“Bara Baraan Waraana Keessa Jiraachuu Irra Bilisummaa Keenyaaf Wareega Kaffaluuf Qabsoo Gaggeessine” jedhanii waan filataniif Qeerroon Yakkamoota tahan jedha manni heera Feederaala Ethiopia.
Baatii Eblaa 2011 keessaa sochiin Dargaggoota biyyoolessaa kan bilisummaa fi dimokraasii(Qeerroon) qabsoo bilisummaa sabootaaf jedhee dhaabatee Oromiyaa guutuu keessatti sosso’aa jiraachuu aduunyaan beeka. Qabsoo murannoon eegalame kana karaa nagaa meeshaa tokkoon malee qeerroon mirga bilisummaa fi dimokraasii waan gaafataa jirtuuf rasaasaan reebamuu fi kumaatamaan hidhaatti guuramuun kaan ammoo nyaata summaayaa nyaachifamuu kaanis biyyaa arihamuun irraan gahameera. Barattoota fi hojjettoota maqaa Qeeerroon yakkamanii kumaatama hidhaman keessaa hanga ammaa kanneen dararaan guddaa irraan gahamee reefu mana murtee feederaalaatti dhihaatan keessaan kanneen armaa gadi yakka hin jirreen mirgaaf qabsooftan jedhanii yakkaman.Yakka kanaafis raga namoota 15 itti yaamuu fi kanneen raga tahanii dhihaatan gariin isaanii biyya Kenya kan jiraatanii fi jireenyaan kan biyya keessa kan hin taahe tahuu beekamaa dha. Maqaa ragaalee kanaa yoo isaan sobaan raga kana kan bahan tahe guutuu isaanii gara fuula duratti qeerroon ni maxxansiti. Ragaalee sobaa qeerrolee Oromoo irratti funaanuun dhaalota booruu qabsoo irraa dhaabuun wan hin dandayamneef ummati Oromoo fi aduunyaan yakka isaan itti himatama fuula tokko maxxansinee jirra.
- Dachaasaa Wiirtuu Moosisaa , University Haromaayaa irraa
- Geetuu Saqataa Roorroo ,University Finfinnee irraa
- Dirribsaa Daamxee Jootee , University Finfinnee
- Alamuu Tashoomee Beke ,Dhiha Shawwaa Fantaallee matahaaraa irraa
- Shaafii Se’id Wedaay Daadhii ,Harargee Mi’essoo irraa
- Sileshii Soorii Malaakuu ,Harargee Harmaayaa irraa
- Daagim Bekele Galata ,Wallaga Boojjii irraa
- Eebbisaa Raatessaa ,Wallaga Horroo Guduruu irraa
- Damee Zarihun Mulata ,Wallaga Dambi Dolloo irraa
- Alamaayyoo Raggaasaa , godina Kibbaa irraa
- Mirreessaa H/Iyyasuus Qananii, University Finfinnee irraa
- Senaa Mararaa Birruu ,University Arbaminci irraa
- Getacho Abara Toleera ,University Haromaya
- Birhanu Immiruu Irranaa ,Finfinnee ganda 08 irraa
- Lalisaa Abdiisaa Wallga ,Qeellam irraa
- Abdiisaa Derejjee Amanuu ,Wallaga Shaambu irraa
- Jireenya Dessalenyi Rumichaa ,Finfinnee Gullallee irraa
- Derejjee Guutuu Qana’ii ,University Jimmaa irraa
- Abdiisaa Guddataa Luulaa, University Madda Walabuu
- Kabadee Beenyaa Hinseene , Jimmaa naannoo Qersaa ganda Ginchaa irraa
- Barsiisaa Lammii Dargoo ,University Haromaayaa irraa
- Gurmeessaa Daammanaa Kumsaa ,Dhiha Shawwaa magaala Aamboo ganda 03 irraa
Yeroo tahan Kana malees baatii Waxabajjii fi Aoolessa 2011 kana keessa mooraa idhaa Ma’ikalaawwii keessatti haala baay’ee rakkisaa fi suukkanneessaa keessaattii kanneen argaman
Dargaggoonni [qeerroon]Oromoo keessaa barataa Girmaa Nagaasaa Waggaasaa Lixa Shaawwaa irraa qabamee hidhamee moraa maakalawii mana dukkana keessaatti hidhamee halkan nannoo sa’aa 7 fi 8 ttii guyyuu qoratamaa kan jiruu ta’uu hubatamera,Akkasumas barataa Ebbisaa Raatessaa mooruma Hidhaa kana keessatti haala sukkanneessaan dararamee qoratamaa akka jiru gabaasi Qeerroo mooraa Ma’ikelaawwii irraa gabaasa.
Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!







YES WE CAN!OROMIAN GOVERNMENT IS COMING!