Barattooti Oromoo Saddeet Barumsa Irraa Aryataman

( Gabaasa Qeerroo, Mizaan Teeppii,Sadaasa 2, 2011) Mootummaan Wayyaanee diddaa fi fincila barattoota Oromoo balleessuuf barattoota Oromoo Oromummaan yakkitee hidhuu fi barnoota irraa ari’uu itti fufte.
Gabaasaan Qeerroo akka ibsetti, yeroo ammaa kana sochii diddaa fi fincila Qeerroo babal’ataa jiru dhaamsuuf Wayyaaneen tooftaa ittiin ilmaan Oromoo laaffiftu  bifa haaraan baafattee socho’aa jirti.
Mirga Oromummaa fi abbaa biyyummaaf seenaa qabsoo Oromoo keessatti qooda guddaa kan qaban baratooti kun yeroo ammaas sochii Qeerroo Bilisummaa waliin walitti hidhatee barattoota doorsisuu fi hiraarsuun mootummaa Wayyaanee itti fufee jira.
Akka kanaan barattoota Oromoo University Miizaan Teeppii baratan keessaa barattoota saddeet badiin tokkoon malee maqaa ABOf fi fincila diddaa gabrummaan yakkuun mana barnootaa irraa arihamanii jiru.
Kanneen kunis:-
1.Barataa Sitinaa Nagaasaa Biology department  irraa lafiti dhalootaa  Haroo Sabuu
2.Barataa Moominaa Danuu Biology department  irraa lafiti dhalootaa  Haroo Sabuu
3.Barataa Furgaasaa Physics Department irraa lafiti dhalootaa Ambo
4.Barataa Abboomaa  Chemistry Department irraa lafti dhalootaa Amboo
5.Barataa Miikiyaas Dheeressaa  construction department irraa  lafti dhalootaa Dambi Doolloo irra
6.Barataa Fufaa Caalaa Muummee Biology department
7.Barataa Caalaa construction department  irraa
8.Barataa Rashaad survey department  irraa  tahuu gabaasti Qeerroo University Miizaan Teeppii hubschiisee jira.
Barattootiin Oromoo Impaayera Ethiopia keessatti argaman, hireen isaanii hidhamuu, biyyaa arihamuu, reebamuu,hojii dhabuu fi doorsifamuu kkf erga tahee baroota hedduun lakkaayamuun beekamaa dha.

1 thought on “Barattooti Oromoo Saddeet Barumsa Irraa Aryataman

  1. Hojiin wayyaaneen mooraa arbaminch keessatti hojjechaa jirtu kan nama gaddisiisu yoo ta’ellee nuti akkuma sabboontota oromoo kan biroo FDG taasisnu irraa yoomillee boodatti kan hin deebine ta’uu ibsaa barattoonni oromoo mooraa kan biroo jirtanis harka wal qabannee qabsoo keenya dirqama keenya. Bilisummaa uummata oromoo maraaf! Jaalleewwan qabsoo university arbaminch irraa.

Leave a comment