(Ibsa Qeerroo, Finfinnee, Caamsaa,29,2011)Yeroo ammaa degersa siyaasaa dhabee kisaaraa siyaasaa fi kufaatii keessa kan jiru mootummaan Wayyaanee,diddaa ummata Oromoo fi Ethiopia kaanii of irraa hambsisuu jecha maloota ammaan dura dhahachaa ture harkatti dhumnaan har’a falaasama ittisa laga Abbayyaan yaada jedhuun ummata Oromoos tahe saboota biyyattii keessa jiranitti dibbee tumaa jira.
Lagdi Abbayyaa baroota dheeraaf bakkuma san ture,erga Wayyaaneen aangoo qabattee baroota digdamaan lakkaayaman kana keessa Abbayya barbaachisummaan isaa takkaa hin kaane;falaasama barbaachisummaan abbayyaa qondaalota TPLF itti har’a eessaa mul’ate kan jedhu gaaffii yeroo ti. Rakkoo ummattootaa kan bu’uraa osoo hin furiin Ittifamuun Abbayyaa bakka dhibdee saboota Ethiopia keessa jiranii ittisuu fi cufuu hin dandayu.
Ummati Oromoos tahe sabootiin biro yeroo har’aa kana biyya qaban irra jiraachuu hin dandeenye;qotanii,daldalanii,omishanii fi baratanii soda malee jiraachuu hin dandeenye. Qabeenyi ummata Oromoo, lafti fi albuudni, guutuutti gurguramaa jira;naannooleen lafa Oromoo waa omishuu dandayan martinuu abbootii qabeenyaa biyya alagaa irraa seenanii fi ergamtoota Wayyaaneetti gurguramee dhumaa jira.
Oromoon waan nyaatuu fi bakka jiraatu dhabee qe’ee isaa irraa heddumminaan godaanaa jira,humni dargaggoo kanneen biyya ijaaruu dandayanii fi qaroon ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuramaa jiru,kaan biyyaa arihamaa jira.Biyyi Oromiyaan kan dureessoota alagaa taatee guutuutti gurguramaa osoo jirtuuf mishoomaa fi Abbayya ittisuu kan jedhuun ammoo gurra ilmaan cunqurfamaa Oromootti dibbee dhahuun daranuu tuffii ummata Oromoof qaban muldhisa.
Guutummaa ibsa Qeerroo: Ibsa Qeerroo, Caamsaa 29,2011