Mootummaan TPLF Barattoota University Adaamaa Dabalata Summiin Miite. Waraanni Federaalaa University Adaamaa Dhuunfate.

/Odeessa Qeerroo Adaamaa, Adoolessa 2 bara 2011/ Sochii Dargaggoota Oromoo(Qeerrootti) kan baarage mootummaan Wayyaanee guyyaa har’aa Adoolessa 2,2011 barattoota University Adaamaa kanneen baranoota waggaa sadaffaa  baratan nyaata summaayaa nyaachisuu irraan kan ke’e barattooti 30 gara mana yaalaa guddaatti yeroo geeffaman barattooti kaan ammoo hanga ammaa mana yaalaa dhabuun doormii isaanii keessa ciisanii rakkachaa jiru.

Haalli kun barattoota irratti akka tahuuf deemu kan dursee beeku mootummaan TPLF waraana Feederaala jedhaman mooraa University keessatti heddumminaan qubachiisee barattooti hundi akka hin sochoonee fi gaaffii hin gaafanne humna qawween doorsisuu yaalaa jiru.

Sochiin Qeerroo bilisummaa yaaddoo itti tahee kan jiru Wayyaaneen ,yeroo ammaa kana barattoota bifa kamiinuu miidhuu fi barnoota irraa ar’uu kan saganteefate waan taheef Qeerroon Oromiyaa guutuu jiru gochaan Wayyaanee kun kanuma ummata Oromoo mara irra geessisaa jiru waan taheef qabsoo bilisummaa Oromoo irraa akka isaan hin dhaabnee fi wareegama barbaachisu kafaluun babummaa fi ukkaamsaa jalaa akka bahan murtii yeroo adda addaatti godhatan irratti ibsanii jiru.

Qabsoon itti fufa.Gabroomsaan ni kufa!

Leave a comment