(
Qeerroo, Naqamtee, 19 Adoolessaa 2011) Godina Wallaaggaa Bahaa Onaa Limmuu Galiilatti Fincilli Diddaa Garbummaa kan daldaltootaa fi qonnaan bultootaan kaé itti fufee akka jiru gabaasame.
Qeerroon akka gabaasetti, diddaan ummataa kun gara fincilaatti kan babal’áte gaaffii gaafa Adooleessaa 9/11/2003 A.L Haabashaattii daldaltoonnii fi qonnaan bultoonnii maagalaa Limmuuttii walga’ii godhatanii sagalee mormii dhageessisuuf wayta yaalanitti jeequmsa poolisiin uumeen akka eegale beekamee jira.
Yeroo ummati dhiibbaa fi hiraarsa karaa sirna wayyaanee isaan irra gahaa jiru ibsachuuf walitti qabamaniitti humni pooliisii Onaa Limmuu Galiilaa waan isaan bittineesseef fincilli kun daran hammate.
Gabaasa Qeerroo irraa akka hubatamutti, sababiin mormii uummataa inni guddaan ”daldaltoota irraatti qaraxa[gibirrii]dachaan waan dabaaleef, qonnaan bultootaatti gatiin xaa’oo humnaa ol waanta’eef akka isaan irraa xiqqeeffamu gaafachuuf ture.
Gaaffii ummataa kan qonnaan bultooti waan ittiin xaa’óo bitatanii sanyii isaanii facaasan dhabanii rakkachaa waan jiraniifi, gaaffiin gatiin xaa’oo akka humna keenyaatti gatii madaalawaa ta’een nuf haa dhiiyatu jedhu akka biraatti waan ilaalameef ummati gaaffii sirnaa gaafateef deebiin reebichaa fi hiraarsa taée jira.
Kana malees, daldaltoota kanfaltiin gibiraa humna ol dachaa lamaan waan nuti dabaleef hin kaffaluu jedhanii akka fincilan beekamee jira.