Gabaasa Qeerroo Magaalaa Dirree Dawaa, Fulbaana 5,2011
Biyya Umamaan badhaafaman,Lafa dhalatan irratti,qe’ee guddatan keeessatti,gaaddisa samii biyya akaakileen qaban jalatti fi eenyummaa isaanii molquun mootummaan Wayyaanee Oromoota 49 tahan murtii hidhaa wagga dheeraa irratti murteessuu qeerroon magaalaa Dirree Daawaa irraa gabaasa.
Oromummaa fi maqaa akeeka ABO qabdu,fincila diddaa gabrummaa oso qindeessitanii argamtan jedhuun ummata nagaa kanneen haawasa keessatti kabajaa fi ulfinaan maatii isaanii waliin jiraatan armaa gadii irratti murtii hidhaa akkasii fudhachuun Wayyaanootaa ummata Oromoo Dirree Dawwaa fi godina san keessa jiran guddoo dheekamsiisee jira. Madaan Oromoota Wataritti gara malee dhumanii osoo ummata Oromoo irraa hin qooriin har’as dachii abbaa isaanii irratti mirga jiraachuu dhorkamanii murtiin akkanaa Wayyaanotaan yeroo irratti murtaawu caalaatti sabboontota kakaasuu fi qabsoo bilisummaa cimsuutti kan geessu taha.
Akka kanaan sabboontoti murtiin irratti kenname keessaa:-
1. Abdurahmaan Baalee waggaa 12
2. Ibraahim Darasaa ‘ ‘ 12
3.Abdallaa Haamaa ‘” ” 12
4. Jamaal Huseen ”” 11
5.Kamaal Aliyyii ” 11
6. Abdii watar ”” 11
7.Mahaammad Guddaa “”” 10
8.Sheek Kadiir Turaa ” 6
9. Ibraahim calanqoo ” 7
10.siraaj Ahmad 6 fi ji’a 6
11. Mahaammad Abdoo ”’ 6
12. Ahmaddiin Abraahim ”’ 5
13. kadiir Adam ” 5
14. Abdurahmaan Huseen ” 5
15.Ahmad sheek yuusuuf ”’ 5
16. Mahaammad Haajii ” 4
17 yuusuuf calloo ” 4
18. Hassan Mahaammad ” 4
19. Said Adam ” 4 fi ji’a 6
20.Mahaammad Onjobbaa ” 4 fi ji’a 6
21.Adnaan Gooshee ” 4 fi ji’a 6
22. Abdii Alii ”’ 4
23. Ibraahim Mahaammad Jibriil ” 4
24. Leenjisaa bookee waggaa 4 fi ji’a 6
25.umar mahaammad ” 5 fi ji’a 5
26.Jamaal Hamzaa ” 3
27.shariif umar Elemoo ” 3
28.Jamaal kadiir ” 3
29.Ahmad najjaash ” 3
30. sey nabaa Mattaan ” 3
31. Sharaf Alii ” 3 fi ji’a 6
32.Ahmad nuur Urgee ” 3 fi ji’a 8
33.Nuuree Usmaan ” 3 fi ji’a 6
34. Abdii Shakuul umar ” 3 fi ji’a 6
35.Mahamuud Ibraahim ” 3 fi ji’a 3
36.Mahaammad Aliyyii saidoo ” 3 fi ji’a 6
37 . Mahaammad Usmaa’eel Matakoo ” 3 fi jia 3
38. Ibraahim Abdullee waarih ” 3 fi ji’a 3
39. Abdii usmaan Adam ” 3 fi ji’a 6
40.Raahmaa Mahaammad ” 3 fi ji’a6
41. Faaxee Ammee ” 3 fi ji’a5
42. kokkobee Mahaammad ”3 fi ‘ ‘ 3
43. Muktaar Abdii jaliil ” 3 fi ” 6
45. Ahmad nuur Bulee ” 2 fi ” 8
46. Kaaliif Mahaammad ” 2 fi ” 3
47. kimiyaa Mahaammad ” 2 fi ” 6
48. Rablaa shariif ” 2
49.Mahaammad umaree ” 1 fi ” 8
An kan guddaa na ajaa’ibu wayyaneen waggoota 9
dura roorro fi giddira lammii koo wajjin mana hidhaatti
nu irra geesiste yeroon yaadadhu abjuu natti fakkaaata
garuu kan na boosisuu laphee koo na waadu lammiin keenya
hanga ammaatti gidiraa haa argu malee hin ta’u gabrumaan jechuun
keessumaa qeerroon kan aja’ibsiisu qabsoo gochaa jira.cinaa
dhaabachuun jajjabeessuun dirqama keenya dha
ani biyya australia keessa jirutti kan ethiopia(africa)yeroon madaalu
raajii fi hinaaffaaan na guggubaa jira
biyya kanatti seerrii eeenuuu olii dha siyaasaan eessa jirta kan jedhu
hinjru a
lammi biyyattif hunda dura dursa kennu maa kan waggaa 100 hin ta’iin
abban fedhe yoo dhukkubsate hospitalaa mootummaatti qarshii kafaluu hin jiruu
yeroo ammaa immoo melbourne addunyaa irraa magaaala jiran madalamuun tokkofaa
baate .
ega waan jechuu barbaade ani nagaa yoon argadhe iyyuu waa’een lammii koo roorro fi gidiraa biyya
dhalateetti mootummaan halagaa irra geessisaa jiru na guggubee na lamaxaa jira furmaatni isaa
qeerroo cinaa dhaabachuun mootummmaa kana hundeen fonqolchuun barbaachisa
kunis oromoo hundi tokko yoo ta’e duwwaa dha .
waqayyoo kan milkii gaarii nuu haa godhu
john
australia-melbourne irraa
Maal ummanni oromoo hammana hidhamun rabbi yaa ilaalu kana ni darba dhitamuun kun guyyaa tokko
Hidhamuun ajjeechaan yo nu jabeesse malee tarkaanfi tokko of duuba nu debisuu hindanda’u. Oromiaf hidhamun ajjeefamuun dirqama seena akka tahe ofirratti beeku qabna.mana hidhaa yo guutame ho? As a nation we have to over ran the capacity of our enemy to arrest fellow oromos. Hadhaa booda.mi’aan bilisummaa jabaadha qeerroo wajjiin!
“Baa’aa baachuu barree baa’aan nurraa buunaan baa’aa nutti ta’e” jedha mamaaksi afaan oromoo tokko
“nama maqaa hin beekne maqaan haa nyaatu” jedheen eegala,isin kan federaala jettu kan oromiyaho?
kan na aja’ibee na hin dhiisne kan horma osoo hin taane isa kan keenyati. nutto? meeqan keenyatu bilisuma keenyaf wal degaara yoo jenne anaaf gaaffidha.
garuu lammi oromoo ta’ee gochaa sukkanessa ummata oromoo irra ga’aa turee utuu beeku har’aas jara ummata oromoo ari’acha turaan wajjin bu’ee kan dhiiga lammi dhugu meeqa hin jedhamu.
har’as lammi hidhaman kana kan dabaarse kenne eenyu yoo jenne gaaffidha. kan nama rakkisu diina akkamitti ofirraa dhoorkina utuu hin taane akkamiti ilaalcha jara kana sirreesinaadha.