Qeerroo Adaamaa, Guyyaa Waxabajjii 28,2011/ Mootummaan Wayyaanee TPLF sochii mirgaa fi abbaa biyyummaa dargaggootii fi ummanni Oromoo Oromiyaa keessatti taasisaa jiran irraa soda guddaa qabaatee akka goolamaa jiru biyya lafaa irraa dhokataa miti,sochii kana sodaachuu irraan kan ka’e gaaffii ummanni Oromoo gaafatu karaa nagaa fi sirna dimokraatawaan deebii deebisuu hanqatee hidhuu,doorsisuu,qabeenya saamuu,biyyaa ari’uu fi hiyyoomsuu ajjeessuun furmaata jedhee jedhee itti jira.Ummanni Oromoos tahe human warraaqsaa kanneen tahan Qeerroon Oromootaa gochaa TPLF kanaaf osoo hin jilbeefatiin qabsoo wal irraa hin citiin gaggeessaa jiru.
Haaluma kanaan jidduu kana schii barattoota Oromoo ittiin tohachuuf jecha karoora TPLF baafate keessaa tokko,barattooti Oromoo mooraalee University jiran naannoo sosso’anittis tahe barataa tahuu isaanii kan beeksisu,kana irra darbees hojii kan ittiin argachuu dandayan yoo waraqaa eenyummaa ykn ID cardii WALDAA MISHOOMA OROMO jedhu kan OPDO qabate duwwaa dha jechuun karaa ergamtoota isaanii moraalee keessatti labsaa jiru,barattoota garii dirqiin akka fudhatan taasisaa dhaa jiru. Imaamati kun kan lafa kaayame barattoota kanneen sochii dargaggoota keessa jiranii fi hin jirre ittiin adda baafna jedhanii ture,garuu karoorri isaanii kun hunda barataa biratti tooftaa tahuun isaa waan beekamuuf harkatti fashale.
Gowwoomi mootummaa TPLF inni guddaan,barattoota Oromoos tahe ummati Oromoo kanneen sirna mootummaa san jala jiran hund qaama sochii warraaqsa bilisummaa Oromoo tahuu hanga har’aatti hubachuu dhabuu isaati,sochiin Qeerroo bilisummaa biyya biraa irraa dhufee osoo hin taane moorummaa Wayyaanee keessatti wal ijaaruu fi sirna san akka rirmaatti nyaatee kuffisuu keessaa akeeka guddaa qeerroo tahuu beekuu dhabuu isaati.Schiin warraaqsa bilisummaa Oromoo qaamota ijaarsa mootummaan sun qabnu keessatti gadi jabaatee yoo ijaarame malee kan laafee waraqaa eenyummaa ykn ID TPLF kennun gowwomfamu akka hin taane beekuutu itti jira.
Sochiin Qeerroo akkuma warraaqsaa biyya kamiinuu keessatti dargaggooti qooda isaanii kennanii ummata isaanii bilisa baasaniitti kan qabate waan taheef akeeka isaa hamma bakkaan gahutti gochaalee TPLFn kan duubatti deebi’u miti.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
haala muuxannoo qabnu irraa ummatni oromoo mootummaaan halagaa
ummata oromoof biyya isaa akka laayyoootti gadhiisa jechuun gowwuma dha
kanaaf furmaatni isaa qabsoo oromoo tooftaa dda addaa fayyadamuun
kan nama shakkisiisu miti kanaafis oromoon tokkummaa keenya cimsuutu wayyane
hundeen buqisa utuuu hundi tokko taane waan hundaa xumurata
opdonis garaa isaaniif do’uu irra kan isaan gammachiisu lammiin oromoo roorro fi gidiraa
irraa yoo bil;isoome dha
ani maaliif gurra isaan fi sammuuu isaaniii kan summesse naa hin galu yeroo tokko
opdon condom wayyaneti jedhame kun dhuguma dha
waan hundaaf isheen ayyan illaalte dh autuu haalli jijjirame garuma sanatti foqooqxi
kanaaf bara ammaa kana qeerroon kana raawwachaa jiru bayyee nama gammachisa hundi keenya cinaa dhabachuun hunda dura kan ilaalamu dha
nagaatti
john
melbourne
australia