Harargee Dhiha, Magaalaa Cirootti Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufe

(Odeessa Qeerroo, Ciroo, Oromia, Caamsaa 23, 2011)Oromiyaa keessatti Fincilli Diddaa mootummaa TPLF itti fufuun Harargee Dhihaa magaalaa Ciroo keessatti itti Caamsaa 23,2011 itti fufee oole.

Fincilli Dargaggoota Oromoo fi ummata Oromoo naannoo Ciroon kan qindaawe yeroo tahu jalqaba gaafa guyyaa Kamisa darbee Caamsaa19-05-2011 saganteeffame ummtni walitti yaaée. Guyyaa kana roobni (bokkaan) guddaan waan roobeef odoo akka yaadan hin tahin ummanni sababa roobaatiin ykn bokkaatiin adda bahe.

Hará Caamsaa 23-05-2011  immoo ummanni naannoo hundarraa yeroon walitti dhufe hiriira isaa jalqabe itti jira.

Yeroo kanattis warri Wayyaanee humna waraanaa naannoo san qubachiisee jiruu fi loltoota hidhannoo guutuun fi meeshaa qabatan dabalataa ummatatti bobbaasuun reebichaa fi dhitichaan ummata naannoo irraa ari’uuf yaaluu malee gaaffiin ummata kanaa maali jedhanii dhagahuufis tahe deebisuuf tasumaa gurra hin ergifne.

Kanas tahee mootummaan TPLF humna guddaa itti bobbaasee hiriira kana addaan dhorkuuf yaalii guddaa godhee ture, Ummanni Oromoo hiriira kana irratti argaman garuu, Oromiyaan ni bilisoomti!, lafti kan abbaa biyyaatti, qabeenyi Oromoo hin saamamu! Ifii hagabnee diina hin nyaachifnu. Gabrummaan nu gahe fi kkf dhadannoo dhageessisaadhaa turan.

Gama boodaa waraanni TPLF human dabalataan dhufee ummata reebichaa fi lafa irra harkisuun naannoo san irraa deemsisuu haayalu iyyuu malee finccilli kun yeroo gabaabaa keessatti akka qindaayee itti fufu beekkamee jira.

2 thoughts on “Harargee Dhiha, Magaalaa Cirootti Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufe

  1. Dhaloonni nu boonsaa jirtan, nageenya bakka jirtanitti, milkii fi injifannoo hojii fi sagantaa fi karoora keessaniif hawwa.
    Dhugaa dubbachuuf Oromoo ta’ee kan dhaloota qabsoo bilisummaa Oromoo onnee guutuun afitti fudhate (Qeerroo)n kan hin boonne hin jiru. Yaadaa fi qalbiin, akkasumas waan barbaachisu maraan Ummanni Oromoo akka isin waliin jiru hin shakkiinaa.Jabaadhaa!!!!

  2. jabaadhuu itti fufi nimoota rabbi si wajji jira hamileen koo kan %70 turee amma %100 dhaqee jira siwajji jirra kun wanumaa yaada turre akkaan tahu akka maleen tahuu dhufuu numa hin olle bilisummaan tenyaa jachuu turee arra immo heddu gamadee akkamiin gargaarsa kara diinagdeetiin isin dhaqabuu dandeenya yaada ja’u qaba yaa lammi tiyya bilisumaan tan ummata Oromooti arraas boruus

Leave a comment