(Oduu Qeerroo, Hawaasaa, Waxabajjii 2011)Barattooti Uni Hawaasaa Qormaata qawwee mootummaan Wayyaaneen ittiin siyaasa ishii fudhachiisuuf akeekkatte diduun gaafa 28/06/2011 fincila kaasan; mooraa hawaasaa universiitii keessatti barattotni technoolojii waggaa sadaffaa haga ammaatti mormii kaasanii akka jiran beekamee jira.
Odeessi Qeerroo akka hubachiisutti, biyyatti keessatti diddaan babal’ataa wayita jirutti ergamtooti abbaa irree Wayyaanee immoo sagalee ummataa ukkaamsuuf bakka adda addaatti shira xaxaa jiru.
Akka kanaan mooraan hawaasaa kun ga’umsaa fi ulaagaalee barnootaaf barbaachisa tokkoo illee osoo hin guutiin, imaammata Wayyaanee fudhachuuf jecha qormaata “holistic exam” waan qopheesseef barattoota (2000)ol ta’an mirga isaanii gaafataa jiru.
Mormii kanasa barattootni mooraa marti kan deeggaranii jiru. Yeroo ammaa kanatti sirni wayyaaneen waraana isaa manneen barnootaa keessa qubachiisuun barattoota ukkaamsaa jiraachuun akka dhaabbatus gaafataa jira.
“Sirni kun dargii irraa adda miti,” kan jedhe barataaan tokko, “kunoo mooraa keessaa gaaffii malee barattoootni ukkaamsamanii mana hidhaattii guuramaatii jiru. Kana malees mirga walii wajjiin haasa’uu illee dhabnee jirra,” jechuun hundeen gaaffii isaanii sirna akkasii bifa kamiinuu ofirraa kaasuu ta’uu hubachiisee jira.
Kana malees, itti gaafatamtootni siyaasaa wayyaanee mooraatti affeerramuudhaan “waan isiin jenne hin fudhattan taanaan rakkooo biroo keessa galuuf jirtu. Kanaafuu osoo rakkoon isin irra hin ga’iin dura ilaalcha ammaa kana keessaa ba’aa,” jechuun barattoota sodaachisuuf yaalan illee diddaab barattootaa ammas itti fufee jira.
Kana irra dabrees, “ijoolleen kun mootummaa mormaa jiru,” jechuun waraana mooraatti naquudhaan gaafa 29/06/2011 irraa eegalee humnaan qormaatichi akka fudhatamuuf “namni har’a hin qoramne rakkoo siyaasaa waan qabuuf seeraan to’atama,” jechuun waraanni wayyaanee meeshaa waraanaan barattoota kutaa qormaataatti galchuuf yaalii gochaa jira.
Barattootnis kunneenis, “kun abbaa irrummaa keessan mirkaneessaa jirtu waan ta’eef isin hingalchu dhimmiichi dhimma mooraati isin hin laallatu ba’aa nurraa,” jechaa akka oolan beekamee jira.
Amma illee barattootni diddaa isaanii itti fufuun, “qormanni homaa miti; garuu abbaa irrummaa akkasiin hin qoramnu,” jechuun ejjennoo isaanii itti fufanii akka jiran beekamee jira. jiru.
Diddaa kana dhaamsuufis, Waxabajjii 30/2011 irraa eegalee barattooti hatattamaan akka mooraa gadhiisanii bahan ajajni kennamuu isaa Qeerroon gabaasee jira.