Magaalaan Finfinnee Dhukaasaan Jeeqamte.

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Sadaasa 21,2011

Magaala Finfinnee naannoo Faransaay jedhamutti  edana galgala keessaa sa’aa 12 hanga sa’aa 2 itti dhukaasi utuu wal irraa hin citiin girrisaa ture. Kutaan magaalaa sanii hammi tokko hamma jeeqamee baqachuuf dirqamutti dhukaasi kun deemsifamaa ture. Namoonni naannoo san irraa akka gabaasanitti dhukaasi galgalaan akkanatti baname kun waan magaalaan Finfinnee weeraramte fakkeesse. Oduun naannoo san irraa gabaafame akka addeessutti Wayyaanee irraa hangi nama 60 du’uutu gabaafama. Weerrarri akkanaa kun eenyuun akka tahee fi eenyu akka bane yoo hin beekamiin illee dhukaasi kun loltoota Wayyaanee irratti tahuu hubatamee jira. Odeessa guutuu fuula dura gabaasa qeerroo irraa hubanna.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

5 thoughts on “Magaalaan Finfinnee Dhukaasaan Jeeqamte.

  1. Eenyuyyuu haa ta’u eenyu tarkaanfii inni diina waloo irratti fudhatu mooraa QBO kan gabbisudha, hamilee qabsaawotaa fi deggertoota qabsoo kan deggerudha. “kuunnoti kan jedhan kunooti jechuun hin hafu” akkuma jedhame tarkaanfiin humnoota diinaa irratti goleelee Oromiyaa keessatti tokko tokkoon fudhatamaa ture har’a miilla mallasaa fi teessuma isaa jalatti magaalaa handhuura Oromiyaa Finfinnee keessatti fudhatamuun nu gammachiisa. Bor masaraa Wayyaanee irratti fudhatamee Mallasaa wareersee siree ciisichaa isaa irraa lafaadha, dhuma itti godha hin shakkinu. Injifannoo !!!

    VIVA ……………………….

  2. Tokkummaan harka wal qabannee yoo kaane dhukaasuu iyyuu nu hin barbaachisu. Ganda, amantii, ilaalchaa fi waa xixiqqaan adda faca’uu dhiifnee, ka dandeenyu maraan qeerroo keenya haa tumsinu, haa deggarru; walii keenyas ijaarree bilisummaaf haa sossoonu!! Oromoo wal irratti ka’uu dhiifnee waliif haa kaanu; wal basaasuun hafee waliif haa basaasnu!! Irree tokkoon yoo wal qabannee kaane ka hawwinu marti harka keenya keessa jiraachuu haa hubannu!!

    Lafee fi dhiiga keenyaan biyya abbaa Gadaa keenya ni dhuunfanna!!

  3. bari dheraatuyyu.gaafa tokko bilisumma ni argina.kanaaf hundi qommo kenya kan ta’e tokkuman mirga isaf haa soch’u.akkuma internetan socha’a jiru .kara biras mala haa barbanu.sababni isas nuti beekas,qabenyas lafas.waan qabnuf.kan nu irrdhate tokkomma dhabbufidhala dhufuf yaadu dhisu.

Leave a comment