Ejjennoo Caasaalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Goleelee Oromiyaa!

Caasaaleen Qeerroo Bilisummaa Oromoo Golee Oromiyaa gara garaa keessatti marii taasisneen, goolama siyaasaa (political Violence) biyya kana mudate irraa ka’uun qabxiilee murteessoo biyya kanaaf, sabaa fi sab-lammoota Oromiyaa/lammiilee Oromiyaa tiif ta’an irratti murtiiwwan armaan gadii dabarfanneera.
1. Faayiidaa Ummata bal’aa Oromoo fi sabaaf sablammoota/Lammiilee Oromiyaaf akkasumas naannoolee daangaa Oromiyaa jiraniifis akka bu’aa qabu mari’annee murtii dhaabni keenya ABO’n dabarse fudhachuudhaan hojiirra oolmaa isaatiifis mariin hunda hammate akka geggeeffamu ni hojjenna.
2. Uummanni Oromoo sirna Impaayira Itiyoophiyaa keessatti ummata jaalalaan haa ta’uu dhiibbaa sirnichaan irra bulee tureen Ummata sirnichaa fi Ummattoota sirnicha jala bulanis baadhatee asiin gahee dha.
Haa ta’u malee, ummata jaalala malee jibba hin beekne ummata Oromoo hammataa fi ummata nama wajjiin buluu hin dandeenye jibbamaa fakkeessuun rakkoolee sirna dhufaa darbaan dhalatan hunda Ummata Oromoo irratti fe’uun labsiilee garagaraa nurratti baasuun hojii irra oolchaniiru.
Fakkeenyaaf:-
labsii shororkeessummaa, labsii liizii lafaa, labsii invastimentii, labsii master pilaanii fi kkf kaasuun ni danda’ama.

Kana malees biyya kana keessatti bara 1991 ALA Bara Mootummaa Ceehumsaa taateewwaan gara-garaa Onoota Harargee fi Arsii keessatti raawwatanii saba kanaa fi Dhaaba/Jaarmiyaa Siyaasaa saba kanaaf qabsaawaa ture maqaa balleessaa turaniin, Dokmantarii Harargee Baddannoo fi Arsii Koonyaa Arbaaguuguu tti hojjatan kaasuun ni danda’ama.
Yeroo hundumaa sirni Impaayira Ethiopia badii saboota jiddutti hojjatee Oromoo fi dhaaba Oromoo bakka bu’utuu kana godha jechuun Asoosamni barreessu Oromoofis ta’ee Lammiilee Oromiyaatiif haarawaa miti; baratamaa dha.
Bara 2001 yeroo labsiin Shororkeessummaa bahe hayyoota Oromoo hedduu fi paartilee hedduu hojiin ala tasiseera.
3. Ummata Oromoo gaaffii mirgaa gaaffate, dhiibbaa fi dhiittaa irraan gahaniin Qe’ee fi qabeenya isaanii saamuu, Doorsisuu, Hidhuu, Ajjeesuu, Mana isaa irraa ari’uun baqattuu, Rakkattuu fi Kadhattuu gochuun kaan Biyya keessatti maraattuu fi rakkattuu ta’eera, kaan biyya ollaatti Allaattin lafee isaa qoqoruu, kaan Irbaata Qurxummii ta uu fi kaan ammoo biyyoota Ollaa fi Alaa garaagaraa keessatti ergamtuu namaa ta’ee jiraachuun rakkoo gita hin qabneef saaxilaniiru.
4. Karaa dipiloomaasii jechuudhaan uummanni Oromoo biyyoota ollaa waliin walin akka nagaan hin jiraanne karaa qaamota tika biyyoolessaa shirri hedduun irratti xaxameera. Kanneen Akka Fakkeenyaatti kaasuuf, Sudaan, Kenyaa, Djibout fi Somaaliyaa Keessatti Ilmaan Oromoo hedduun Oromummaa isaaniitiin yakkamuun tika Impaayira Ethiopia fi mootummota Ollaa waliin ta’uun rakkoon ilmaan Oromoo irratti fudhatamaa ture keessaa Rakkoo Injinar Tasfawun Camadaa irra gahe kaasuun ni damda’ama!
5. Akka sabaatti Ummanni Oromoo Sirnoota Impaayira Ethiopia dhufaa darbaan ni miidhame malee bu’aa tokkollee akka hin argatin hubataa dhufeera. Kana irraa ka’uun mirga hiree mataa isaa murteeffachuun mootummaa isaa, mootummaa ummataan filatame, mootummaa ummataaf filatame filachuun barbaachisaa qofa osoo hin taane murteessaa ta’uu akka gaaritti hubateera.
Akka kanaan,
A. Qaamni kamiyyu mootummaa Naannoo Oromiyaa keessa jiraatuu fi oolla Mootummaa Naannoo Oromiyaa jiraatus labsii Mootummaa Ceehumsaa Biyyoolessaa Oromiyaa ABO’n labse kabajee fi fudhatee akka nu wajjin buluu kabajaan beeksifana.
B. Heerri biyya kanaa bara dhufaa darbaa labsiiwwan gara garaatti fayyadamuudhaan labsii ilmaan keenya lafarraa duguguu waan nutti baaseef nutis akka sabaattis ta’ee akka sabaa fi Sablammoota/ Lammiilee Oromiyaatti nageenya saba keenyaa akkasumas sabaa fi sablammoota/ Lammiilee Oromiyaa tiksaa fedha lammiilee keenyaa guutuun naannoo keenyatti Nagaha waaraa fi tasgabbii sabatiinsa qabu buufnee akka Heerri jedhutti feenu Ollaa keenya waliin taanee Feseraalizimii sab-daneessa mirkaneessuun Ummattoota faanaa jiraachuu, feenu ammoo Keeyyata 39 mirkaneeffachuun Biyya Walaba taate Ijaarachuuf mirga Heeraan nuuf kenname qabna.
Waan ta’eef, Goolama siyaasaa Sirna Shirorkeessaan ummattoota mudateen wal qabatee qabeenyaa ummattootaa barbadaahaa jiruu fi lubbuu lammiilee nagahaa dhabamsiifamaa jirtu hanqisuun naannoo keenyatti Nagaha waaraa fi Tasgabbii sabatiinsa qabu buufnee Mootummaa Ummataan filame ummataaf filame akka naannoo Oromiyaatti ijaarachuus ta’ee Biyya Walaba taate Ijaarachuuf dirqama Mootummaa Ceehumsaa Biyyoolessaa Oromiyaa ABOn Labse Ijaarachuun Milkeessuun dirqama yeroon gaafattu jennee amanna.
Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati!
Injifannoo Lammiilee Oromiyaaf!
Sadaasa 4/2020

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s