Gabaasa Qeerroo University Adaamaa Sadaasa 20,2011
Baatii Sadaasa 2011 kana keessa barataan qaroo fi jabaa akkasumas barattoota biratti jaallatama guddaa kan qabu Efrem Beekumaa, boqonnaa yeroo gannaaf maatii isaa dhiha Oromiyaa Najjoo turee barnoota isaaf gara University Adaamaatti yeroo deebi’etti,humnoonni tikaa Wayyaanee yeroo adda addaatti sochii dargaggoota Oromoo duubaan jirta sababa jedhuun isa qorachaa turuun beekamaa dha. Qormaata kanaan booda ragaa barataa kana irratti dhabnaan gartuun tika Wayyaanotaa garii University Adaamaa seenuun barnoota isaa irraa qabanii hanga har’aa bakka buuteen isaa wallalamee akka jiru qeerroon Adaamaa irraa gabaasa.
Ammaan dura barattoota yeroo gannaaf maatii isaanitti galan keessaa barataa Zemachuu Mokonnin fi kanneen kaan hedduu University Adaamaatti hin deebi’iin akka jiran waan hubatamee dha.Barataan Zamaachuu Mokonnin maatii isaa dubbisuuf magaalaa Dambi Dolloo yeroo deemetti humni Waraana Wayyaanee gaaffiif barbaadamta sababa jedhuun fuudhanii deeman,booda mana hidhaa Ma’ikalaawwii Finfinnee keessa gaaffii tokkoon malee hanga ammaatti hidhamee akka jiru qeerroon gabaasee jira.
Hidhamuu barataa Efreem Beekumaa kanaan aaran barattooti University Adaamaa jiran barataan kun akka daddaffiin gadhiifamee barnoota isaatti deeb’uuf jecha bulchiinsa mooraa University kanaatti, iyyannoo dhiheessuun gaafatanii jiru .Barataa Efreem Beekumaas tahe kanneen kaan sabboonummaa isaaniin yoo hidhaman iyyuu Fincilli Diddaa Gabrummaa akka dhaabbachuu hin dandeenye qeerroon Adaama jiran kana waliin gabaasanii jiru.
Barattooti Oromoos tahe ummanni Oromoo kumaatamaan hidhamus kumaatami biroo ammo kan qabsoo bilisummaa kan itti fufu dhalachaa waan buluuf Wayyanonni hidhuu fi biyyaa ari’uun furmaata siyaasaa argamsiisuu akka hin dandeenye ofii isaanii ragaa ofitti bahu dandayu.
Qabsoon itti fufa ! Gabroomsaan ni kufa!


Rakko yeroofi jennee nuti qeerroni diinafi hin jilbiffannu!!! haqa keenyaafi hanga dhumaatti nifalmanna!!!
Godina shawaa dhihaatti Aanaa Wancii keessa namoonni heddu saba dhimma nageenyaa jedhuun biyya keessa baatan jedhamanii wayita dararamaa jiranitti, kaabineen Aanichaa konfiransii dhimma jedhu sababeeffachuun qabeenya haadha hiyyeessa Taskaaraa gochaa jiraachuu isaanii qeerroo Aanichaa saaxile.