Gabaasa Qeerroo Dirree Daawaa,Sadaasa 21,2011
Akka qeerroon Dirree Dawaa gabaasetti,barattooti Oromoo Universitichaa sirna qindaayaa taheen maadhee Qeerroo qaanqee bilisummaa Oromoo jedhu jalatti gurmaahanii kabajatanii jiru. Maadheen kun haala sochii qabsoo bilisummaa Oromoo fi waraaqasa dargaggootiin Oromoo( Qeerroon) gaggeessaa jiru irratti bal’inaan erga marihataniin booda waadaa qabsoo Oromoof qaban maqaa Qeerroon guyyaa yaadannoo Sadaasa 9,2011 kana irratti galanii jiru.
Maadheen kun haala kamiinuu tahe finciloota Oromiyaa guutuu keessatti dargaggoonni Oromoo deemsisaa jiran irratti gahee isaanii akka bahanii fi gaaffii mirgaaf jecha wareegama barbaachisu akka kafaluuf qophii tahan beeksisaniiru.
Kana malees qeerroon University Dirree Daawwaa ibsoota ejjennoo qabxii shan qabu baafatanii jiru
- Sabboontota fi barattoota Oromoo manneen barnootaa fi bakka adda addaa irraa hidhuu,ari’uun hamma dhaabbatu qabsoo fincila diddaa gabrummaa itti fufna.
- Ayyaana OPDOn kabajju kanneen akka ayyaana walqixxummaa sabaafisablammootaa waan nu hin illalleef ammaan booda ayyaanota akkasii irratti gadda keenya ni agarsiifna, fincila keenyas itti fufna.
- Lukkeelee diinaa sabboontota Oromoo basaasan irratti karaa dandeenyeen tarkaanfii fudhanna.
- Waamicha tokkummaan dargaggoota Oromoo ykn Qeerroon nuuf godhu hundaa battala ofitti fudhannee dirqama keenya ni baana.
- Ibsa Dhaaba keenya (ABO) ni deeggarra,humnaafidandeettii qabnuun cina hiriirra.
Kun kana tahee osoo jiruu yeroo ammaa kana keessatti Sadaasa 18,2011 irraa kaasee mootummaan Wayyaanee dargaggoota University Dirree Daawwaa keessaa barataa jiran isin Qeerroo waliin jirtu qeerroo gurmeessaa jirtu sababa jedhuun waan qabatamaa tokkoon malee yaamee doorsisaa akka jiru qeerroon gabaasa. Dhimma kana irratti gabaasa dabalataa duubaan akka gabaafamu ni beeksifna.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
