Waraanni Wayyaanee Dargaggootaa fi Qoteebulaa waliin waltti bu’uu itti fufe. Ummanni Oromoos jabinaan Wayyaanee dura dhaabbachuu itti fufe.

                Gabaasa Qeerroo, Magaalaa Amboo, Hagayya 30,2011

Godina lixaa shawaatti Humni waraanaa mootummaa TPLF torbee kana keessaa halkaan meeshaa waraanaa of harkaa qabuu dhukaasuun uummaata /jiraatoota/maagalaa Amboo goola jira.Kana malees  Lixaa Shawaa onootaa akka Caalliyaa Geedoo,Midaa Qaanyii ,Daannoo,ILuu Gaalanitti humnoonni waraanaa maqaa faaxinoo mooggaafatan qonnaan bulaa keessaa deemanii qonnaan bultoota fincila mootummaa irratti gaggeessuuf jettu, akeeka ABO deemsisaa jirtu fi  mootummaa dura dhaabatan sababa jedhuun qee’ee isaanii irratti  reeba fi hidhaa akka jiran qeerroon magaalaa Ambo irraa gabaasa.

Kana malees godinaa Hoorroo Guduruu wallaggaa Baahaa onootaa Jimmaa Raaree,Abbaay Coomman,komboolchaa ,Daaduu,Haaratoo,fi Shaambuuttii dhaabnii ergamee bulaa TPLF OPDO’n barattoota College fi University adda adda irraa boqonnaa yeroo gannaaf gara maatii isaanitti deebi’anii jiran waalga’ii waa’ee ABO fi guddinaa biyyaa marii’annaa jechuun siyaasa kijibaa ololuuf yaamicha godhaniin barattooti sabboontota tahan diddaa muldhisuun walgahicha irraa yeroo hafan kanneen yeroof garaaf jecha itti maxxanan walgahicha irratti argamuun gaaffii jajjabaa itti kaasuun qerroon gabaasa.Gaaffiileen ka’an, yoo dimookiraasiin jiraateefi mirgi dhalaa namaa kabajamee biyyi guddachuu danda’aa, biyya keenya keessatti Oromoon kabajaa hin qabu,barattooti hidhamaa fi arihamaa ajjeefamaa jiru,yeroo hunda birruu fi hiyyummaan jiraanna kun akkamitti mirga dimokraasii tahaa? jechuun baratoonni gaaffiin duraa dhaabbatan,barattoonni kun baay’een isaanii xiqqaa tahanii miseensuma ergamee bulaa (OPDO) ta’an iyyuu hallii amma OPDONn itti jirtu kufaa ta’uu fi egeree kan hin qabne ta’uu wal hubachiisuun walgahicha dhiisanii bahaniiru.

 

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Leave a comment