Miseensonni Sochii dargaggoo( Qeerroo) Maqaa gartuu Bakkalcha 1215n qabsaa’an murtoo fudhatan.

Gabaasa qeerroo, Adoolessa 05,2011 Adaamaa

Miseensonni dargaggoonni Oromoo humna Qeerroo Bakkalcha 1215 jalatti gurmoofnee jirru, Walgahii Jalqaba Adoolessa 2011 itti godhanne irratti hojiin qabsoo bilisummaa Oromoo biyya keessatti sagalee keenya dhageessisuun akkuma dargaggoota biyyoota biro mirga ummata Oromoo falmuuf jecha maree fi karoora bal’aa erga lafa kaayyannee booda murtii ejjennoo keenya akka kanaa gadiitti fudhannee kaane:-

Murtoo fi Ejjennoo:

  1. Sochii mootummaan Wayyaanee Oromiyaa keessatti godhuu fi rorroo ummata Oromoo irran gahaa jiru dura dhabbannee qabsaawuuf murtii fi waadaa keenya haaromsine
  2. Qabsoo bilisummaa Oromoo goototni Oromoo darban nu dhaalchisan galmaan gahuuf kutannee waadaa seeneerra
  3. Uummata Oromoo olola diinaan gargar qoodamanii jiran ,harka Wayyaaneetii baasnee walitti deebisuun umurii mootummaa Wayyaanen kanaaan achitti karoorfatte gabaasuuf murteeffannee kaanee jirra.
  4. Saamicha qabeeenyaa Oromiyaa fi lafa Oromoo irratti adeemsifamaa jiru dura dhabbachuun mirgaa fi  dirqama dhalootaa qabna.
  5. Miidhaa fi ajjechaa qabsaa’otaa Oromoo irratti taasifaman jiru dura dhaabbannee gumaa lammii,Bilisummaa Uummataa fi walabummaa lafa keenyaa ni kabachiifna.
  6. Barattoota maqaa sochii Qeerroo bilisummaan qabamanii yakki dharaa irratti dhihaate akka hatattamaan gadhiifamaniif irratti ni qabsoofna.
  7. Dhuma irratti Fincila Diddaa Garbummaatti  uummata keenya kakasuun gara hiree isaa murteeffannatti akka hirmaatu ni goona irrattis ni hojjenna.
  8. Sochiin dargaggoota biyyoolessaa kan bilisummaa fi dimokraasii osoo diinaaf hin jilbeefatiin,Hidhaa fi ajjeechaa akkasumas doorsisa summii nyaachisuun duubatti osoo hin deebi’iin ummata Oromoo galma bilisummaatti hanga geessu duubatti hin deebinu.
  9. Wareegama barbaachisu baafnee ummataa Oromoof qabsaawuun waada keenya yoomiiti.

Qabsoon itti fufa !Gabaroomsaan ni kufa!

Injifannoon Ummata Oromoof!


 

1 thought on “Miseensonni Sochii dargaggoo( Qeerroo) Maqaa gartuu Bakkalcha 1215n qabsaa’an murtoo fudhatan.

  1. Qeerro1215n jabaadha nutis isinii waliin jiraati. Qeeroo’n ijjoo fi abdi uumata Oromoo ti. Egereen uumata Oromoo fi bilisumaan Oromiyyaa kan dhugoomu falmaa dhugaa fi kutanoo isin ittiin kaatan kanaan galmasa ga’aa. Karaa isa dhugaa irra jirtani ti Waaqayyo’s isin gargaara. Oromoo’n deebi’ee dinaaf hin jilbeenfatu gonkumaa. Yerron kana jedhu moo waan hundumaan isinii walinin jira.

    Xiyyoo,

    U S A

Leave a comment