Gabaasaa Qeerroo Ona Giddaa ,Fulbaana 22,2011
Godinaa Wallaggaa Bahaa Ona Hebentuu fi Giddaatti FDG’n barattootaa fi ummataan eegalame itti fufuun jabaatee jiraachuu gabaasi qeerroo ona san irraa beeksise.Akka kanaan barsiisoti Onoota Hebantuu fi Giddaa Ayyaanaa jiran hamma barsisotiin hidhamaan hiikamanitti kutaa seennee hin barsiifnu jechuun ejjennoo qaban mormmii mootummaa Wayyaanee mormaniin dhageesisaa jiru.
Kana biraan ammoo hidhattonnii lukkeelee dinaa ona Heebentuuttii halkan halkan mana jireenyaa sabboontota barsisotaa fi barattootaa Oromoo irra deemanii doorsisuu fi garii isaaniis manaa gadi baasanii reebaa akka bulan beekame. Haala kanaan wal qabatee guyyaa kaleessaa fulbaana 21/2011 barsiisonnii fi baratoonnii Onaa kanaa hiriira mormii bahuun of qindeessuu irraan milishoota Wayyaanee waliin walitti bu’aa turuun beekame.
Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!