Hogganaan dhaaba maxxannee Wayyaanee OPDO fi President Ethiopia duraanii Dr,Nagaasoo Gidaadaan Wayyaanota(Mallas Zeenaawwii)n gowwomfameera,haxxummaan isaa har’a naaf gala jedhanii kitaaba barreessan. Kitaaba isaanii kana irratti Dr,Nagaasoon reefu waggaa 20 booda akka haxxummaan Wayyaanee isaaniif gale beeksisuun isaa namoota hedduuf koflaa fi raajii haatahu iyyuu malee waanneen burjaajii siyaasaa Wayyaanee keessa jiru ibsuun isaanii hin oolle.
Dr.Nagaasoo Gidaadaa kitaaba tibbana ’’ Daandii Nagaasoo’’ jedhanii baaseen ‘’Mootummaan Waayyaanee Jalqabuma irraa kan badeedha’’ jedhanii Hiccitii Mootummaa Waayyaanee dhoksaa gola diinaa waa’een Taamiraat Laayinee,Waa’een Siyyee Abirahaa,Waa’een Pirezidaantummaa isaanii ,Waa’een Asteer Maammoo ,Waa’een Raadiyoo Faanaa,Waa’een Daggafaa Bulaa,Waa’een Abbaaduulaa Gammadaa fi waa’een tooftaa bittaa waayyaanee Tigiraayi utuu tokko illee hin hafin dhoksaa gola diinaa bakkee yaaseera jedhanii maxxansan.
Waa’een Taamiraat Laayinees akkuman duraan gabaasa dheeraa keessatti waa’ee malaammaltummaa Kaadiroota Tigiree fi Bitamtoota Oromiyaa keessatti dhiyeessee ture, waa’een hidhamuu Taamiraat Laayinee Sababii Malaammaltummaa Tigiroota Caalaatti hojjeteef yokin dhuguma maatii isaa yakkee yokin seera dhaabaa EPRDF cabsee utuu hin taane haaloo Tigirooti TPLF/EPRDF faayidaa isaanii eeguufii dideef irratti qabatan qofaaf akka ergamaa seexanaatti hidhaa cimaa keessatti gatamuu Taamiraat Laayinee Dr.Nagaasoon dhoksaa isaa inuma gadi y kitaaba isaanii irratti gadi yaasanii jiru.
Kan Dr.Nagaasoon Gowwomfameera jedhan ’’Jalqaba irratti Mootummaa ce’umsaa booda yeroo Mallas Ministeera Muummee fi Dr.Nagaasoon immoo Pirezidaantii ta’utti Mallas wanta xalayaa barreessee hojjetu hundumaa irratti Chaappaa TPLF tiin fayyadameetu sobee dhuma isaa irratti chaappaa EPRDF waanan argachuu dhabeef chaappaa TPLF tiin fayyadamuuf dirqameera’’ jedhee waggoota baayyeedhaaf hojii mootummaa Itiyoophiyaa maqaa TPLF qofaan fayyadamuudhaan qarshii biiliyoonaan lakkaa’amu gara Tigiraayitti dhangalaasaa yeroo ture ani irratti dammaquu hin dandeenye, dhuguman se’e malee haxxummaan Mallas dafee naaf hin galle ture jedhe Dr.Nagaasoon.
Addumaan Mootummaan Waayyaanee sirna bittaa ishee yeroo diriirfachuu jalqabdetti’’ Taamiraat Laayinee Lammii Guraagee qarshiidhaan bittee Paartii Mootummaa Waayyaanee Naannoo Amaaraa bulchu irratti dura taa’aa gochuun itti fayyadamuu ishee Ummati Amaaraa yakka irratti raawwatame har’a hiccitii Dr.Nagaasoon bakkee baasaniin baruudhaan FDBGtiif kaka’aa jiraachuun barame. Kana irraa ka’uudhaan inni barattootnii fi uummati Oromoo Yeroo Abbaan Duulaa inni Alii Hasan jedhama ture sun Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa jedhamee Muudame Inni Oromoo waan hin taaneef nu bulchuu hin danda’u jechuudhaan mormiin hiriira nagaan dhageessifatamaa ture sirrii ta’uu isaas Dr.Nagaasoon caqasaniiru.
Walumaa gala Kitaabi Dr,Nagaasoo kun mata duree “Daandii ye-Negaso menged” jedhee afaan Amaaraan bahe akka irraa hubatamutti Dr kun waggoota 20 Wayyaaneen biyya bitaa turte rafaa turanii reefu dammaquu isaa kan muldhisu dha. Baroota 20 kana keessa ummati oromoo yeroo ajjeefamu,hidhaa tti dararamu,qe’ee irraa buqa’ee waan nyaatu dhabu,dachiin irratti gurguramu san hunda Dr,Nagaasoon hiriba guddaa keessa akka turanii amma yeroo dammaqan kanas rakkoon saba Oromoo itti muldhachuu dhabee,hegereen Oromoo garamitti akka deemu arguu dhabee waan Wayyaanee keessatti hamee fi gumgummii walii isaanii jidduu bali’aan katabanii jiraachuu mul’isa.
Gabaasa Qeerroo tokko Finfinnee irraa
Erga Waraabu darbee sareen iyyite jedhu mitiiree!! Doktorichi tortoraan dhalootaa fi sanyii dhuma isaatu joonja’a dha. Nama dhaloota bade. Obboleessi isaa inni guddaanis ta’e xiqqaan tortorootuma akka isaati!! Gadhee badi jennaan maal taate jedhan!! Ani Osoon Nagaasoo ta’ee ofan ajjeesa!! Isa inni barreesse jedhee of keessaa hage kana guraanii kositti naquu dha. This gay and so called Leencoo Lataa are just good for nothing!! Oromoota oduuf dhalatte!! Kana nama jettanii iddoo kennuufiin keessan nama ajaa’iba!! Amma maaltu haa ta’uree?? Maaf afaan qabatee ta’uu dadhabe? Tortoraa sunquu qotu!!
Dear My Friend Ossanaa how it is possible to compare the hero Leta’s boy and this the so called Dr. Negassi! Dr. is non sense but Lenco kept silent even if he refused to go ahead with Qabsoo Bilissuma!
Sanyii isaa arrabsuun dhiphummaadha malee dhugaa dubbii mitii dubbachuu dursa ittgi yaadi!
Good Job Dr. Nagaasoo for getting up from a deep sleep after being instrumental to the subjugation of Oromo by Wayyaanee
Well
kan darbe hin darbatan akkuma jedhan inni darbe darbeera warri amma rafaa jirru dammaqne isa oromoof oromiyaatti dhufu yaa eeggannu
Irribaa ka’uun waan tokkodha.