Wayyaaneen Hoggantoota Baankii Awaash International Kudhan Hojii Dhorkite.

Adoolessa 10,2011,Gabaasa Qeerroo Finfinnee

  Hojjettootaa fi qoteebulaa akkasumas barattoota Oromoo karaa hundaan miidhuun akka heeraatti fudhatee kan ka’e mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana Gaggeessitooti Bankii Awash international kudhan(10) hojii baankicha irraa akka dhaabbatan dhorkuun beekame.

Hojjettooti baankii kanaa fi kanneen itti gaafatama ol anaa qaban kun seera baankii Ethiopian alatti hojjettan sababa jedhuun mootummaan TPLF hojii irraa dhaabee mana seeraatti isaan dhiheessuun yakka irratti funaanee kanneen jiru keessaa:-

1)      Obbo Layikuun Birihaanuu,Pirezidaantii Duraanii

2)      Obbo Mitikkuu Abbashuu,

3)      Obbo Taaddasee Ashaagiree,

4)      Aadde Wangeelaawwit Birihaanasillaasee,

5)      Obbo Geeta’uun Alamaar,

6)      Obbo Indaalee Tunii,

7)      Aadde Eelsaabeet Tuunii,

8)      Obbo Darajjee Abbabaa,

9)      Obbo Cheerinnat Waaqgaaarii,

10)  Aadde Fiqirta Shimallis

Kanneen jedhaman hojii baankichaa hojjechuu iraa akka dhorkaman manni mutii mootummaa TPLF irra bahee jiru gabaafama. Haala seera bank mootummaa TPLF ala hojjettan jedhanii mana seeratti yeroo dhiheessanitti kanneen keessaa Adde Fiqirta Shimalilis miseeensa dhaaba Wayyaanee waan taateef dhimma kana irraa bilisa baatee kanneen hafan sagal akka murtiin irratti kennamuuf baallamaa jiru.

Haalli yakka mootummaan Wayyaanee irratti dhiheessite kun yakka fudhatama hin qabne haatahu malee yeroo ammaatti ummata Oromoo mana hojjetaa hojjii irraa arihuu,qotee bulaa lafa irraa buqisuu,barataa barnoota irraa arihanii hidhuun kaan biyyaa akka bahu gochuun Akeeka Wayyaanee isa hangafa tahuu isaan beekamaa dha.

Leave a comment