Gabaasa Qeerroo Finfinnee irraa, Adoolessa,27,2011
Mootummaan Wayyaanee barattoonnii fi qonnaan bulaa Oromoo yeroo gannaa kannaa fi boqonnaa barattootaatti FDG ni gaggeeffama jedhee waan shakkuuf jecha karoora barattooti ganna qe’eetti galan hojii tolaa ykn volentery work mootummaaf hojjechuu qabu jedhee dabballoota isaan aanaalee hundatti labasaa fi ajaja dabarsee dirqisiisaa akka jiru beekame.
Kun ta’e jedhee sochii FDBG biyyoota Arabaa fi Afirikaa keessatti ka’aa jiru sodaachuun akka namni hunduu hojii bilisummaa isaa irratti hojjechuuf yeroo hin qabaanneef ‘’busy’’gochuudhaaf ganaa utuu barattootni Yunivarsitii ,Kolleejjii fi manneen barnootaa irraa xumuranii hin ba’in dursee mootummaan Waayyaanee tooftaa qopheessee jira. Innis ‘’hojii tola ooltummaa( voluntary work) fi hojii misoomaa ‘’ maqaa jedhuun ganna kana Naannoo, Godinaalee, Aanaalee, Gandoota,Gooxii fi Garee irratti walgahii teessisuudha.Walgahii kana irratti ajandaan dhiyaatu waa’ee shororkeessummaa fi ABO yeroo tahu, ergaan mootummaan Wwaayyaanee fi bitamtooti isaanii dabarfachaa jiranis,miseensonni Qeerroo bilisummaa Oromoo baadiyyaa fi magaalaa keessaa ummata dammaqfachaa waan jiraniif hojii kana irraa kaachisuuf hojii tolaa ykn voluntary work kan jedhutti hundi barataa yeroo gannaa University fi high school irraa gale akka bobba’u labsaa fi ergaa dabarfataa jirti.
Gochaa farrummaa fi warraaqsa bilisummaa Wayyaanee TPLF fi garaaf bultooti hojjetaa jiran kana dura jagnoonni dargaggoonni Oromoo akkasumsa sabboontoti ilmaan Orommiyaa marti godinaalee hunda keessaa akka dura dhaabbataa jiranii fi ummati hundi akka diddaa isaa mul’isaa jiru gabaasaan qeerroo naannoo adda addaa ni muldhisa.
Gama biraan kara miidiyaalee Mootummaa Waayyaanee Itiyoophiyaa illee yeroo ammaa kan isaan ittiin gurra nama duuchan sababaan jecha shororkeessitummaa kan jedhu dha, ummanni Oromoo garuu naannoo adda addaatti kan hojii shororkeessitummaa nuratti deemsisaa jiru dabballoota Wayyaanee fi OPDO waan taheef isaaniin of keessaa baasuu qabna,shororkeessitoonni warra maqaa Wayyanummaa fi bulchiinsaan deeman waan tahaniif jara kana of irraa lolannee deebisuun ammo miga keenya kan jedhuun ejjennoo dhaabbataa fudhatee jiraachuun beekamee jira.
Tooftaaleen propogaandaa dabballoota Wayyaanee fi raadiyoon Ethiopia kan ittiin uummata bal’aa, qeerroo bilisummaa fi kkf to’achuun ittiin sirna bittaa ishee dheereffachuuf karoorfatte waan ta’eef uummati, barattootni Yunivarsitii, Kolleejii fi manneen boarnootaa, akkasumas daldaltootni,dafqaan bulaan,hojjettootni dhuunfaa fi kan mootummaa, hawaasi fayyabuleessi(civil society) fi kkf akka gocha badaa diinni saba keenya irratti lubbuu garbummaa dheerefachuuf karoorfate kana akka irratti baranii akka fashalsiisaniif akka irratti hojjetamu qeerroo warraaqsa irra jiran bakka hundatti beeksisaa jiru.