(Oduu Qeerroo, Finfinnee, 20 Onkoloolessa 2011) Humni tikaa fi basaasaa wayyaanee diddaa Qeerroo sadarkaa biyyaatti babal’ataa jiru dhaamsuuf duula gaggeessaa jiraatan iyyuu diddaa Qeerroo guyyuu dabalaa jiru dhaabuu akka hin dandeenye beekame.
Yeroo ammaa kanatti bakka hedduutti Qeerroo biyyatti qabanii mana hidhaatti guuruun kan itti fufe yoo ta’u, Qeerroonis tooftaa fi tarsimmoo adda addaa baafachuun mootummaa abbaa irree wayyaanee dura dhaabbachuu isaanii tii fufanii jiru.
Akka dameen Qeerroo bakka addaa addaatii gabaasaa jiranitti, mootummaan garboomsaa biyyattii keessaatti maqaa walga’ii jedhuun manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi Universiitii keessaattii wal ga’ii sirna feederaaliziimii irratti isiin mariisifnna jechuun barattoota waliitti qabaa jira. Haata’uutii wayita kanatti barattoonnii diddaadhaan dura dhaabbaachaa jiraachutu gabaafameee jira.
kaayyoon wal ga’ii isaa kunis Diddaa Qeerroo akkaa Ibiddaa Saafaa boba’uu eegalee jiruu waan sodaateef barattoota ko’oomsuu (akka waan biraatti qabamanii diddaa hin yaadne gochuu) toftaa akka godhachuu barbaadee gootonnii barattoota biyyattii hubatanii diddaa isaanii babal’isaa jiru.
Magaalaa Finfinnee universiyt kolleejjii kotobeettiis diddaan Qeerroo itti fufee akka jiru beekamee jira. Haala kanaanis kan wal qabate, Humnoonnii tikaa TPLF Maagalaa Finfinnee Goolaa jiraachuun gabaafamee jira
Kanaa biraanis sabboontotaa Oromoo Oromummaan boonan akka malee hordofamaa akka jiran beekamee jira. Keessaayyuu, gidduu darbe erga dameen qorannaa Qeerroo maqaa humnoota tikaa fi abbootii aangoo Wayyaanee ummata hiraarsaa jiran saaxilee asitti hordoffiin sabboontotaa fi namoota jajjaboo irratti godhamu itti fufee jira.
"Wayyaaneen yeroo ammaa kanatti waan qabduu fi dhiiftu wallaaltee jirti," kan jedhan hayyuun seenaa tokko,"Mallasaan waan biyyoota ollaa isaatti ta’aa jiru irraa waa hin baratu taanaan hireen isaas akkuma kan Saadaam, kan Mubaarak, kan Gaadaafii ta’uun shakkisiisaa hin ta’u," jedhanii jiru.
Godinaa Wallaaggaa Bahaattiis Mootummaan garboomsaa Abbootii qabeenyaa waliittii qabee maallaqa kadhachaa wayita jiruttii, abbootiin qabeenyaa immoo ilmaan keenyaa hidhaa qabeenyaa keenyaaf nu jaalattanii jechuun diddaan dura dhaabbatanii akka jiran odeessi Qeerrroo achi irraa nu dhaqqabe saaxilee jira.