Gabasaa Qeerroo Magaala Baddallee irraa,Hagayya 16,2011
Wayyaaneen TPLF qondaalota ergamee bulaa(OPDO) dabalatanii Magaalaa Beddellee keessatti Barattootaa fi kanneen barnoota xumuratanii eebbifamaniif Jimaata darbee walgahii guyyaa 10f deemu gochuuf jecha saganteefachuun jalqabanii turan,walgahiin kun barataa kan tahee naannoo isaa jiru hundi diraqamaan argamuu qaba jechuun yeroo himamu kanneen kana irraa hafanis humnaan walitti qabamuuf jiru jechuun olola facaasaa turan, Walgahiin qondaaloti Wayyaanee yaaman kunis sababaan isaa yeroo himamu , barattooti Oromoo yeroo gannaa warra isaaniittii galan imaammata addatti barattoota Oromoof irratti dhihoo Wayyaaneen bahe “hojii tola ooltummaa’ jedhamu hojjechiisuun cinatti attamittiin sochii ABO dhaabuu dandeenya? Kana malees sochiin Qeerroo ykn dargaggoota Oromoo ummata keessaa akkamitti dhaabuu dandeenya, jedhanii mari’achiisuu ture.
Walgahiin kun Hagayya 12,2011 magaala Baddelleetti haajalqabu iyyuu malee goototi dargaggoonni Oromoo 200 ol kanneen tahan walgahii kana seenuu didanii dura dhaabbannaa gaggeessaa akka jiran Qeerroon Baddallee irraa gabaasa.
Walgahii kana irratti yeroof kanneen irratti hirmaatan warra hoji argachuu fi faayidaa garaagaraa ittiin argachuuf miseensa ergamee bulaa(OPDO) ta’an qofti akka hirmaatan qeerroo sochicha hordofu gabaasee jira.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!