SEENAA GABAABAA GUYYAA GOOTOTA OROMOO (EBLA 15)

SEENAA GABAABAA GUYYAA GOOTOTA OROMOO (EBLA 15)

 QOPHEESSAAN:  Qeerroo Bilisummaa Oromoo

FINFINNEE, OROMIYAA

Seenaa Guyyaa Gootota Oromoo (Ebla 15)

cropped-qeerroo11-4.jpgABOn bara 1973 Hundeeffamee Sagantaan Siyaasaa isaa bara 1974 barraa’uun bara 1976 ragga’ee hojii irra ooluu eegale.  ABOn ijaaramuu irraa eegalee hojii gurguddaa hojjechaa ture; bara ABOn ijaarame Oromoon ani Oromoodha ofiin jedhu muraasa, ABOnis ijaaramuu irraa eegaluun eenyummaa Oromummaa barsiisaa ture. Haala kanaan qabsoo hidhannoo, Dippiloomaasii, Siyaasa ,Uummata Oromoo dammaqsuu irratti jabinaan hojjetaa ture. Bara 1978 walakkeessa irraa kaasee hanga dhuma 1979tti ABO’n haala akkaan rakkisaa keessa ture. Yeroon kun yeroo lolli Somaaliyaa fi Itoophiyaa dhumatee waraanni Ziyaad Barree ari’amee bahedha. Mootummaan Dargii humna ABO kan reef ijaaramaa jiru dhabamsiisuuf duula wal-irraa hin citne itti bobbaasee lola jabaa ABO waliin geeggessaa ture. Waraanni Bilisummaa Oromoo Baalee, Arsii fi Harargee keessatti duula kana of irraa deebisuuf lola ciccimaatti seene. Bara sana haalli jiru ulfaataa waan tureef Quunnamtiin Waraana Bilisummaa Oromoo illee addaan citee waraanichi ni faca’a yaaddoon jedhu  guddaa ture.  Garuu Waraanni Bilisummaa Oromoo akka yaadda’ame sana hin taane duula Dargii of irraa qolachuun injifannoo argatee Amajjii 1, 1980 walitti dhufuun  ayyaana guddaa ayyaaneffate sanarraa ka’uunis Amajjii 1 bara baraan guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoofi seensa Bara haaraa jedhamee akka kabajamu ABOn murteesse hanga har’aattis dhalootaa dhalootatti darbuun kabajamaa  jira.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo humna dargii cabsuun injifannoo gudda argate. Hoogganoonni ABOs injifannoo gama Waraanaan argame gama Siyaasaanis itti fufsiisuuf Bitootessa 1980 keessa Hoogganoonni Arsii, Baaleefi Harargee irraa walitti dhufan. Hoogganoonni Dhaabaa Biyya alaa turanis Mootummaa Somaaliyaa waliin dubbachuun Waajjirri ABO akka Moqaadishootti banamu taasisan. Hoogganoonni ABO haala mijataa sanatti fayyadamuun Hoogganoonni biyya keessaafi alaa qaamaan wal arganii dhimma Jaarmiyaa Dhaabaa irratti mari’iachuun murtii irra ga’uuf yeroo murteessaa ta’ee argame.  Kanaanis Hoogganoota ABO Oromiyaa jiran keessaa jiilli tokko kan Hayyuu Duree fi Itti aanaan Hayyuu Duree keessatti argamu akka gara Moqaadishootti bobba’aan murtaa’e. Akka kanatti Hoogganoonni  ABO kudha tokko:

  1. Jaal Bariisoo Waabee ( Jaal Magarsaa Barii) – Hayyuu Duree ABO yeroosii
  2. Jaal Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee) – Itti Aanaa Hayyuu Duree ABO yeroosii
  3. Jaal Abbaa Xiiqii (Abboomaa Mitikku)
  4. Jaal Doorii Barii (Yiggazuu Bantii)
  5. Jaal Falmataa/Umar Caccabsaa
  6. Jaal Faafam Dooyyoo
  7. Jaal Irra aanaa Qacalee (Dhinsaa)
  8. Jaal Dhaddachoo Booruu
  9. Jaal Dhaddachoo Mullataa

10 ,Jaal Marii Galaan gara Somaliyaatti bobbaa isaanii itti fufan.

Hoogganoonni  ABO kunneen galfata Qabsoo Bilisummaa fuudhanii imala isaanii itti fufan. Deemsa guyyaa muraasaa booda gammoojjii Ogaadeen bakka Shinniiggaa jedhamu yeroo gahan garuu  haalli isaan hin eegne isaan mudate. Bakka sana humna waraana Somaaliyaa irraa hafee biyya saamuu fi jeequ shiftoota Ziyaad Baarreetu ture. Hoogganoonni ABOs osoo hin beekin marfama waraana shiftaa somaaliyaa seenan. Waraanni Somaaliyaa sunneen jibba guddaa ABO fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo irraa waan qabaniif Hoogganoota ABO kanneen qabuun hedduu hiraarsan. Uffata irraa baasuun paantii duwwaatti hambisan.  Harka duubatti hidhanii reeban, dararaa guddaa irran ga’aanii, osoo lubbuu isaanii hin galaafatinis caarraa tokko kennaniif innis: warri Kristaana taatan gam-tokkotti, warri Islaama taatan gama biraatti bahaa jechuun Amantaan addaan qooduu yaalan. Gootonni Hogganoonni ABO kunneen  garuu nuti Oromoo jennee baane malee kiristaanaaf musiliima jennee hin baane, yoo nu gadhiiftan wal faana nu gadhiisaa yoo nu ajjeeftan ammoo wal faana nu ajjeesaa jechuun gootummaan Oromummaaf dubbatan akeeka itti manaa baa’aniif amanamaa ta’an. Shiftoonni somaaliyaa ziyaad baarreetiin hoogganaman sun silaa Warra Kirstaanaa Ajjeesuun warra Musiliimaa immoo gadi dhiisuuf turan,  garuu hoogganoonni ABO Oromummaaf mana ba’aan Nuti Oromoodha jechuun guca Oromummaa dhiigaa isaaniin ibsan. Shiftoonni Ziyaad Baarrees ejjennoo Hogganoota ABO erga hubatanii booda Ebla 15 bara 1980  hoogganoota jajjaboo ABO kudha tokko gara jabeenya guddaan ajjeesuun boolla tokkotti Awwaale.  Gootonni Hogganoota ABO Oromummaafi Oromiyaaf jecha harka shiftootatti dhuman boollaa tokkottis awwaalaman. Hoogganoonni ABO Musiliima ta’an warra kaan irra adda ba’uun lubbuu isaanii olchuu ni danda’u turan garuu isaan Oromummaaf gatii kennuun hiika  jaallummaa isa dhugaa agarsiisanii wareegamaaf of Kennan. Akeeka qulqulluu ABO sana irratti hadhaa du’aa waliin waliif dhamdhaman Oromummaa dhiigaafi lafee isaaniin gad dhaaban ,daandii dhiigaaf lafeen saaqan. Yeroo Hoogganoonni ABO Hayyuu Duree fi Itti aanaa Hayyuu Duree dabalatee hoggannoonni olaanoo Dhaabichaa itti wareegaman yeroo itti ABOn sirnaan gad ofdhaabaa tureedha. Hoogganoonni Dhaabichaa altokkotti akkasiin dhumachuun dukkana guddaa mooraa ABOtti fidee ture. Galanni Qabsaa’ota Oromoof haa ta’u malee ABO dukkana sana keessa qabsoon ba’e.

Waggaa tokko boodas wareegamni ulfaatan kan Shinniiggaan wal fakkaatu Dirree Dhihaatti Hogganoota ABO mudate. Yeroos Qabsoon Hidhannoo Dirree Dhihaatti Akka eegaluuf ABOn hooggana ramade.  Sagli lamas dabaree dabareen gara Ertiraatti erguun eega leenjisee booda, Qabsoo hidhannoo akka eegalaniif namoota 17 Gara Zoonii Dhihaatti bobbaase.

  1. Daawud Ibsaa, Abbaa saglii
  2. Abbaa Caalaa Lataa , Itti Aanaa Abbaa saglii
  3. Jaal Tottoobaa Waaqwayyaa, Dabballee saglii
  4. Jaal Birruu Taasisaa, (Gabbisaa)
  5. Jaal Caalaa Ulmaanaa, (Kormee Dinqaa)
  6. Jaal Taarreqanyi Ayyaanaa, (Waaqgaarii)
  7. Jaal Abdallaa Raggaasaa
  8. Jaal Suleemaan Raggaasaa
  9. Jaal Waaqoo Guyyoo (Abbaa Gadaa)
  10. Jaal Abdulra’uuf
  11. Jaal Miijanaa Yandoo
  12. Jaal Adam Amaan
  13. Jaal Saanii Abdullaahi (Kerkedee)
  14. Jaal Yohaannis Dinqaa (Wayyeessaa)
  15. Jaal Kabbadaa Fufaa (Gambel)
  16. Jaal Taaddalaa Makuriyaa (Bayyanaa)
  17. Jaal Abduqqee (Habbuuqaa) turan.

Haala kanaan qabsoo Hidhannoo Dirree Dhihaa Saaquuf hoggannooni ABO sudaan irra bobbaa’an. Mootummaan Dargiis qabsoo ABOn geggeessu hundee irraa gogsuuf duula jajjabaa ABO irratti geeggessaa ture.  Hoogganoonni ABO warri Dirree Dhihaatti Qabsoo Hidhannoo eegaluuf bobba’aanis hojii uummata dammaqsuu, ijaaruu fi barsiisuuf dursa kennanii hojjetaa turan miseensota haaraas ofitti dabalachuun qabsoo jabeessan. Haala kanaan Taaddasaa Shorroo fi nama tokko ofitti dabaluun Abbaan Sagli jaal Daawud Ibsaafi Itti Aanaa Abbaa Saglii jaal Abbaa Caalaa Lataa namoota sana bakka lamatti qooduun gareen tokko kan jaal Daawud keessa jiru gara Gidaamiitti gareen tokko kan Abbaan Caalaa keessa jiru ammoo gara Begiitti mudde 21, bara 1981 dirqama qabsoof bobba’aan deebi’anii bakkatti wal arganis akkatti wal arganis waliif himanii ture kan deeman.

Haa ta’u malee, gareen lamaan milkiin walitti hin deebine. Gareen Hayyuu Duree ABO ammaa Jaal Daawud Ibsaan durfamu Gidaamii Ganda Giraayii Sonkaatti Mudde 23, 1981 ajaja Nugusee Faantaa itti gaafatamaa Kutaa Wallaggaa yeroosiin, Zakkariyaas Shorroo fi Dirribaa Moggaa, Hiikaa Masaadii bulchaa Aanaa Gidaamii yeroo Sanaa wajjin qindeessanii Akka summiin nyaatatti naqamee Hoogganoota ABO garee jaal Daawud fi Obboleessa Zakkaariyaas Shorroo, Taddaasan Shorroo keessatti argamuuf karaa obboleessa Isaa Zakkaariyaas Shorroo kennamu godhan.  Zakkaariyaas Shorroo obbolleessa isaa Taaddasaa Shorroo fi Hogganoota ABO kanneen akka:

  1. Jaal Daawud Ibsaa 
  2. Jaal Tottoobaa Waaqwayyaa
  3. Jaal Hinsarmuu
  4. Jaal Adam Aman
  5. Jaal yohannis Dinqaa
  6. Jaal Suleemaan Raggaassaa
  7. Jaal Shaanqoo fi
  8. Jaal Taaddasaa Shorroo

Summii Mootummaan Dargii Qopheesse nyaachise, Obboleessa Zakkaariyaas Shorroo Taaddasaa Shorroo dabalatee Hogganoonni ABO saddeet (8) summii  nyaatanii bakka tokkotti dhuman. Jaal Daawud Ibsaa osoo lubbuun keessa jiruu waraana Dargiin qabamanii gara Hospitaala Dambii Doollootti geeffamanii achirraa gara mana hidhaa maayikelaawwiifi kaanitti gidiraa argaa turan.  Ilaalaa obboleessatu Obboleessaaf summii kennee ajjeessaa.  

Hoogganoonni ABO qabsicha gad-dhaabaa turan turtii Waggaa tokko keessatti jumlaan shiftaa Ziyaad Barree fi Dargiin dhuman. Qabsoon hidhannoo Dirree Dhihaa  quuqee gad ba’uuf sochiirra ture jalqabumaan rakkoo guddaafi ulfaataan quunname. Oromiyaa har’a dhaloonni kun argaa jirru dhiigaa fi lafee hedduutu itti dhangala’e, gootota Oromoo daanuutu itti wareegame, Oromoofi Oromiyaa olchuuf olmaa guddaa kan oole ABOnis gootota heddu itti dhabe.  

Hogganni ABO hafe wareegama Ebla 15, 1980 Shinniggaatti muddateefi Mudde 23, 1981 Dirree Dhihaatti mudate obsaa fi Murannoo keessa darbuuun Hoggaanni ABO  bara 1984  mari’atanii Murteessuun Bara 1985 irraa eegalee  Ebla 15, Guyyaa Gootota Oromoo ta’ee bara baraan  akka kabajamu ABOn  labse. Heera ABO Aangoo 56 muraa 2 irrattis Ayyaannoota ABOn kabaju keessaa tokko ta’ee  sirnaan ragga’e.

Bara 1985 irraa eegalee Ebilli 15 Guyyaa Gootota Oromoo jedhamuun bosona Oromiyaa fi gammoojjii biyya ormaa keessatti sabboontota Oromoon kabajamaa turee har’as kabajamaa jira. Keessumaa miseensonni ABO biyya keessaa dhoksaan yoo kabajan kanneen biyya alaa fi dirree qabsoo jiran immoo ifaan kabajaa turan.

Har’a uummanni Oromoo Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Oromiyaaf jecha wareegaman itti yaadatu ta’ee kabajaa jira.

Ebla 15tti Wareegamtoota Qabsoo Bilisummaa Oromoof kufan cufa guyyaa itti yaadannuudha. Guyyaa itti irbuu hareffannuudha.

Injifannoon Uummataa Oromoof!

  

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s