irraa deebisanii akka jiran Qeerroon gabaasa.ergamtoota sanas  qaanessanii salphisanii isIni dabbaloota Ergamtoota Diinaati malee Barsiisota keenya miti  jechuun qaanessaniiru.

Akka walgahiin kun xumurameen barattoota mallattoo tumaa ABO qaama keessan irraa qabdu ummata nurratti kakaaftan sababa jedhuun kanneen reebichaan mana hidhaa jiran keessaa barattooti maqaan isaanii

1.Assabaa Dassuu barataa Kutaa 10
2.Gaaddisaa Dassuu Barataa Kutaa 8
3.Taarikuu Abdiisaa Barataa Kutaa  8

Jedhaman akka keessatti araman gabaasaan Qeerroo dabalee ibsa.

Fincilli diddaa gabrummaa naannoolee Oromiyaa adda addaa keessatti deemu mara rakkoolee networkiin gahaa hin jirreef guutuutti gabaasuu hanqannu illee dargaggoonni Oromoo diinaaf guyyaa tokko gadi jedhanii akka hin ooliin beekamaa dha.

Qabsoon itti fufa! Gabarummaan ni kufa!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

1 thought on “Walgahiin Wayyaanee Maqaa ABO jedhamu lagachuuf fi abaaruuf jecha Yaamame,ABO Farsuu fi Ittiin Dhadachuun Xumurame.

Leave a comment