Mootummaan TPLF Barattoota Summii Nyaachise.

/Gabaasa Qeerroo, Adaamaa, Adoolessa 04,2011/ Mootummaan Wayyaanee ammas akkuma kana duraa gaafa guyyaa Adoolessa 02,2011 aduu sambata duraa barattoota mooraa keessa jiran nyaata summaa’e nyaachisuun gabaasame.

Qeerroon Adaamaa irraa akka gabaasett, barattooti nyaata summaa’e kana nyaatanii dhibeef saaxilaman kunnee irra guddaan isaanii kanneen barana eebbifamanii fi kaan ammoo qormaata xumuranii yeroo gannaatti maatii isaaniittii deebisuuf kanneen qophiitti jiranii dha.

Akka kanaan ammas yeroo lammataaf beekaa nyaata summiin makaa barattoota Oromoo fi saboota kaanii hamma tokko nyaachifamuun yeroo ammaa  Hosptala ciisanii kan jiran yoo ta’u, kaan isaanii immoo waldhaansa dhabanii rakkachaa akka jiran beekamee jira.

Cafeteria University Adaamaa barattooti keessatti summii nyaachifaman

Cafeteria University Adaamaa barattooti keessatti summii nyaachifaman

Mootummaan Wayyaanee yeroo adda addaatti sochii barattoota Oromoo doomsuu fi of irraa ittisuuf jecha tooftaan inni itti dhimma bahu hidhuu, reebuu, doorsisuu, ajjeesuu, biyyaa arihuu fi summii nyaachisuu dha.

Bara kana keessa barattooti Oromoo yeroo lama mooraa University Adamaa fi yeroo tokko mooraa University Arbaminc keessattis summii nyaataan makame nyaachifaman hanga har’aa gariin fayyaa dhabuun, kaan ammoo hanga ammaatti hosptala keessaa rakkachaa jiraachuun beekamu.

Kan dheengadda guyyaa sambata duraa mooraa University Adaamaatti tahes heddummina barattootaa waan miidhee jiruuf qaami mootummaa birmateefii tokko illee hin jiru.

Kaafteeriyaan mana nyaata barattootaaf kennamus guyyaa kaleessaa waraqaa CUFAMEERA( TASHIGUAL) jedhuun irratti maxxanfamee manni nyaata irraa nyaatan hin jiru. Barattooti hafan nyaata ala irraa bitatanii akka hin nyaanneef waraana Feederaalaan eegamuu caalaa iyyuu maallaqa ittiin of jiraachisan dhabuun dararaa keessa jiru.

tashigual(Cufameera) jedhanii Kaaffee irratti maxxansanii barataan nyaata dhabuu.

tashigual(Cufameera) jedhanii Kaaffee irratti maxxansanii barataan nyaata dhabuu.

Diddaa barattoota Oromoo ykn Qeerroon itti fufiinsa qabaachuu isaa irraa kan ka’e ergamee bulaan Wayyaanee Junaddiin Saaddoo gochaan kana barattoota Oromoo irratti warra raawwachiisu keessaa isa hangafa tahuus hojjettootii mootummaa kanneen degertoota sochii qeerroo tahan ifatti dubbatu.

Haalli kun hanga har’aa kanaan cimee waan jiruuf Oromootiin bakka hunda jirtan barattoota Oromoo Adaamaa fi Oromiyaa jiran hunda cinaa dhabbattanii akka cunqursaa falman qeerroo Adaamaa dhaammatu.

Qabsoon itti fufa! Cunqursaan ni kufa!!

2 thoughts on “Mootummaan TPLF Barattoota Summii Nyaachise.

  1. Gochaan motummaa Itoophiyaa kun heddu nama aarsa garuu nama hindhibu. Gochaan akkasii kun qabsaawota ni jajjabeessa malee abdii hin kutachiisu. Kana booda yaada tokkon isinitti himuu fedha. Gochaan motummaa kun ragaa qabatamaadhaan utubammuu qaba. Raga tokko malee, keessa dedeebi’anii “summii nu nyaachisan” jedhaniif addunyaan marti nama hin amanu. Ragaa arguu barbaada. Ragaan kun eessaa argamuu dand’a jechauun ni mala. Mana qorichaatii argama. Summiin jedhame sun “biological” yookaan “chemical” ta’uu isaa dhiga, finchaan fi udaan warra dhukubsate laboratoorii keessatti qorachuudhaan argama. Hojii akasii Oromiyaa keessaatti hojachuu namoonni danda’an hindhibanii jedheen yaada. Mee gara “Institute of Pathobiology” keessaa namni yoo argame qoradhaa.

    Dhumaratti waa tokkon isin gaafadha: “Tahe Jedhee Mootummaan….” yo jettan maal jechuu keessani? Afaan Amaaraatiin “Hon bilo jechuu keessani mitii?” Kun sirrii mitii fuula duratti of eegadhaa. Ammaaf nagaatti.
    Hilluu Iluu

  2. silas halagaa irraa maaltu eegama egereen isaanii wabii lammii kan ta’e lammii nyaachisuun
    halagummaa isaanii mulisa garuu nuti tokko taanee mootummaa bineensummaan itti dhagahamu kana
    hunddeen buqqisuuf tokko ta’uu nuu barbaachisa
    waan kun gara waggaa 28 ta’uu COLLEGE AWASA keessatti wal dhibddee barattoota tigree fi oromoo jidduu
    kan mul’ateen mucaan danbidoolloo sammuutiin cimaa kan ture clinic barattoota kan hojjetu kirubel kan jedhamu yeroo mucaan mana yaalaa sana dhaqu injection hin tane kennuun allergy itti ta’e utuu doormiitti qabanne boonyuuu nu harka lubbuun isaa deemte
    hospitala yirgalem reefa isaa geessanii dhugaa ta’ee uttu waan hin ta’iin koollejichi ille reefa isaa warra isaa bira geessina jennaan didanii boonyee owwalanne obbolessa kenya
    warri isaa ji’a tokko dhufanii owwalcha isaaa arganii boyyanii galan
    garuu kan guddaa galateeffanu ummatni awasaa yeroo sanatti nu cinaa ta’ee nuu owale
    kana kan kaase halagaan isuma durii shaakalaa jira jechuu barbaadeen
    john
    melbourne
    australia

Leave a comment