Shirota Gola Wayyaanee

(Lubabaas Qeerrootiin)

 (Kutaa 3ffaa)

QABEENYA LAFAA, ALBUUDAA, WARSHAA, DACHEEN OROMIYAA YEROO AMMAA MAAL KEESSA JIRAA?

Tigiraay irraa kan hafe naannowwan hundumaa fi biyya Oromiyaa guutummaa keessatti lafti kan mootummaa (Koloneel Mallas) jedhamuun akka Mana jireenyaatiif lammii Tigiraay irraa kan hafe eenyuufuu akka hin kennamne erga dhorkamee waggoota lakkofsiseera. Yeroo ammaa lammiin biyya keenyaa wayyaanee irraa kan hafe mana keessa jiraatu hin qabu. Anii fi jaallewwan na fakkaatan Finfinnee keessaa miindaa keenya akkuma jirutti kiraa manaa qarshii 1000 fi isaa ol kaffallee jiraanna.Warri mana kireessu immoo wayyaanota. Yeroo ammaa isaan malee kan mana baayyinaan Finfinnee keessaa qabu hin jiru.

Finfinnee dabalatee kutaan biyya keenya Oromiyaa kamitti iyyuu lafi jireenyaaf waan hinkennamneef uummati keenya carraan isaa maal akka ta’u ofii isaatii iyyuu gaaffii keessa galeera. Maaliif hin kennamu jedhanii yoo kaadirootaa fi bitamtoota wayyaanee gaafatan, isaan ajaja koloneel jedhaa jedhe jedhu, innis malaammaltummaa wajjin waan wal qabatuuf hamma siistemii malaammaltummaa irra bilisa ta’e diriirsinutti qofa tura jedhu.

Amma mana jireenyaa akkamitti ijaarrachuun dandaa’amaree? Yoo mootummaa Wayyaanee irraa lafaa fi qarshii argatanii ijaarrachuu barbaadan maabaraan ijaaramanii (miseensa Dhaabbata Wayyaanee ADWI ta’uu qabu) qofadha.Yoo kanaa achii immoo warra qaala’ina jireenyaa irraa kan ka’e mana isaanii isa moofaa fi caccabaa gurgurachuu barbaadan irraa qarshii olaanaadhaan bitatanii ijaarrachuun ni dandaa’ama (Finfinnee keessatti jechuudha).

Albuudaan akka Warqee fi Kan kana fakkaatan kan  Yuubdoo fi Najjoo, Imina Baradii Mandii ,Albuudotni Godina Gujii, Albuudaan Bishaan Amboo, Warshaan Biiraa Beddellee fi kan biroon kan ani lakkaa’ee hin fixnee Inveesteroota Wayyaanee Tigiraayi, Bitamaa Wayyaanee Sheek Alaamuddin fi kubbaaniyoota biyyoota ambaatti gurguramaniiru.

Ammaa kaasee ‘strategy’ wayyaaneen Lafa Oromoo irra uummata ishee qabattee siistemii bittaa ishee baballifachuuf qabattee ifa gochuuf jettu immoo Magaalota Godinoota Oromiyaa kan Shawaa Bahaa Adaamaa, kan Shawaa Lixaa Amboo, Kan Shawaa Kibba Lixaa Walisoo, Kan Arsii Shaashhimannee, Kan Baalee Magaalaa Roobee, Kan Booranaa, kan Wallagga Bahaa Naqamtee, Kan Wallaggaa Lixaa Gimbii, Kan  Qellem Wallaggaa Dambi Doolloo, Kan Iluu Abbaa Boora Mattuu fi Beddellee, magaalota gurguddoo kanaa fi kan kana fakkaatan Magaalota Addaa Gochuun Federaala jala galchuun Ummata Wayyaanee Tigiraayi baayyinaan qubachiisuun yeroo gabaa Shaqaxa Filannoo Dimokiraatawaa jedhan sun dhufu itti fayyadamuuf akka ta’e ajaja Koloneel Mallas miseensota irratti gadi buusaa  jiran ta’uun bira gaa’ameera.

Yaa Qeerroo! amma kan waliif dhaamaa jirru, waan diinoti keenya godhan keessaa kan hubannee fi argine callaa dha. Dubbiin Oromiyaa dhimma guddaa irratti jabaannee hojjachuu qabnuu dha. Bakka jirrutti waan keessa jirru, waan ollaa keenya jiru, waan nu harka jiru, waan nutti dhufaa jiruu fi waantota dhimma keenya irratti dorgomtoota ta’an, kanneen keessaas ta’ee alaan beeknu malee ulee alagaan dhaanamuu jalaa hin baanu.

Dhimmi kun egaa baayyee bal’aadha waan ta’eef yeroo biraa ballinaan ibsa.  Qabsoon shiroota Golee  diinaa saaxilanis itti fufa.

Leave a comment