Ebla 15 Guyyaa Goototaa fi Dhumaatii ANNOOLEE ,CALANQOO yaadanna!

Oromia: Labsa Ficincila Xumura Gabrummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa  Bahe: Renewed Declaration of Protest to Culminate Slavery | OromianEconomist

Ebla 15 Guyyaa Goototaa fi Dhumaatii ANNOOLEE ,CALANQOO yaadanna!

Maalummaa saba tokkoo isa har’aa beekuuf kan darbe qorachuun barbaachisaa ta’a .

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Seenaa Oromoon keessa darbe qoratanii yaadachuun kan har’aa cimsachuuf baayyee barbaachisaa waan taheef Yaadannoon Guyyaa wareegamtoota keenyaas kanuma dhugoomsa.
Guyyaan Gootota (Wareegamtoota) Oromoo Ebla 15, 1980 irraa eegalee waggaa waggaan kabajamaa fi yaadatamaa yoona gahe. Gootota gaafa alagaan biyya Oromoo cabsuuf itti duule diina biyya ofii irraa ittisuuf jecha diddaa gabrummaa irratti wareegaman dabalatee qabsaa’otni bilisummaa Oromoo bifa adda addaan hanga har’aatti wareegama baasan hunda guyyaa kana yaadatna. Kana waliin, guyyaan wareegamtoota Oromoo, guyyaa miseensoti Adda Bilisummaa Oromoo, deggertootaa fi uummati Oromoo bal’aan kaayyoo sabboontoti Oromoo dabran wareegamaniif galmaan gahuuf waadaa seenan itti haaromsani dha. Akka fakkeenyaatti Oromoon Arsii warra Nafxanyaa ofirraa ittisuu keessatti, keessumaa bara 1881 hanga 1886’tti lola guddaa taasisan. Minilik wayita sanatti meeshaa ammayaa bittaafi deggersaan Awurooppaa irraa argatuun ol aantummaa qabaatus, Arsiin akka adda waraanaa biraa salphaatti hin jilbeeffanneef ture. “Arsiin lammata akka inni mataa isaa ol hin qabanneef qoor-qalbii isaa cabsuuf kan godhan keessaa “Harkaafi harma irraa muranii morma isaaniitti fannisanii akka isaan qabatanii hawwaasa keessaa dhufanitti deebisan taasisan. Sanas Arsiin argee jiilee lammata mormee akka jala dhaabbachuu hin dandeenye hamilee cabsanis qabsoo isaa irraa dhaabee takkaa fedhii isaan tole jedhee akka hin bulle seenaan ni hima. Danaa fi ijaarsi Siidaa Aanolee yeroo ammaa ijaaramee jiru gochi badii gita bittaa sirna Nafxanyaa uummata Oromoo irratti raawwatame akkaataafi bakkaan kan ibsu tahee ijaaramus yeroo ammaa kana akka diigamuuf haalotni mul’atan hedduun jiraatanis mormiin ummata irraa nu mudata jechuun ammaaf waan dhiisan fakkaatanis dhahataan siidaa Aanoolee yaadannoo wareegamtootaa murni amma aangoorra jiru diiguuf akka jiru cilaalcilli mul’ataa jiran waan jiruuf kana ummatni Oromoo tiksatee dhaloota seenaa Aanoolee barsiisuu qaba. Sababaan siidaan Aanoolee dhaabbateef “Kaayyoon isa inni guddaan gochi badii akkasii kun akka hin dabalamneefi dhaloonni dhufu akka irraa baratu gochuudhaaf yaadamee wareegama qaalii ilmaan Oromoo gaggeessaniin ijaaramuu dandaheera.
Gama biraanis akkuma Aanoolee Baha Oromiyaa irratti duulli Oromoo dhabamsiisuuf Calanqootti godhames seenaa GGO keessatti yaadatamee oola. Waraanni Calii Calanqoo lola loltuu Minilikii fi ummata Oromoo fi Hararii kanneen baha Itoophiyaa keessa jiraatan gidduutti bara 1887 godhamedha. Waraana kanarratti namoota baayyeetu dhume. Dhumaatiin kuni hanga har’aatti Calii Calanqoo jedhamuun beekama. Gootota waraana Minilik ummatarratti bane kana ofirraa qolachuuf waraana geggeessee duule keessaa tokko Bakar Waareeti. Bakar Waaree hoogganaa waraana Raabaa Doorii akka ture seenaan kan ibsu yoo tahu gootota akka Bakar Waaree kan miilli isaa lola sanirratti cituun achi buuteen dhabamee fi gootota kumaatama achitti wareegamanii lafeen isaanii hanga har’aa ooyruu keessaa qotamee baafamaa jiru guyyaa Ebla 15 yeroo kabajannu yaadannee kan oolluu fi seenaa isaanii dhalootaaf dabarsinu taha. Siidaan yaadannoo nammota waraana kanarratti dhumaniif godina Harargee Bahaa aanaa Meettaa keessatti, Calanqootti ijaarramee jirus akkuma kan Aanoolee yaadannoo bara sanaa dhaloota barsiisuuf kan ijaaramedha.
Egaa GGO yeroo kabajnu gootota Oromoo qabsoo biyya isaanii fi roorroo alagaan itti duule of irraa qolachuuf jecha wareegaman hunda kan yaadannee dabarsinu yoo tahu Seenaa Oromoo keessatti Ebla 15, guyyoota kaan irraa wanni adda taasisu bara 1980 keessa hoogganooti siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo akka qaroo ija Oromootti ilaalaman amantaadhaan adda bahuu diddaan, kuun Islaama, kaan Kiristaana osoo hin jedhiin jumulaan wareegamanii tokkummaa saba Oromoo dhiiga isaaniin akka mirkanooftuuf warra wareegame waan taheef guyyaan sana irraa qabee Ebla 15 wagga waggaan kabajamas har’a gahe. Sanaan asittis hoogganootaa fi miseensoti Adda Bilisummaa Oromoo, deggertootaa fi ummati Oromoo, qabsaawotni bilisummaa bifa adda addaan qabsoo keessatti qooda qaban walumaa gala sabboontoti Oromoo xurree hoogganooti ABO gaafa duraa saaqan irra bu’anii mirga abbaa biyyummaa Oromoof osoo falmaa irra jiranii wareegaman kuma hedduutti lakka’amu. Har’as Waraanni Bilisummaa Oromoo, miseensotaa fi deggertooti qabsoo, addatti ammo Qeerroowwan (barattoonni fi dargaggooti Oromoo) walumaa gala uummati Oromoo bal’aan bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf wareegama ulfaataa baasaa jiru.

Guyyaa Wareegamtoota Oromoo kan bara kanaa wanni adda taasisu haala Warraaqsi bilisummaa Oromoo sirna gabrummaatti xumura gochuuf golee Oromiyaa hunda keessatti akka ibidda saafaa boba’aa jiruu fi hoggantootni siyaasaa Oromoo qabsoo Oromoo keessatti gahee olaanaa bahachaa turan murna afaan qawweetiin biyya bitaa jiruun hidhamanii haqa dhabuun yeroo dararaa argaa jiranitti akkasumas Paartiileen Oromoo ABO fi KFOn filannoo keessaa dhiibamanii bahanitti, ajjeechaa suukkanneessaa fi sarbamiinsi mirga namoomaa haalaan hammaataa tahee Addunyaan balaaleffachaa jirtu keessatti akka ayyaaneffatamuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo waamicha yeroo dhiyyeessu akka jaarmiyaa isaattis haala mijataa fi hin mijanne keessatti kabajatee ooluuf qophii isaa xumurachaa wayita jiruttidha. Guyyaa Gootota Oromoo kan bara kanaa Ebla 15 /2021 Qeerroo, uummati Oromoo ammaan booda cunqursaa, saamichaa fi hacuuccaa alagaa baachuu hin danda’u! na gahe! jedhee sirna roorriftuu alagaa of irraa dabruuf harka duwwaa diina meeshaa lolaa baranee hidhate dura dhaabbatee murannoon wareegama barbaachisu baasaa jirutti yaadatama.
Oromoon bilisummaa yookaan du’a! jechuun laphee dhiibee du’atti adeemuudhaan seenaa haaraa galmeessuu irratti yeroo argamu kanatti biyya keessaa fi biyya alaatti GGO Ebla 15 /2021 Addunyaa guutuu keessatti yaadatamee akka darbu Qeerroon Bilisummaa Oromoo waamicha isaa dabarsata. Kana malees qabsoon bilisummaa Oromoo karaa dippilomaasii murna finxaaleyyii sirna duraanii kan taatee fi ilmaan Oromoo lagaan, gandaan, kutaa fi amantaan qoqqoodduu irratti injifannoo kan gonfatamaa jiruu fi deggersa qabsoo Oromoo horachuu irratti injifannoo galmeessaa yeroo jirutti kabajnee dabarsuuf qophiitti jirra. Murni amma aangoo afaan qawween of harkaa qabu uummata Oromoo siyaasaa fi dinagdee biyyattii keessaa alatti dhiibee akka moggeesse hawaasa addunyaaf ifa ta’eera. Kanaaf gaaffiin Oromoo gaaffii haqaa fi mirgaa ta’uun har’a eessatti iyyuu hubatnaa argataa jira. Akkasumas qabsoon Oromoo tumsa uummatoota ollaa horachuudhaan Tumsi Bilisummaa fi Dimokraasii Uummatootaa kan Addi Bilisummaa Oromoo qooda gahaa keessatti qabu mirkanaa’uun isaas injifannoo siyaasaa fi dippilomaasii galmaa’an keessaa isa tokko waan taheef. Gabaabaatti qabsoon bilisummaa Oromoo shaffisaan fuulduratti tarkaanfaataa wayita jirutti Ebla 15 yaadannee oolla. Yeroo ammaa mooraan qabsoo Oromoo tasgabbaa’aa fi cimaa jiru kanatti mooraan diinaa unkuramaa fi hundeen raafamaa akka jiru ifatti mul’ataa jira. Tarkaanfiin abdii kutannaa irraa fudhatu caalaatti hammaatee fi qabaan mirga namoomaa fi dimokraasiis dhiphifamee, lammiileen akka hin dubbannee fi hin sossooneef cancalamanii fi gaadi’amanii jiran. Hidhaa fi ajjeechaan daangaa dhabee biyyattiin biyya gaddaaa taatee jirti. Haallii keessa jirru haala GOOLII DIIMAA BARA DARGII waliin yeroo wal fakkaataa jiru keessatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo hamilee fi murannoo gootota kalee irraa dhaaleen xurree isaanii qabatee cichoominaan qabsoo akka finiinsuu dandahutti guyya kana irbuu haaromsatee oola.
Addi Bilisummaa Oromoo mootummaan amma afaan qawween aangoo isaa tiksachuuf mirga lammiilee nagaa sarbu karaa nagaa aangoo gadi dhiisa jedhee hin amanu. Uummati Oromoos mootmmaan abbaa irree mirga isaa beekee fi kabajeefii hojiitti hiika jedhee irraa hin eegu waan taheef murna ummattootaa qawween ukkaamsee bitaa jiru of irraa darbuuf qabsoo bifa kamuu geggeessuun mirga. Murni qawween aangoo irra jiru humna uummataa fi qabsoo qofaan aangoo irraa bu’a. Kanaaf uummati Oromoo qonnaan bulaan, hojjetaan, Qeerroon (Daragaggoon) barataan, daldalaan, walumaa gala murnooti hawaasa Oromoo hundi qabsoo bilisummaa Adda Bilisummaa Oromoo jalatti hoogganamaa jiru bifa qindaa’een daran cimsitanii akka itti fuftanii fi kufaatii sirna cunqursaa wayyaaneetti xumura godhan waamicha dabarsina.
Sochiin bilisummaa Oromoo sochii biyyoolessaa saba Oromoo ti. Akeeka sabboontotni Oromoo kumaatamaan itti wareegaman galmaan gahuuf ittisaa fi qabsoo bilisummaa biyya ofii keessatti qooda fudhachuun mirgaa fi dirqama seenaa lammiiiwwan Oromoo hundaa ti.
Maayii irratti uummati Oromoo mirga politikaa, dinagdee fi hawaasummaa humna qawween irraa sarbame wareegama barbaachisu baasee of harka galfachuuf dandeettii kan qabu tahuu hawaasa addunyaa hubachiiisuu barbaanna.
Wareegamtooti bilisummaa Oromoo bara baraan yaadatamu!
Injifannoon Ummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee ,Oromiyaa
Ebla 5/2021

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s