Jobirri uummata Oromoo ABO’n akka saffisaan kaatuuf qoochoof miilli isaa walii galuu barbaachisa!

Jobirri uummata Oromoo ABO’n akka saffisaan kaatuuf qoochoof miilli isaa walii galuu barbaachisa!
Qalbeessaa Dhangi’aatiin

Muddee 16,2021Abdii fi gaachana uummata Oromoo kan ta’e, fuuldurattis naatoof mararteen saba keenya Oromoo ABO’n wayiita ammaa hadiida injifannoo irratti argama. Gudunfaa injifannoo isaa milkeessuuf, saba keenya Oromoo nagaaf nageenya isaa bakkatti deebisuuf qaamoleen ABO’f miilaaf qoochoo ta’anii, Joobira uummata Oromoo ABO utubuun asiin gahan har’as hariiroo dhangi’amaa waliin qaban sana jabeessanii itichuun furmaata fardii ammatti isa barbaachisudha. Akkuma olitti eeruu yaale Addi Bilisummaa Oromoo saba keenya Oromoof Joobira humna guddaaf umurii dheeraa qabudha. Joobirri kun Joobira ta’ee itti fufuuf miilli isaa fayyaa ta’ee jiraachuu qaba. Akkasuma fayyummaan qoochoo Joobira kanaas barbaachisaa akkaan feesisaa ta’uu hubachuun barbaachisaadha.

Qaamoleen ABO’f miila inni ittiin deemuuf, qoochoo inni ittiin balali’u ta’aa turan qaamota gurguddaa afurtu ture afurtus jira. Isaanis: qaama waraanaa (WBO), qaamota miidiyaa arrata dhaabichaa, qaamota siyaasaa dhaabichaa, fi qaamota dinagdee ABO ti. Qaamoleen kun utubaaf wiirtuu dhaabichaa, kuula dhaaba kanaaf qaroo dhaabichaa, addatti ammoo haamilee saba kenya Oromoo tiksuu fi saba keenya walitti fidanii tokkoomsuu irratti dhaaba Oromoon qabu ABO diinaaf firoota diinaa irraa tiksanii asiin gahuu irratti qooda fakkaataa hin qabne bahataniiru.

Kana yeroon jedhu kanneen ABO ta’anii dalagan caasaa arfan kana qofa jechuu kiyya miti. Caasaan dirqama jiraachuuf dhabamuu ABO murteessu isaan arfan olitti kaase ta’uu amannee fudhachuu akka qabnu ibsuu barbaadeeni.

Caasaan kunneen bakka jiraniif sarara qabatanii jiran irratti cimanii hojjechuun milkaa’ina qabsoo bilisummaa Oromoof isa murteessaaf dirqama barbaachisu ta’uu isaa hubachuun fardiidha.

Addi Bilisummaa Oromoo jiraachuun Oromoon jiraachuudha, ABO’n dagaguun boquun saba keenya Oromoo dagaaguudha, mirgi jiruuf jireenyaa mirgi amantaa fedhan waaqeessuu Oromoof akka ragaa’uuf murteesaaf inni olaanaan jiraachuu ABO ta’uu amanee eenyuyyuu fudhachuu qaba.

ABO’n humna waraana Oromooti. ABO’n humna siyaasaa Oromooti. ABO’n humna dingadee Oromoo akkasuma ABO’n humna miidiyaa Oromoo kan sarbama mirga namoomaa saba keenya irra gahu saaxiluuf daangaa sarbama mirgaa qaamolee idil addunyaa waliin itti adeemuu ta’uu amanee fudhachuun dirqama dhalootaati. Qaamoleen arfan adda Bilisummaa Oromoof miilaaf qoochoo isaati. Eenyutu miila, eenyutu qoochoodha jennee addaan baasuu yaaluunis qaamuma tokko lama taasisanii hiika itti kennuu waliin wal fakkaata. Martuu miilas qoochoos ta’ee ABO adeemsisee hadiida injifannoo, hadiida goolaba garbummaa irraan gahee akka jiru namuu amanee fudhachuu qaba.

ABO keessatti caasaa siyaasaa humna waraanaa isaa caalchisanii ilaaluun, humna miidiyaa ABO, humna dinagdee caalchisanii ilaaluun, walumaa gala jaarmiyaalee ABO jala jiran wal madaalchisuu yaaluun akeeka cubbamaaf akeeka wal’aalummaatti akka nu geessuu malu cimsinee hubachuun barbaachisaadha.

Fakkeenya mana galma diinaaf waajjira diinaa ta’ee tokkoo fudhannee haa ilaallu.

Qe’ee Oromoo bakka ta’e tokko keessatti manaaf galmi diinni Oromoo uummatuma keenya irraa kireeffatee keessatti hojii guyyaa gaggeessu jira. Manni sun “waajjira olaanaa humna tika biyyoolessaa” jechuun diinni itti gargaarama ha jennu.

Addi Bilisummaa Oromoo mana kana qorannaa jabaadhaan bira gaha. Kunis caasaan ABO 4 mana kana bira diinummaa dalaguu isaa bira gahan ha jennu. Caasaan ABO 4 galma diinaaf buufata diinaa kana bakka isaa waliin baranii, qabsoodhaan manicha bira gahan achumatti wal argan.

Isaani: caasaa Waraanaa (WBO), caasaa miidiyaa arrata dhaabichaa, caasaa dinagdee fi caasaa siyaasaati ha jennu. Bakka tokkoof guyyaa tokkotti dhimma mana sanaa osoo quba wal hin qabaatin caasaan arfanuu murtii dabarsan.

Wal quba qabaachuu dhabuudhaan, wal dubbisuu dhabuu irraa caasaaleen arfanuu murtii isaan fudhatan miidhaa qabaachuu mala. Wal quba qabiinsaan taanaan yeroo kamuu waan milkaa’aa akka dalagan hubachuun barbaachisaadha.

Egaa akkuman jedhe Caasaan WBO, manicha gubee barbadeessuu murteesse ha jennu. Caasaan miidiyaa ammoo oduu qindeessee uummata Oromoo biraan gahuuf murtii irra gahe. Murtiin caasaa dinagdee ABO ammoo manicha gurguree maallaqa argamsiisuu ture. Akkasuma caasaan siyaasaa ammoo waa’ee mana sanaa qorachuu, abbummaa isaa baruu, qabeenya diinni itti fayyadamu kana yoo akkamiin dhabamsiisuun danda’ame uummata Oromoo biraa ABO’n jaalala horata jedhee qorannoo jalqabe.

Akkuma carraa ta’ee guyyaa qaamoleen kun dhimma mana sanaa irratti murteessanii dabbalootaaf kanneen hojii sana goolaban bobbaasan guyyaa tokko ture. Humni waraanaa akkuma ajajametti mana galma diinaa sana dhaqee gubee barbadeesse. Akka manni sun gubateyyuu addaan osoo hin baafatin caasaan miidiyaa arrata dhaabichaa ammoo miidiyaaf tamsaase. Caasaan siyaasaa qorachuuf hawwaasichatti bobba’e. Caasaan dinagdee ammoo akkaataa qabeenya mana sana keessa jiru galii ABO’f oolchu irratti murteeffatee gaafasuma bobbaa taasisa.

Manni gubate sun kan uummata nagaa kireeffamee jiru malee kan mootummaa waan hin taaneef, gubachuu mana sanaa irratti uummati naannichaa mana uummata nagaa gubate jechuun mufannaa guddaa kaase. Miidiyaan arrata dhaabichaa ammoo manni diinaa sun eessatti akka argamuuf, maal irra akka jiru gabaasaa waan ooleef mana sana kan gube ABO ta’uu ragaa qabatamaa keessaa akka tokkootti yaada kennisiise. Miidiyaan manaaf galma diinaa, waajjira diinaa jedhee miidiyaan dura jaallatan haala kanaan gabaasuutti dabalataan uummati miidiyaa abdataa ture kana irraa akka abdii kutu taasise. Akkamiin waan nuti beeknu, waan nu biraa sobanii akkatti gabaasu, mana namni dafqee ijaarrate barbadeessuun maal jedhama kan jedhu lola guddaa uummataaf ABO gidduutti uume.

Caasaan siyaasaa akkuma dhimmicha qorachuu dhaqeen manichi abbummaan isaa kan uummataa nagaa Oromoo ta’uu dhaga’ee gubachuu mana saanas ergaan takkaa dhaga’e. Uummati mufannaa kaasuu mala jedhees naasuuf aarii keessa seene. Dhagaa as deebi’ee dhaaba isaa irratti darbatamuuf holola qindaa’ee ABO ittiin jibbisiisuu danda’u ulaa diinaaf banan jechuunis mufate. Kanaafis qaama mana sana gube balaaleffachuu murteesse. Osoo sana murteessee jiruu miidiyaan arrata dhaaba isaa dhimma kana gabaasaa akka jirummoo dhaga’e. Daranuu ammas aare. Mana sana gubuu WBO tiif ragaa akka ta’utti miidiyaan gabaasan. Maaf hojiin WBO jibbisiisu, kan ABO tti akka uummati mufatu godhu dalagama jedhees daran aare.

Caasaan dinagdee qabeenya diinaa sana maallaqatti jijjiiruu murteessee yoo achi gahu manichi gubachuu arga. Kanaanis hedduu aare. Qabeenya manni sun utuu gurguramee fiduu danda’u shallagee, qabeenyi sun caasaa ABO waraanas ta’u caasaa siyaasaa hangam jiraachisuu akka danda’u tilmaamee wanti guddaan akka isa darbe xinxalee mufata.

Haalli kun keessoo dhaabaatti mufannaa haala kanaan fiduu akka danda’u akka hubatamuufin fakkeenya olii kaase. Fakkeenya olii keessatti caasaan arfanuu hojii sirrii dirqamni qabsoof, dirqamni irbuu seenuu isaan irraa eegu bahatan.

Rakkoon eessa jiraree? Rakkoon wal dubbisuu dhabuu, wal quba qabaachuu dhabuu fi dursa irratti marii taasisuu dhabuu bira jira. Marii yeroon jedhu caasaan arfanuu waliin dubbachuu waliin hojjechuu dhabuun rakkoof kisaaraa kanaa olii illee fiduu akka danda’u hubachuu barbaachisa.

Kanaaf falli maaliree? Joobira uummata Oromoo kana fuulduratti tarkaanfachiisuuf miilli lamaan walii galuu, qoochoo lamaan wal dubbisuu barbaachisa. Waliin socho’uu wal mari’achuuf jaalalaanf naatoo walii qabaachuun akka barbaachisu hubachiisuu yaaleeni.

Injifannoon uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhanga’aatiin
Mudde 16,2021

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s