Dureessi biyya India Kaaruuturii jedhamuu fi gareen isaa nama 30 lafa Oromiyaa caalmiyaatti bitaa jiraachuu isaanii ibsan.

                                                                            Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Hagayya 31,2011

 Lafa Oromiyaa Magaalaa Hoolotaa Kaasee hanga Ambootti jiru irraa Oomisha Abaaboo kan Lafa Oromiyaa ‘’Meetir Square’’ kuma dhibba tokko(100,000 m.s.) Kan Mootummaa Waayyaanee irraa bitee irratti ijaarrachaa jiru dureessa Kubbaaniyaa Hindii kan ta’e kan Maqaan isaa’’Kaaruutuurii’’jedhamuudha. Hanga ammaatti  dureeyyii fi Kubbaaniyoonni Hindii lafa biyya kanaa Doolaara Miiliyoona 5.5 kan ta’uun bituu isaanii  gareen namicha kanaan hoogganamee daldaltoota Hindii 30 ol ta’an Hagayya 28,2011 Hoteela Hiiltoon Magaala Finfinneetti haala caalmaatti lafa Oromiyaa bakkoota adda addaa irraa bituu isaan dandeessisu irratti Mootummaa Waayyaanee waliin mariyataa turan irratti ibsuun isaanii beekameera. Addumaan wanti irratti mari’atanis haala itti lafa qoteebulaa Oromoo bitanii irra qotatanii fi irratti ijaarratan irratti, lafti gabbataa tahe naannoo Oromiyaa hunda keessa jiru qoratamee inversterootaaf hammi barbaadanii fi yeroo barbaadanitti akkasumas naannoo Oromiyaa barbaadan irraa akka isaanii kennamuu dandayu qondaaloti daldalaa Wayyaanee walgahii kana ibsanii akka jirani dha.

Dureessi Hindi kan ‘’Kaaruutuur’’ jedhamu kun yeroo ammaa Lafa Qoteebulaa Oromoo ‘’Meetir Square’’ 10,000 ol mootummaa Waayyaanee irraa bitee Boqqolloo,xaafii,Ruuzii,Saliixii fi kkf irra qotachaa jiraachuu fi omisha kanas alatti erguu isaa Gaazexaan Rippoorter Hagayya 24 bara 2011 maxxanfame balballoomseera. Akka ibsa gaazexaa kanaatti Lafa Oromiyaa ‘’Meetir Square’’  Kuma 25-100 ta’u mootummaa Waayyaanee irraa bitanii irratti ijaarrachuu fi irra qotachuuf waliigaltee mallatteessaa jiraachuun beekameera.

Oromoon dhimma kana qalbeeffatee haalli akkasii gutummaa biyyaa fi sabummaa waan diiguuf dargaggoonni Oromoo fi ummati marti qabsoo jabeessuu irratti xiyyeefatanii akka jiran sochiin qeerroo ni mul’isa. Kanas tahu sochii argamaa jiru kana doomsuuf mootummaan Wayyaanee hammamuu duula haabanu malee itti milkaayaa akka hin jirre qeerroon godinoota adda addaa irraa gabaasaa jiru.


Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

 

 

Leave a comment