(Gabaasa Qeerroo Hawaasaa, Waxabajjii 09,2011)University Hawaasaa keessaa yeroo adda addaatti barattoota Oromoo qaroo fi jajjaboo tahan badiin tokkoon malee nama hidhaatti guuramaa turan, gaaffii mirgaa barattooti Oromoo dhiheessaniif deebiin Wayyaanota irraa argamu Hidhaa fi reebicha qofa ture.
Yeroo dhihoo keessatti Qeerroon Oromoo dhaa mooraa University Hawaasaa gaaffii mirgaa gaafataniif jecha barattoota barnoota isaaniin qabxii olaanaa qaban keessaa Gadaa Raggaasaa fi Sayyoo badiin tokkoon malee qabanii hanga har’aa bakka buuteen isaanii hin beekamu.
Haala kanaa fi rakkoo saba cunqurfamaa Oromoo irratti gaaffii mootummaa TPLF barattooti Oromiyaa guutuun kallattiin hundaan dhiheessine hanga ammaatti deebii dhabee rasaasaa fi reebicha,hidhan akka hiree Oromoo taheetti ittiin nu doorsisu.
Gochaalee kana fakkaatu kan nurraan geessisaa jira,Wayyaanotaaf lukkee tahanii haraamuu garaachaaf bulan nu baasisuun akka tahes beekamaa dha.
Mooraa University Hawaasaa keessatti Waxabajjii 07,2011 guyyaa Culture Day jedhamee ayyaaneffatamu akka barattooti Oromoo eegumsa waraanaa fi basaasotaa itti gochuun akka Habashoota waliin ayyaneffataniif walitti fiduuf yaalii goote diddaa barattootaan fashalee jira.
Gootonni barattoota Oromoos guyyaa kana osoo ummati Oromoo hidhaatti dhumaa jiruu, beelaa fi gogiinsaan dhumaa jiruu,osoo biyyaa arihamaa jiruu warra nu fixaa jiru waliin hin ayyaaneffannu kan jedhu diddaa argisiisan, barattooti Oromoo Departmentii Management baratanis bakka tokkotti walitti qabamanii wallee warraaqsaan sirboota Oromoo yeroo jalaqaban humni basaasa TPLF fi warraanni akka isaan wallee tokko illee hin sirbine bittimse.
Yeroo kanatti Wayyaaneef lukkee tahanii warri basaasan Qeerrota Oromoo kanneen qabsiisanii fi akka isaan mooraa University gadhiisanii baqatan kanneen gochaa turan ergamtoota irratti humni hin beekamiin mooraa keessatti tarkaanfii laalessaa irraan gahe, basaasoti kunis haalaan reebamanii miidhaan guddaa irraan gahee jira.
Kanatti kan rifatte mootummaan Wayyaanee humnoota basaasa OPDO kanneen tahanii Oromoota fakkaachuun naanoo doormii fi bakka barattooti wal gahani keessa deemanii warra basaasan fiddee mooraa keessa galchite.
Jarreen mooraa University Hawaasaa keessatti adda durummaan basaasuuf dhufani kanas guyyaa kaleessaa humni hin beekamiin tarkaanfii laallessaa irratti fudhate.
Mooraa University Hawaasaa keessatti Jarreen basaasota diinaa dhiiga ilmaan Oromoo dhugaa bahanii humna hin beekamneen mooraa keessatti trakaanfin isaan irratti fudhatame kun Girmaa fi Kuubaa jedhamanii dha.
Jarri kun yeroo ammaa miidhaa isaan irraa geessisfameen lubbuun keessatti hafnaan hosptala olaanaa akka geeffamanii jiran dhageenya.
Gaafa Waxabajjii 07,2011 basaasota warra reebamee caccabe kana irratti dabalee jarreen amma irratti fudhatame kun qondaalota Wayyaanee rifaasisee mooraa keessa olii fi gadi wacabbaraa akka jiran beekama.
Kun kanas haatahu malee gaaffiin Qeerroo gaaffii mirga saba Oromoo waan taheef sodaachisii fi heddumminni milishootaa,meeshaan waraanaa guguddaan duubatti akka hin deebifne beekamaa dha.
Gabaasa Qeerroo University Hawaasaa
Injifannoon Ummata Oromoof!
Ni Moona!
akkas amle laphee nama qabbaneessa tun
john
australia
melbourne
VIVA Qeerroo!!! VIVA Qeerroo !!!
Jabaadhaa, qeerroo Oromoo yoo gara kutannaan diina lolle ammaa biyyaa ta’uu keenya mirkaneeffannaati! Qabsoon keenya ija akka godhatu shakkiin hin jiru. Diina biyyakeerratti dhufee nagaa nu dhowwe nagaa dhowwannee ofirraa mancaafna!
Jabaadhaa Qeerroo Oromoo, tigree, amaaraa fi lukkeeleef hin jilbeenfannu!
Oromiyaan kan Oromooti!
Jabaadhaa,
Jaarraan kun kan qeerroo Oromoo ti! Qeerroon yoo gara kutannaan diina lollee callaa abbaa biyyaa ta’uu keenya mirkaneeffanna! Qabsoon keenya ija akka godhatu shakkiin hin jiru. Diina biyyakeenyarratti dhufee nagaa nu dhowwe nagaa dhowwannee ofirraa mancaafna!
Jabaadhaa!
Nuti, Qeerroo Oromoo, saba kam irraayyuu jibbinsa hin qabnu! Nuti, kaayyoon keenya biyya keenya abbaa irrummaa jalaa walaboomsuu dha. Haata’uutii, kaayyoon keenya ergamtoota sirna abbaa irree kamiifuu hin jilbeeffatu! Sabbicoonni biyya keenya keessa jiraatan kan akka Tigree, Amaaraa fi lukkeeleen abbaa irree marti dhugaa kana beekuu qaban; nuti ergamtootaaf hin jilbeenfannu!
Oromiyaan kan Oromooti!