(Oduu Qeerroo, Finfinnee, 16 Caamsaa 2011) Diddaan Barattoota Oromoon eegalame gara ummataatti ce’uun gidduu kana magaalaa Finfinnee keessatti abbootii qabeenyaa Taaksii fi shufeerota Taaksiin eegalamee jira.
Qeerrooleen Oromoo diddaa kana irratti hojajtana akka gabaasanitti, naannoo Finfinnee karaa Garjii fi karaa Taaxaq geessuu irratti fincilli dargaggootaa fi ummata oromoo naannoo sana jiraatuun ka’ee jira. Fincilli kunis itti fufa Fincila Qeerroon bakka bakkatti kaasee tahuun mirkanii dha.Walumaa galatti, rakkina jireenyaa fi bulchiinsa haqaa fi siyaasaa waliin kan walqabate diddaan olaanaa motummaa Wayyaanee irratti babalátaa jira. Mootummjichis sochii ummataa bakkaa bakkatti dhodhowaa jiru kana ukkaamsuu fi dhoksuuf tattaafatu illee harkaa bahaa jiraatuun kan hundi argaa jiru dha.
Karaa biraa Odeessa biyya keessaa waan Geejiba ( Taxi ) dhuunfaalee gayyaa gaafa 16/04/2011 ganamaa kaassee geejibinni akka hin jireefi namoonni baayyee lafoon deemaa akka tura.Gariin geejiba dhabanii gara hojii deemuuf akka rakataa jiran himama jira.
Kun odoo kanaan jiruu mootummaan warri Abbaa Taaksii hiriira bahuuf akka barbaadab ega mirkaneefateen booda dabbaloota fi warra federalaa ufata sevile ufachiisanii gandaa fi karaa gubbaa deemuun bakka Taxin dhaabattetti dirqiin akka hojii eegalu,Yoo sana hin goone Plate No isaanii qabatanii akka mana murtiitti isaan dhaabaan doorsisuun warri abbaa Taxi bifa kanaan dirqamaati jiru.
Bakka bakkatti taaksi mootummaa warra Taxii reebuu fi qabanii deemuun mulátu illee jeequmsi FF keessaa hará guddaa dha. Sababa Warri Abbaa Taxi hiriira bahuuf isaan dirqisiise keessa tokko taappellaa yookaan lakkoofsaTaaksiin tokko naannoo isaaf ramadame malee akka hin dalagneef ka isaan daangessu sana karaa Ministeera gejibaan baheen booda mormmii sanaafi.
Kana malees,boba’aan qaalahuun isaas sababa tokko ta’uun beekamee jira. Jijeenyii qaalahuun immoo hundee rakkian biyyattii ta’ee kaka’umsa kanaaf sababa ta’aa akka jiru ifatti mul’ataa jira.