Gabaasa Qeerroo Jaarsoo Irraa,Hagayya 15,2011
Gabaasi Qeerroo Wallagga lixaa aanaa Jaarsoo irraa akka gabaasetti,sochiin dargaggooti Oromoo godhan itti fufuun, Aanaa jaarsoo keessatti Hagayya 12,13,14, bara 2011 walitti aansuun alaabaan Oromoo waajjira bulchiinsaa aanaa Jaarsoo fi gandoota lama keessatti fannifamuun bala’iaa akka oolee fi ummata naannoo Jaarsoo biratti gammachuu ifa bilisummaa akka arganiitti laalamaa akka ture qeerroon gabaasa.
Alaabaan ABO ykn alaabaan Oromoo kun baruma kana keessaa yeroo lammaffaaf aanaa Jaarsootti kan fannifame yeroo tahu Caamsaa 28,2011 aanaa Jaarsoo keessatti alabaa gabroomfataa buusuun kan Oromoo fannisuun ni yaadatama.
Sochii dargaggootaa fi balali’uu alaabaa kanaan kan rifatan ergamtooti Wayyaanee fi qondaaloti dhalootaan Tigree tahan ummata nagaa jeeqaa fi goolaa akka jiran qeerroon Jaarso irraa gabaasa.Hanga ammaatti namni hamma hidhame gabaasi qeerroo waan hin kaafneef gabaasa itti aanu keessatti dhihaata.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
Hajabbaanuu,,ega, itti fufuu qaba dhiirroo!
It is all about liberty and self determination, we support all you do Qeerro may God protect you from all evils. I always support coordinate actions meaning all Oromo regions and hanas should take the same action at the same time to shock the enemy. what that does is that it overwhelms the enemy as to which front to respond to.
liberty for all