Diddaan Ummata Oromoo Itti Fufee, Oromiyaa keessaas hidhaa fi keellalee cufanii sakatta’uun hammaate.

Gabaasa Qeerroo Finfinnee, Fulbaana 10,2011

Sochii diddaa gabrummaa dargaggooti Oromoo (Qeerroon) itti fufuun qaama hawaasa Oromoo hunda hammatanii sochiin farra Wayyaanee Oromiyaa goleelee hunda keessatti  gaggeessaa jiraachuun beekamaa dha, naannoolee sochiin bifa addaan deemutti human waraanaa erguu fi daandii telefoonaa kutuun akka quunamtii fi gabaasaan hin jiraanne gochaa kan jiru mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kanas waan qabee waan gdhiisu dhabuun ummata hidhuu keellalee godinoota Oromiyaa keessa jiran mara Fulbaana 7,2011 irraa eegalee cufuun konkolaataa fi ummata nagaa sakatta’uu eegalee jira.

Kanuma waliin ummata nagaa jiraattota Oromiyaa fincila diddaa gabrummaa deemsisaa jirtu,dargaggoota nurratti qindeessitan jechuun gidduu galeessa Oromiyaa  aanaa Xiqur Inccinnii irraa sabboontota maqaan isaanii:-

  1. Abarraa Dame
  2. Gaachana Ararsaa,
  3. Jiraa Ajjamaa,
  4. Darajjee Amanaa,
  5. Motummaa Fayyeraa
  6. Baqqalaa Uurgeessa,
  7. Kabbadaa Daadhii,
  8. Habtaauu  nama jedhamu
  9. Abdii Soorii,
  10. Sonsa Abarraa
  11. Alamaayyoo Tolaasaa,  ona Elfaataa
  12. Abarraa Tasfaayee  , onaa Elfaataa
  13. Haaptamuu Kaabbadaa,  ona Elfaataa
  14. Buruk Shifaraa , ona Elfaataa
  15. Barataa Biraanuu , ona Ginda barat
  16. Barataa Asmaraa Tolasaa, Ona Gindabarat
  17. Barataa Amanu Fufaa, Ona Gindabarat

Kanneen jedhamanii fi kanneen biro baatii Hagayya dhuma irraa hanga Fulbaana 08,2011 qabamanii bakka jiran hin beekamu. Maatiin sabboontota kanaas bakka isaan jiran dhabuu irraan yaaddoo cimaan qabamanii akka jiran Qeerroon magaalaa Finfinnee irraa gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Leave a comment