Barruuleen Qeerroo Wajjira Poolisii fi mooraa human dafee qaqabaa Wayyaanee keessatti faca’uun Jeequmsa uume.


Gabaasa Qeerroo aanaa Giddaa,Fulbaana 25,2011

Fulbaana 24,2011, Godina Wallaggaa, aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti barruun ejjennoo Qeerroo fi yaamichi Fincila diddaa gabrummaa  ibsu qabxii 16 kan of keessaa qabu waajjira Poolisaa fi mooraa humna dafee qaqabaa keessatti faca’uu irraan kan rifate mootummaan Wayyaanee ummata nagaa goolaa jiraachuu odeessi Qeerroo aanaa Giddaa Ayyaanaa addeessa.

Dhimma kanaan wal qabsiisuun humni poolisaa fi bulchitooti Wayyaanee aanaa san keessa sosso’aa jiran dargaggoota nagaa qabanii hidhaatti geessuu beekamee jira. Akka kanaan dargaggoo

  1. Alamuu Gammachuu
  2. Asmaraa Oljirraa

Kanneen jedhaman badiin tokko malee qabanii mana hidhaa hin beekamne geessanii jiru.

Haala kanaan kan jeeqamte Wayyaaneen akkuma aadeffatte ummata jeequu fi sakatta’uu eegaltee jirti.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

1 thought on “Barruuleen Qeerroo Wajjira Poolisii fi mooraa human dafee qaqabaa Wayyaanee keessatti faca’uun Jeequmsa uume.

  1. Qabsicha moora isaani kessa galchuun injifannoo guddadha tactical victory akkanaa kana yo heddumeechani hojjatan waliqabamee gara strategic victory akka nu dhaqqabsiisu ifaadha.jabadha haa jabaannu.injifannoo qeerroo oromoo tif !

Leave a comment