Qottoon ABO muruuf qarame didee doome!

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Sadaasa 17,2019
Barruu kiyya dursee haallan tibbana uummata keenya Oromoo irratti biyya keenya Oromiyaa fi naannolee ollaatti nurra gahaa jiru ilaalchiseen waan gabaabduu dubbadha. Sabni keenya saba Wabii hinqabnetti fakkeeffame. Sabni Wabii hinqabne du’es madaa’ees qaama dhukkuffatuuf dhaba. Qaamni uummata tokkoof wabii ta’u yoo hinjiraanne immoo sabichi yuuyyeetti fakkeeffama. Uummata yuuyyee guddaaf xinnaatu mataa keessa rukuta. Abbaa argetu ajjeesee, abbaa argetu dhiiga isaa dhangalaasa. Kun ta’uun ammoo sabichaaf kan wabii ta’u yoo hinjiraanne qofa. Saba wabii qabu ammoo hunda sodaata. Sababaan sabicha yoo miidhan wabii saba sanaatu qaama uummata isaa miidheef deebii gahaa laata. Sabni tokko wabii qabaachuu qofti gahaa isa hintaasisu. Nuti akka sabaatti jechuun akka Oromootti wabiin qabnu tokkoof tokkichi WBO dha. Uummatni keenya Oromoon wabii isaa kana kunuunfachuudhaan qaama isaaf wabii ta’u kana dhoksataa duuka hiriiruutu qaanii tibbana midate jalaa baasa ture. Kana jechuun sabni tokko ajjeefamee gumaa isaa qaama baasu dhabuun salphina. Amma waan tibba kana nu irratti raawwataa jiru, addatti gochaan mootaa Yuunibarsiitilee keessatti barataa keenya irra gahaa jiru guddoo nu gaddisa nu dhukkubsas. Kanaan kan uummata keenya gahe qaamolee mootummaa fi ilmaan shiraati. Shirri bara kana ABO dadhabsiisuu irratti dalagamaa ture marti isaa akeeka Oromoo balleessuu akka ta’e kan himaa turre haaluma amma mul’achaa jiru irraa namuu nii hubata jedheen abdadha. Biyya Xoophiyaa jedhamtu keessatti sabni akka saba keenyaa lubbuun isaa gatii dhabe bara kana waan jiru natti hinfakkaatu. Uummatni keenya waggaa guutuu ajjeefamaa bahe. Keessattuu Lixa Oromiyaa fi Kibba Oromiyaa akkasuma Walloo keessatti bifa qindaa’een ajjeefamaa bahe. Qaamni uummata keenya ajjeesu qaamuma mootummaa ta’ee, uummatni akka waliif hindirmatnetti hojii hojjetamaa ture ta’uu namuu beeka. Hundaa olitti gochaan uummata keenya irratti bara kana raawwate kan nu balleessuuf aggamame ta’uu beekuu barbaachisa.

Wiirtuu dubbii kiyyaan akkuman eegale, Qottoon ABO muruuf qarame irra deddeebiin doomaa as gahuu isaa dhagaa’aa argaa jirra. Bara kana aggaammiin dhaaba keenya Adda Bilisummaa Oromoo irratti taasifamaa ture kan barreeffamee dhumu miti. Erguma hoggansi keenya hoggansi ABO biyya galee as mootummaan EPRDF waayiillan isaa alaaf keessaa of gargaarsisee ABO dhabamsiisuu qofa irratti hojjetaa ture. Dhaabni keenya ABO’n sirna abbaa irree EPRDF yaada isaa Qawween uummata keenya Oromootti fe’uu yaalu qofa of irraa ittisaa ture jechuu hindandeenyu. Waayillan sirnichaa biyyoota alaaf biyya keessaa kana malee qaamota fira qabsoo keenyaa fakkaatan dabalatee dhabama ABO irratti hojii hamaa hojjechaa as gahan.
Qottoowwan
Erga ABO’n biyya galee uummata Oromoo miliyoonaan lakkaa’amuun simatamee booda OPDO tattaaffii olaanaa isaan taasisan kallattii ittiin onnee uummataa keessaa ABO baasan irratti fuulleffannoo dalagaa turan. Kanaanis akeeka gara duraa qabatanii bahaniin qaamolee ABO keessaa adabanis ta’e qabsoo nuffanii bahan ofitti madaksuu yaada jedhu qabatanii hojii eegalan.
Qaamni ABO keessaa hurgufamee kosaa’ee bahes kan qabsicha dadhabee waggaa dheera dura ABO keessaa bahe kana malees qaamoleen qabsoo sabichaa hogganna jedhan utuu hinafin mootummaatti galan. Qaamoleen kun akkuma mootummaatti galaniin dirqama garaagaraa fudhatanii socho’aa turan. Keessattuu:
1. Caasaa Hololaa
2. Caasaa tikaa
3. Caasaa burjaajessitootaa
4. Caasaa diigdotaa jedhamuun bakkoota gurguddaa afuritti wal hiranii socho’an.
1. Caasaa Hololaa
Qaamoleen qabsaa’ota fakkaataa turan kanneen ABO keessatti qooda bahataa turanii badii dalaganiis ta’e fedhii isaaniin dhaabicha keessaa bahan erga mootummaatti kooluu galanii booda dhaaba keenya ABO irratti barreeffamoota dhaabicha dadhabsiisa uummata jibbisiisa jedhanii yaadan facaasaa turan. Qaamoleen kun biyya keessaaf biyya alaatti ijaaramanii miidiyaa hawwaasaa fi kaan irratti hojii guddaa dhaba keenya dadhabsiisa jedhanii yaadan hojjetaa turan. Isaan kun irra jireessa qaamolee biyya alaatti hojii idilee isaanii gaggeeffataa turan ta’us, hadheessii ABO irratti guyyaa guyyaan hojii godhatanii bobbaa irra turan. Isaan kun akka waan dhaabni keenya kun furmaata uummataaf hinlaanneetti dhiyeessaa turan. Akeeki akkanaa dhaabaaf uummata addaan baasuuf godhame.
2. Caasaa tikaa
Qaamoleen biroon mootummaatti kooluu galtummaa fudhatan humnoota tikaa ta’anii ramadaman. Isaan kun ammoo WBO rukutuuf dirqama fudhatanii mootummaadhaan muudama argatanii bobbaa’an. Kaan isaanii immoo waajjira tikaa mootummaa kanneen akka INSA keessatti radamanii hojii tikaa karaa teknooloojii irratti bobbaa’an. Qaamoleen kana jalatti ijaaraman kaan isaanii miseensota ABO turan, kaan isaanii immoo fira qabsoo Oromoo fakkaachaa turan.
3. Caasaa burjaajessitootaa
Caasaalee jiran arfan keessaa gartuun biraan immoo caasaa burjaajessitootaa ta’anii hojii eegalan. Hojii isaanii kanaanis dirqama
-uummata burjaajessuu
-uummata harkaa kallattii gatuu
-uummata muka qabataa dhorkatuu akeeka jedhu laatameef. Kanaanis akka waan ABO ta’aniitti bakka garaagaraa adeemanii hadheessii ABO uummata keessatti babal’isuu irratti hojjetaa turan. Caasaa akka sochii ABO danquu keessatti qooda fudhatan isaan kun keessaa tokko. Bakkoota adeemanitti ergama dhaaba nuti jedhan sana utuu hintaane diinummaa fi jibbiinsa ABO qofa facaasaa turan. Qottoon kun akka ABO murutti qarame garuu nii doome.
4. Caasaa diigdotaa
Caasaalee jiran keessaa gartuuwwan kaan immoo diigdota ta’anii bobbaa’an. Isaan kana keessa hedduun qamoota uummatni jaallatu jedhamanii yaadamanidha. Jaalala uummatni qabutti fayyadamuudhaan dirqama
-wabii uummataa diiguu
-dhaaba uummataa diiguu jedhu qabatanii sochiirra turan. Qottoon kunis dhiibbaawwan gurguddaa kasaaraa seenaan yaadatu Oromoo irraan gahaniiru. Isaan kun badii isaanii bara kanaan yoomuu nii yaadatamu. Taatullee Qottoon kun ykn hojiin isaanii kun dhuma irra galma isaa hankaakeera. Qottoon kunis doomeera.
Inni biraan dhaabbilee ABO fakkaatan heddummeessuudhaan dhaabicha laaffisuu dadhabsiisuu akeeka jedhuun hojii bal’oon hojjetamaa ture. Dhaabbileen maqaa Oromoon guyyaa guyyaatti ijaaramne, diigamne jedhaa oolan marti Qottoo ABO muruuf yaadan ta’uus asumaan hubachuun barbaachisaadha. Kun ta’ee dhiyeenya kana waan OPDO doqodoqanii bocan tokko maqaa ABO qabatanii Soodareetti walgaa taasisanii turan. Walgaa isaanii keessatti dhaaba ABO ijaarre jechuun uummata burjaajeessuuf yaaliiwwan gurguddaa taasisaniiru. Qaamolee kana miidiyaaleen biyya keessaa hedduun tumsanii ABO irratti walumaan duulanii dhiibbaa uumaa turaniiru. Kunis seenaa keessatti kan yaadatamu akka ta’e barruu kanaan ibsuun fedha. Qaamni Soodaretti akkuma bixxillee bibixxilame kun har’a barreeffama komii fakkattu miidiyaa hawwaasaan facaasaa oole. Isaan kun qaanii warra hinbeekne ta’uu isaanii boohichaan maddii of dhiquu qofa utuu hintaane hinaaffaan guutamanii barreeffamoota xiqqeessii ABO facaasaa ooluu isaaniiti. Namuu dhaaba barbaade hundeeffatee maqaa barbaadeen biyyattii keessatti boordii filannootti ulaagaa guutee galmaa’uu danda’a. Kun ta’ee Shallamaan har’uma ka’ee “ani Badhaasaadha” jechuu hindanda’u. Yoo inni jedhes uummatni Shallamaadhaan ati Badhaasaadha jechuu hindanda’u. Kanaafuu barruu boossuu sanaan uummatni burjaaja’us akka hinjirre himuun barbaada.
Maayii irratti Qottoon ABO muruuf qarame didee doome! Qottoon jijjiirame bitames qara bahee ABO muruuf haamilees ta’e dandeettii hinarganne.
Injifannoon Uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Sadaasa 17,2019
Irra deebiin kan maxxanfame!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s