“Xurii Irraa Deebinee”nutis of Qulqulleesine, Jedhu basaasonni Duraanii


Beekaas ta’e osoo hin beekiin waan balleessaa turre irraa deebine.

(Odeessa Qeerroo, Ciroo, Oromia, Caamsaa 23, 2011) Beekaas tahe wallaalummaan diinaaf ergamtuu tahanii lammii isaanii kanneen basaasaa bahan ilmaan Oromoo haalli itti turan miidhaa saba isaanii fi mataa isaanii irrattis akka fidu beekanii gara daandii warraaqsaatti deebi’uuf jecha of qajeelchan; Sochii Qeerroo waliinis dhabbatanii kaayyoo qabsoo ummata Oromoo bakkaan gahuuf murteeffachuu isaanii Sochii Warraaqsa Qeerroo Shawaa Kaabaa jirutti of beeksisan.

Wallaalummaa irraan kan ka’e lubbuu fi maatii keenya jiraachisuuf jecha baroota dheeraaf ummata keenya basaasuun diinaaf kennaa turreerra,bultii keessa yeroo laalaa deemnu jireenyi ummata keenyaas tahe maatii keenyaa akkasumas guutuun Oromiyaa gadi deebi’uu fi gara badiinsaatti yeroo deemu argaa jirra.

Biyya dhalanne irratti guddaan nama keenyaa yeroo salphatu,shammarraan Oromoo gadaantummaan yeroo cunqurfaman,qabeenyi biyya Oromoo samamee yeroo dhumu,hiyyummaan akka hiree Oromoo taheetti haamleen nu cabee jiraachuu yeroo dadhabnu argaa jirra.

Kana ammoo kan godhe nu warra ergamtuu diinaa taanee diinaaf ulee ta’uun yakka seenaa keessatti guddaa tahe raawwataa bane.

  1. Haalli gochaa sukkanneessaa akkasiitti akka hin deebinee fi waan gochaa baaneef ammoo ummata Oromoos tahe dargaggoota Oromoo yeroo ammaa qabsoof finiinee ka’e dhiifama gaafanna.
  2. Nuti yeroo dheeraaf irra deddeebinee mariyataa murtii armaa gadii of irratti fudhachuu keenya beeksifna.
  3. Sochii Qeerroon Oromoo godhaa jiran guyyuu argaa waan jirruuf bakka jirrutti sochii kana keessatti qaamaan hirmaannee fiixa baasuuf murteeffannee jirra.
  4. Diinaaf yeroo dheeraa akkuma hojjetaa turre,amma ammoo akkuma Oromoon mammaaku”nyaadhuu,nyaadhuu gama fira kee galagalii liqimsi” akkuma jedhan gara saba keenyaatti deebinee dantaa ummata keenyaaf hojjechuuf waadaa walii gallee jirra.
  5. Haga diinni Oromoo kufee ummanni Oromoo buquu ol qabatee deemutti karaa fedheen qabsaawuuf murteeffannee jirra.
  6. Basaasonnis tahe warren akkuma keenya diinaaf ulee ta’anii hojjetaa jiran akka hojii kana irraa of qusatanii gara qabsootti deebi’an waamicha goonaafi.
  7. Guyyaa tokko ummanni keenya seenaaf nu gaafachuun isaa waan hin oolleef jecha yeroon gochaa keenya irraa deebi’uu keenyaaf kan ragaa tahu maqaan keenyaa fi suuraan keenya tarreesinee erganne kun seenaaf nuuf haaqabamu.

Hojiin Qeerroo fiixa ni baha!

Oromiyaan ni bilisoomti!

2 thoughts on ““Xurii Irraa Deebinee”nutis of Qulqulleesine, Jedhu basaasonni Duraanii

  1. Alagaan ajajamun goobanaafu hinta ane…Gabroonfatu un habashaa orom iyaaf gorortee,qa beenya oromo saa muuf mala baafat e,humnaan itti ifla ate,sirna gadaa ja baa tahu hubatte, oligad ceetee warr a aworoopaa mee shaa waraanaa ga rgaarsifatte.Dedd eebitee oromoo w eerarte, irree gaa mmee fi qeyroo or omo gafasiitiin ba yxee yaate. fardi qeyroo haga kaabati keessa bu rraaqe,sodaa qee yroo goda awwalo walnaqee,jabeeny a sirna gadaa qora tanii,baradheera booda mala baafa tnii,oromotti sodd oomani kaan froonfatanii…Itti fufa.

  2. bayyee kan nama gammachiisuuf namattii toluu dha ejjennoo ykn murteeffannaa jaallewwan kenyaa kun fudhatan.sababnisaa utuu ilaalanii sabni ofii osoo miidhamuu alagaaf afaan ta’anii dubbachuun kan nama yellaasisuuf saba ofii birattii kan nama tuffachiisuu dha. kanaaf jallewwaan hafanillee osoo Oromoon biyya isaa irratti dhiitamaa jiruu ilaaluu osoo hin taane qabsoo QEERROON hogganamu cina hiriiruun Ummata isaaniif akka dhaabbatan dhaamsa kiyya dabarsa. galatoomaa

Leave a comment