Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufe,Wallaga Keessa Magaalota adda addatti Alabaan ABO Fannifame.

(Oduu Qeerroo, Najjoo, Waxabajjii 01, 2011) Wallagga keessa FDG itti fufee naannoo Najjoo, Jaarsoo fi Baabboo jedhamanitti fincilli haala jabaan itti fufee jira,ummanni naannoo kanaas nu gahe gabrummaan jechuun meeshaa malee Wayyaanee soda guddaa itti naqanii jiraachuun qeerroon gabaasa.

Akka kanaan Oromiyaa Dhiyaa, magaalaa Najjoo gandoota 01,02,03 fi 04 jedhaman keessatti sochiin dargaggoota Oromoo(Qeerroo)n durfamu jiraattota magaalaa Najjoo dabalachuun gaafa Caamsaa 23,2011 FDG gaggeessuun beekame.

Fincila kana irratti magaalaa Najjoo kallattii hundaanuu dargaggoonni Oromoo ka’uun bakkoota buufata waajjiroota Wayyaanee irraa alaabaa mallattoo gabromfataa Wayyaanee bakka fannifamee gadi buusuun kan mallattoo qabsoo fi alaabaa ummata Oromoo biratti jaallatamaa tahe kan ABO fannisuun guyyaa tokkoof magaalittii kallattii hundaanuu keessatti balaliisaa oolaniiru.

Guyyuma kana sochii kanatti kan rifatte bulchiinsi Wayyaanee waraana polisii federaalaa yaamuun ummata naannoo san irraa reebichaan bitimsuu yaalii goddaa godhan.Sana malees haala kana qabaneessuu fi ummata dagachiisuuf jecha,waayee ittis laga Abbayyaa irratti ummata degertoota Wayyaanee tahan hiriira magaalaa Najjootti baasuuf yaalii gooteen ummati hiriira san bahe sirboota Ebbisaa Aduunyaa sirbuu fi WBO fi ABO faarfachuun KA’I QEERROO!! Ilmaan biyyaa !! jedhanii sirbaa Wayyaanee qaanessanii deebisuun isaanii beekamee jira.

Sirboota guyyaa sanii fi sochii guyyaa gaafasii rakkoo Network mootummaan naannoo Wallaggaa fi naannolee Oromiyaa kaan irraa hanga ammaatti kutee jiruun yeroon gabaasuu hin dandeenye ture.

Kanatti dabalee Anaan Jaarsoo keessa bakka waajira bulchiisa Wayyaanee keessatti sochiin Qeerroon Oromiyaan durfamu gaafa Caamsaa 28,2011 alaabaa mallattoo gabroomfataa buusuun alaabaa ABO waajjira bulchiinsaatti fannisanuun beekame.

Alabaa  ABO bulchiinsa magaalittiitii fannifamee yeroo dheeraaf ture kana buusuuf sodaatamee waraanni Federaalaa guyyaa lammaffaatti dhufee akka hiiku godhame,soda kana irraas kan ka’e Wayyaneen dargaggoota naannoo fi  jiraattota aanaa sanii hedduu mana hidhaatti geessee akka jirtuuf fi fincilichi hanga ammaas qabanaawee akka hin jirre Qeerroon aanaa sanii gabaasu. Sochiilee naannoo sanaas hir’inoota quunamtiin yeroo yeroon gabaasuu fi kallattiin gabaasuun rakkoo tokko tahee jira.

Kana malees Wallaguma aanaa Baabbootti, guyyuma kana ummata karoora laga Abbayyaa cufuu akka nu degertan jedhuun homnaan ganda irra yaatee hiriira kan baafte dabballoonni Wayyaanee ofii qaanoftee magaala gadhiisuun baqatte.

Ummati guyyaa kana hiriira bahamuuf yaamame ABO fi WBO akkasumas sirboota qabsoo Oromoo faarsan sirbuun gara bulchiisa magaalaa deemee alaabaa Wayyaanotaa buusee morma Sareetti hidhanii magaalaa keessa gadhiisuun beekame, bakka alaabaa gabromfataa bu’e san alaabaa Oromoo kan mallattoon odaaa,urjiin qarri shanii,kuula irraa jalaan diimaa fi walakkaan magariisa fannisuun guyyaa lamaaf bakka sanii kan buusu dhibee oolee bulee injifannoon ummataan fincilichi hanga ammaa itti fufee jira.Aanuma kana keessaa ummata hedduu akka hidha jirtus Qeerroon gabaasanii jiru.

Walumaa gala sochiilee Oromiyaa keessa jiran guutuu akka hin gabaafamneef jecha daandiilee walquunamtii hawaasaa fi humnoota ibsaa waan guutummaatti ciramee jiruuf akka barbaachisee fi yeroo barbaachisaa tahetti dhiheessuu dhabuun ni jira.

Qabsoon itti fufa !  Gabroomsaan ni kufa!!

4 thoughts on “Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufe,Wallaga Keessa Magaalota adda addatti Alabaan ABO Fannifame.

  1. Qeero tolchitee jabaadhu gutuu Oromiyaa fincilaan walin gahi .Fincila aka qaanqee ifee dhaamu oso hinta’in kan guutu Oromiyaa walin gahee gabroomfataa biyeeti maku aka fincila biyya Misraa(Egipt) yaata’u Rabbi nuhaa gargaaru Ameen.

  2. Jabaadhaa jajjabaadhaa! Garuu kanan isin yaadachisuu arbaaduu, wanti barreessitanii ‘site’ kana irratti tamsaaftan hundi wanta qabatamaa qofa ta’uu qaba. Sababiin isaa yoo kijibni keessa jiraate Warri Wayyoonotaa isa keessaa fudhattee ittiin uummata wallalchifti, kana biraan immoo namootni barreeffama kana dubbisanis kun soba jechuudhaan dubbisuu dhiisu waan ta’eef dhugaa irratti hundaa’uun gaarii dha.
    Galatoomaa!!!!!!

  3. fincilli diddaa gabrummaa wabii ummata orommo kan tahaniin qeerroootiin itti fufuun isaa nama gammachiisa ummattnis cinaa dhaabatuun kan nama boonsu dha ega
    wareegamaa fi gidiraa fi roorroo halagaan nama irra geessisu itti nama cimsa tokkummaa oromoo ni jabeessa malee hin laaffisu
    akkas malee qeerroo!!!
    john
    melbourne
    australia irraa

  4. Akkas malee,
    Akkas malee!
    Alaabaa kee ol baaftee kan diinaa gad buuftee
    Hin bitamu jedhtee dhaabattee falmattee
    Meeshaan si caalanis reebamtee hidhamtee
    Yoom abdii murattee ati qaroon biyyaa
    Jaboo akka sibiilaa leenca ilmaan aayyaa
    Rorrifamuu sabaa ilaaluu jibbitee
    Akkas malee Qeerroo kunoo diina eegee murtee
    Qaaniidhaaf salphinaan si baqattee bakkaa
    Baduuf manca’uuf jirtii biraa hin hafin egaa
    Alaabaa hattuu dhaa silas sareef hidhuu
    Ishoo ishoon siin jedha itti naa jabaadhu!
    Anis si cinan jiraa si irraa illee hin fagaadhu
    yoon kaayyoo kee gate rafee of dagadhe
    ykn daddaaqame jajalladhee
    Cubbuun kee na dhiisuu anis of hindhiisu!
    Naa jiraadhu! Naa jabaadhu!
    Humna argadhu
    Hirree fi humni kan kee haa ta’u
    Hattuu fi sobduun si irraa haa ka’u!
    Oromiyaan ni Bilisoomti!

Leave a comment