Ibsa Qeerroo Bilisummaa, Fulbaana 17,2011



            

                          Qabsoon Hiree Murteeffannaa Oromoo Duula Hidhaan Hin Dhaabbatu.

                                                                        Ibsa Qeerroo

Ethiopia keessatti dimokraasiin dagaagee ummattoota biyya san keessatti cunqurfamaa jiran gara daandii mirga hiree murteeffannaatti kan isaan geessu qabsoon guddaa gaggeefamaa ture, aadaa bulchitoota Ethiopia tahee faallaa mirgaa dimokraasii dhaa ummata hidhuu,   ajjeessuu, saamanii hiyyoomsuu fi biyyaa arihuun ijaarama Empire Ethiopia irraa kaasee  hanga har’aatti itti jira. Bara bulchiisa Wayyaanees ummanni hidhaa keessa jiruu fi kan hidhaa ala jiraatu hundi jireenyi isaa wal qixa hidhaa dha. Saboota cunqurfamoo gaaffii mirgaa kaasan mara hidhuu, ajjeessuu qabeenya saamuu tooftaa godhatee itti jira. Sirna Wayyaane baroota 20 kana mirga sabootaa ukkaamsee biyyattii badiinsatti geessaa jiru saboonni hundi gamtaan ka’anii qabsoo fincila diddaa Wayyaanee TPLF gaggeessuun cunqursaatti xumura gochuun waan filmaata hin qabne.

Yeroo ammaa kana qabsoo diddaa gabrummaa ummanni Oromoo gaggeessaa jirru kan saboota kaanii waliin gamtoominaan qindaayee  finiinu akka tahu fedhii hundaa ti.  Sirna abbaa irree Wayyaanee dhabamsiisuuf qabsoo taasifamaa jiru maayyiin isaa ummattooti cunqurfamoo  maqaa biyya Ethiopia jedhamuun xuwwee tokkotti affeelamaa jiran gara hiree ofii ofiin murteeffachuutti daandii isaan geessuu waliin qindeeffachuu dha. Ummanni Oromoos qabsoo farra Wayyaanee saboota kaan waliin tumsee deemsisu maayyiin isaa gara hiree murteeffatnaa akka geessu malee sirna Wayyaanee buqqisuun kan Wayyaanee fakkaataa Oromoof hin naane aangomsuuf miti. Dargaggoonni Oromoo fi ummanni Oromoo hundis qabsoo gamtoominaa saboota kaan waliin gaggeessaa jirru keessatti akeeka kaaneef irraa kan nu maksee gabrummaa biraaf nu afeeru akka hin taane dammaqiinsaan of irraa tiksuun barbaachisaa tahuu ibsina.

Gamtoomi qabsoo keessatti barbaachisaa tahu iyyuu, diddaa farra Wayyaanee ummanni keenya itti fufiinsaan deemsisaa jiru keessatti dhaabotiin garii Oromoo tumsanii farra Wayyaanee yeroo gaggeessan argaa hin jirru,Yeroo ummanni Oromoo hidhamu,gara malee ajjeeffamuu fi qabeenyi isaa alagaaf kennamu,owuuruun qonnaa ummata irraa buqifamee yeroo gurguramu dhaabota maqaa Ethiopian Wayyaanee morman keessaa tokko illee Oromoof hin birmatne. Kun yaadannoo gaddisiisaa ta’us, Qeerroon akka dhaloota haaraatti sirna Wayyaanee buqqisuu keessatti gamtaan hojjachuun barbaachisaa tahuutti ammanna.

Haata’uutii, qabsoo gamtaa jabeessuu keessatti daandiin qaxxaamuraa kan Wayyaaneen ittiin deemaa turtee fi jirtuun walfakkaatu warreen akka dhaaba Gimbot 7  jedhamaniin yeroo adeemsisaa jiru argaa jirra. Yeroo ummati Oromoo jimulaan hidhuu fi ajjeesuun itti babal’atee jiru kanatti, hidhaa fi ajjeechaan kun Oromoo bira darbees wareen sirna Wayyaaneen falman mara hammachaa yeroo jiruu kanatti siyaasaa shiraan guutame, kan faayidaa yeroof jecha afarsamu garuu immoo hundee siyaasaa biyyattiif furmaata hin taane irratti camadamanii akka jiran hubachaa jirra.

Akkuma yaadannu, ammaan dura Wayyaaneen dhaabota dhibdee siyaasaa biyyattii hiikuuf qabsaa’an addaan qoqqooduuf shiroota  adda addaa gochaa turte. Shirooti furmaata qaxxaamuraa argachuuf jecha diriirfamanis, dhibdeen biyyattii daranuu akka hammaatu godhe malee waan argamsiise hin qabu. Wayyaaneen dhiyeenya kanas dhaabota CUD of-jala galchuuf miseensota CUD keessaa kan akka Asaffaa Caammisoo ofitti qabuun akka meeshaatti dhimma itt bahaa jiraachuun ifaa dha.Warreen Gimbot 7 tooftaa sanaan walfakkaatutti  dhimma bahuutti  waan jiran fakkaatu. Keessaayyuu, qabsoo hundee qabu ummata keessatti gochuu irra maqaa Oromoon kanneen dubbatan keessaa namoota naamusaa fi sirna jaarmiyaan hin masakamne ofitti qabuun waltajjii ofii irratti akka modeelota huccuu faashinii muldhisaniitti agarsiifataa jirachuun gaaffii ummanni Oromoo kaaseef deebii hin tahu. Tooftaa dulloomaa akkasiin deemuun aadaa siyaasa Ethiopia haga yoonaatti fashalaa dhufe deebisanii agarsiisuu yoo ta’e malee gaaffii sabootaaf deebii qajeelaa hin ta’u. Deebiin qajeelaa kan ta’u qabsoo sirna abbaa irree buqqisuuf finiinaa jiru jabeessuun sirna dhibdee siyaasaa biyyatti hundeetti hiiku diriirsuun akka gaaffiin hiree murteeffannaa deebii argatu irratti hojjatuu qofaa dha. Kana biraan, yeroo ummata Oromoo dhumaatii gara malee dhumaa jiruutti birmannaa barbaachisu yeroo isaan godhaa jiran hin muldhatu. Gochaaleen akkasii qabsoo gamtaa waliin gaggeessuu irratti  gufuu akka hin taaneef amma irraa sirraawun ilaalchi saba Oromoof fi gaaffii hireemurteeffatnaa sabootaaf qaban irratti ejjennoo isaanii ifatti beeksisuu akka qaban akeekna.

Mormitooti jiran waliin hojjechuun akeeki isaa inni guddaan sirna abbaa irree buqqisuun dhibdee siyaasaa biyyattii barootaaf dhukuba ta’etti deebii dhumaa kennuuf akka ta’es beekamee, dhugaa kana  mirkaneessuuf immoo hiree murteeffanaa sabootaa kabachiisuun dirqama ta’a. Dhaabbotiin siyaasaa hiree murteeffannaa ummataa hin fudhanne, sirna Wayyaanee kuffisanii sirna walfakkaataa deebisanii ijaaruuf adeemu yoo ta’e, isaanis Wayyaanee irraa addatti hin ilaalalaman. Qeerroon akka amanutti, dhalooti haaraa daandii bilisummaa, dimokiraasii fi haqaa dhugoomsuuf gama hundaan tumsa qabsoo farra diddaa garbummaa finiinsuun barbaachisaa dha. Kana caalas, dhibdee siyaasaa biyyattii hiikuuf qabsoon gamtaa kan furmaata amansiisaa fi filatamaa  maddisiisu akka babal’atu Qeerroon  jabeessee hojjata.  Hunda caalaa, dhibdee biyyattii hiikuuf mrgi hiree murteeffannaa ummataa otuu hin kabajamiin daandiin qaxxaamuraan Empire ijaaruun akka hin jirre amantaa keenya jabaadha.

Wayyaaneen TPLF akkuma sirna akaakilee isaa sanitti duula hidhaa dargaggootaa fi ummata Oromoo akkasumas saboota biyyatti walii gala irratti babal’isee bara bittaa isaa dheererffachuuf maggaluutti jira. Hidhaa fi ajjeechaan garuu seenaa qabsoo kamiyyuu keessatti yeroon itti dhibdee siyaasaaf furmaata ta’e hin jiru. Duulli hidhaa fi ajjeechaas qabsoo fincila diddaa gabrummaa fi hiree murteeffannaa ummattootaa abadan dhaabuu hin danda’u!!

Injifatnoon Saba Cunqurfameef!

Bilisummaa fi Dimokraasiin Ni Mo’ata!!

Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Bilisummaa fi Dimokraasiif

Fulbaana 17,2011

Adaamaa

Ibsa Qeerroo Fulbaana 17,2011 Adaamaa,Oro

1 thought on “Ibsa Qeerroo Bilisummaa, Fulbaana 17,2011

  1. Ka’i qeerroo! Duraan dursa, nageenni kiyya isin haa dhaqabu… Itti aansudhaanis ibsa fulbaana 17, 2011 bahe ilaalchisee waan natti dhagayame ibaschuu fedha… Akkuma beekkamu qabsoon saba ykn Biyya addunyaa kamiiyuu bu’aa ce’ii heddu keessa akka dabartu beekkamaadha…. Haata’uu malee uummanni oromoota qabsoo saba ykn Biyya birootirraa waan Adda isa taasisu qaba… Kunis qabsoon biyyoota Adda addaa haadha adheessa yeroo gabaabaaf mudatanii qabsoo kaasuun Bakkaan gahataniiroo ykn karaa ykn daandii fiixaan isaan basu irra gahaniiro… Fakkeennaaf warreen akka sudden kibbaa, Warra Amma bilisoome…. Jiddugaleess bahaa , warreen akka filisxeemii yeroo ammaa dandnii bilisummaa isaanii bira geessu yaabbatanii jiru… Garuu kan oromoota yeroo laallee daandii bilisummaa irra isaan geessurraa waan miliqan fakkaatu…. Maali yoo jettan yeroo ammaan tanaa karaa tumasa dimocraasii jedhuun dhaabboleefii saboota biroo waliin godhuuf deeman kun karaa Kaleessa hadhaa fi dararaa bilisummaaf godhaniifii lubbuun ilmaan oromoo ittii dhumte dhiisanii maqaa dimocrasii fi ethiophiyaa haarawa ijaaruu jedhuun socha’aa ykn harka dhahaa jiru… Kanaaf qabsoon teenna qabsoo biraatiin adda taatee jirti…bilisummaaf ka’anii dimocraasiif gad-taa’uun qaanyiidhaa.. Anis gama kiyyaan akkuma ijoo ibsa keessan Irraa hubadhetti ; Murna ykn dhaaba mirga fi hiree Ofiin murteeffannaa Sabaa hin fudhanne waliin tumsa uumachuun wayyaanee mallasiin hooganamu buusanii wayyaanee mallasii biraatiin hooganamu umuu bira darbee dogongora biraa kan seenaan Nama gaafatu keessa galuudha.. Kanaaf dhaabni oromoof gadduufii dhukubsatu dura mana Ofii qulqulleesee ,, of fakkaataa dhaabatee olaa dhaqee gargaarsa gaafachuu qaba malee of gurguree ,, kan biraa fakkaachuun deebii uummata Kanaa hin deebisuu jedha…. Fayyaa naa ta’a… Injifannoon teenna..

Leave a comment