Agartuu Qeerroo (Tapha Geengoo)

Irra Deebii Maxxanfame.

Agartuu Qeerroo (Tapha Geengoo)
Qalbeessaa Dhangi’aan
Amajji 28,2019-Oromiyaa
-Siyyaasa Geengoo
-Qabsoo Geengoo
Seensa
The lost volcanoes of Norway | VolcanoCafe  Qabsoon Oromoo xiyya fiigaa finiinaa ta’uu qaba, qabsoon xiyya taanan siyyaasni garboonfataa irratti haboo godhachuu hindanda’u. Kanaaf qabsoon keenyas qabsoo xiyyaa ta’uu qabdi malee qabsoo geengoo ta’uun hinmalle. Oromoon qabsoo isaa galii biraan gahee fashalsa kun ammoo qabsoo ofii kunuunfachuu dadhabuu Oromoo irraa madda. Qabsoon keenya humna guddaa cabsee humna xiqqaan injifatama. Seenaa keessattis Oromoon “utuu” jechaa akka hafu kan taasise kanuma. Oromoon tokkummaan qabsoo taligee asiin gahate kana maayii irraan gahatee fashalsuu hinqabu. Qabsoo isaa kana firii qabsoo isaa bu’achuu qaba. Firii qabsoo isaa kana bira hanga gahutti fiixee Bilisummaa irraa of darbee kaayyoof akeeka isaa dagatee of balleessuu hinqabu. Mootummaan siyyaasa garaagaraa siyyaaseessuu danda’a, siyyaasni mootummaa akka nama Sololi’aaf kiyyoo kiyyeessuuti. Namni Sololi’aaf kiyyoo qopheessu jalqaba afaan Sololi’aa shaakala. Akka isheen fooriccee wal waamtutti akkeessa. Akkeessa dheeraa booda ishuma fakkaatee bosona seena. Bosona keessattis sagalee Sololi’aa dhageessisa. Akkumasheetti sagalee kuullatee fooricoon waama. Fooricoon waamamtee yoo dhufuushee argu dhokatee kiyyoosaa kiyyeessee midhaan ykn waan nyaatamu sana kiyyootti facaasee fuulduratti kuta. Sololi’aan garraamiin midhaan nyaachuutti nyaattee nyaatamti. Qeerroon akkasiiree? Miti. Qeerroon kaayyoof akeeka ABO ganamaa galiin gahuuf carraaqu: hubataadha, abshaala, gamna,aqila, haxxeedha, hinkiyyeeffamu.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo diina isaaf soorrata ta’uu dhiisii dhaabbilee siyyaasaafuu Qeerroo hubannaa siyyaasaa kennudha. Qeerroof kiyyoo kahanii galabaa jireenyaan gowwomsuu yaaluun jiraatullee kana cabsee bahuuf ciminni Qeerroo murteessaa ta’uu qaba. Qabsoon keenya akkuman olitti xuqe Qabsoo Geengoo ta’uu hinqabu ta’uufis abjoochuu hinqabu. Qabsoon keenya xiyyaa warraaqsaa ta’uutu filmaata. Sababaan Mootummaan siyyaasa Geengoo nurratti gaggeessaa waan jiruufi.

1. Tapha Geengoo
Siyyaasaaf qabsoo keessatti qooddattootni olaanoon garbummaaf uummata saaxilan tapha geengooti. Tapha Geengoo keessatti, kumaaraa kan beeku qofaa utuu hintaane isa humna qabutu kumaarichi injifata. Har’a tapha Geengoo biyya keenya Oromiyaa keessatti taphatamaa jiruun fayyadamaan garboonfataa ta’ee argamaa jira. Isa ajjeesaa bahetu kabajama, inni qabsoorra ture, inni qabsootti dhiiga ijoollummaa fixe, abbaan qabsoo nii abaarama. Qabsaa’an yoo hidhame, baga du’uu qabayyuu jedhama. Kanaaf bu’uurri siyyaasa geengootti dammaquu dadhabuudha. Qabsaa’ota keenyaaf kabajaa maluuf kennuu dhanuurraa salphisuutti ce’uutu kana fide. Kanaaf sababaa kan ta’e ammoo qaama diinaa waliin taphaa Geengoo taphachuu keenyatu kana nuu qaba. Tibba kana Agartuu Qeerroo tapha geengoo argaa jira. Tapha kana keessatti mootummaaf uummatni utuu atakaroo wal qabaniis agartuu Qeerroo mil’ateera. Ataakaaroon kun ammoo injifataaf injifaamaa nama muraasaaf malee akka beekamu gochaa hinjiru. Tapha geengoo kana keessaa Oromoon dafee harka fudhachuu qaba. Yoo tapha Geengoo kanatti seenuun nu feesisemmoo qabsoo keenya xiyya finiinaa gochuun waajiba. Tapha geengoon qaama lamaan taphataamaa jira. Uummataaf/Qabsaa’otaaf mootummaa gidduutti. Mootummaan Siyyaasa Geengoo nurratti gaggeessa jira. Uummatni ammoo qabsoo Geengoo gaggeessaa jira.

1.1 Siyyaasa Geengoo

Siyyaasa Geengoo kan nurratti taphataa jiru mootummaadha. Siyyaasa geengoo kanaan wantoota hedduu nutti fakkeessaa jira. Keessattuu kiyyoo siyyaasaa qopheeffatanii yeroo uummata itti waamaniif, duuba goranii uummata kiyyoo siyyaasaatti oofan Agartuu Qeerroo cimsee argaa jira. Oromoon kiyyoo sanaan nii qabamoo nii hafa laata? Yoo qabame nuuf wayyoo, yoo baane nuuf gammachuu. Haala kanaan uummatni waanuma waamameef awwaatee, waanuma oofameef bakkaa socho’ee duuka guuluun akkuma Sololi’aa kiyyootti oofamtuu ta’uuf jira. Amma kiyyoon siyyaasaas kaahame, midhaan kiyyichatti darbatamuus dantaan muraasni namootaaf kekkenname. Kiyyichatti fiigee kan nyaachuuf wal caccabsaa jirus danuudha. Akkuma sololi’aa waliin fiigee kiyyootti nam’uuf deemna. Barruun kun waan akeeku qaba.

Yoo gamna taane Sololi’aa qancara ta’uu qabna. Sololi’aa qancarri kiyyoon hinqabamu, kiyyoo beeka barrisee irra utaala. Kiyyoo kiyyeeffamuun yeroo hedduu dhalattuu sololi’aa kanneen waayilli biratti qabamee hinbeekne qofatu qabama. Qancarri Sololi’aa of biraa kiyyoodhaan sanyiisaa dhabe hinqabamu; Sababaan waayilashee kiyyoo sanaan waan dhabdee beektuuf utuu waan fedhe dhufee galeeyyuu kiyyoo sana keessa hinbuutu barriftee baqatti. Sololi’aa qancara qabuuf kiyyookee biyyoo sana fakkeessita. Lafa kootichaatti kiyyoo sana hiita yoo ta’e cilaattii dibdee tartarta/hiita. Adeemsa kiyyoo cilaattii dibuu fi adeemsi mootummaa ammaa wal fakkaata. Mootummaan ammaas afaankee dubbatee, bifakee uffatee dubbiikee dubbatee bool’a siyyaasaatti Oromoo darbachuuf deema. Oromoon kana akka baraaramuuf barruun kun qophaa’e.

Siyyaasa geengoon mootummaa adeemsaawwan hordofu qaba. Isaanis:
– Afaan uummatichaa dubbachuu
-Aadaaf seenaa uummatichaa akka uummatichi fedhutti dubbachuu
-Bifaaf amalaan uummaticha fakkaachuu
-Fedhii uummataa akka waan guutuutti waadaa galuu, waadaa sana siyyaasaan haqaaqqatee dagachiisuu
-Uffata uummatichaa uffachuu
Fi kkf of keessatti hammata. Mootummaan garboonfataa yeroo dhuma jala gahu mala akkanaa baafata. Mala kana baafachuu dursee kiyyoo siyyaasaa tolchata. Uummata kana lafatti barbadeessu erga qopheeffatee booda siyyaasa geengoo sanatti deebi’a. Har’a Oromoo irratti mootummaan EPRDF’n durfamu siyyaasa geengoo nurratti taphataa jira. Akkamiin kan jettaniif
a. “Kanaan booda Oromoo dhiisii sareen Oromoo ajjeefamuun hafeera”

Hubadhaa: dubbiin kun adeemsan olitti kaase hunda hammatee dubbatame. Afaan Oromoon dubbatame, inni dubbate uffata Oromoo uffatee dubbate, lafa fedhiif hawwii uummatichaa dubbate. Waadaa akka guutuutti galame, waadaa sana jalaammoo siyyaasaan haqaaqqatee jala galagale. Afaaniin kanaan booda Sareenuu hinduutu jedhe. Gaafuma kana jedhuyyuu waraannisaa uummata ajjeesaa jira, ergasiis duuti dhaabbatee hinbeeku. Si hinajjeesu jedhee gaafa deebi’ee si ajjeesuun isaa siyyaasa geengoo sirratti taphachuusaati. Lafa duraatirraa fagaadheera si duukaa bu’eera fuulduratti adeemna jechaa naanna’ee lafa jalqabaatti deebi’e. Kun agartuu qeerrootiin geengoo siyyaasaa jedhama.

b. “Kanaan booda gooftaa biraa hinqabnu, Gooftaan keenya uummata keenya!”

Kaleessa gooftaa uummataa ta’uuf ajjeesneerra, hiineerra, kanaan booda hinajjeefnu, hininu waan uummatni barbaadu goona gooftaan keenya uummata waan ta’eef ergaa jedhu qaba jechi kun. Gaafa nu ajjeesuu jalqabu iddoo duraatti deebi’uusaa mirkaneessa, kanaaf nii naannahe, geengoo uume mitii? Isa akkanaatiinis Agartuu Qeerroo Geengoo siyyaasaa jedha.

c. “Hidhamtoota mana hidhaatii baafneerra, mana hidhaas lafa daawwii goona”

Hubadhu: Siyyaasa geengoo keessatti jalqaba miira uummataa nii qoratta. Qorannoo keen uummatni maal fedhaa? Maal barbaadaa jira? Gaaffii jedhuuf deebii laadhatta. Sana akkaataa itti deebistuuf deebiikee sanammoo akkamiin bakkatti deeffachuu akka dandeessu qoratta. Adeemsi akkanaa “tapha Daamaa” waliin walfakkaata. Tapha daamaa tokko itti haatee, lamaa hanga ja’aa akkatti nyaattu teessee yaadaa taphatta. Siyyaasa gengoo keessattis mala sana gargaaramta.

Mootummaan hidhamtoota akka jiraniin gaafa mana hidhaatii yaasuu murteesse, akkamitti dachaa sanaa ol hidhuu akka danda’u yaadee lafa kaahatee itti seene. Akkuma kanaanis baatii sadii wayii hidhamtoota hiikee akka addunyaatti faarfame, baatii sadii boodammoo tokkoo lamaan, lama irraa gara dhibbaaf kumaan hidhuutti guddate. Siyyaasichi adeemsa geengoo ta’uusaa kan hubattu, xuqaarraa ka’ee xuqaa jalqabaatti deebi’ee naannaa’uu isaati. Adeemsi hidhaa mootummaan gumeeffates akka qaba/ tarsimoo ittiin raawwatu qaba. Tarkaanfiiwaaan geengoo siyyaasaa kun
Tarkaanfii jalqabaa: Nama hidhuuf jettu addaan baafatta

Tarkaanfii Lammeessoo: Nama sana irratti holola bantee uummata jibbisiifta

Tarkaanfii Sadessoo: Nama sana uummatni holola sanaan jibbuuf dhiisuusaa xuqxee ilaalta

Tarkaanfii Arfeessoo: Mana hidhaatti darbitee itti kofalta.

Siyyaasa geengoo amala aanjaa’aan socho’aamaa jirudha. Fakkeenya kanaaf Jaal Koloneel Gammachuu Ayyaanaa akka jalqabaatti kaasuun nii dandaa’ama. Kun nama dhuunfaa akka nama dhuunfaatti ta’ee jaarmiyaa siyyaasaa rukutuu barbaaddus tarkaanfii akkanaan hojiirra olmaasaa waliin kan hojii hololaarraa hanga funaantee hidhuutti adeemuu qabdudha. Egaa hidhaa keessaa Oromoo baasan jennee harka dhoofneef, hidhaatti nu guuruun ammoo utuu hinturin dhufe. Mana hidhaa cufan jennee harka dhoofneef sagaleen guwaa harka reebbitii uummataa utuu hinbadin makaalawwiin boroodhaan baname. Kun siyyaasa mootummaa EPRDF keessatti utuu raawwataa jiruu kan agartuu Qeerroo mil’atedha, maqaa Kanaas geengoo siyyaasaa jedhee moggaaseera.

d. “Fashiniin Qawwee hafeera, ajjeesuun mo’amuudha!”

Habattee: akka uummatni sagalee dhukaasaa jibbe, akka uummatni rasaasaan ajjeefamuun hadheeffate namni jecha kana fayyadame qorateera. Kanaaf “si hinajjeesu!” Jechaa ajjeesuu qaba malee itti dhaadataa ajjeefnaan itti dammaqama. Jecha kana gaafa dubbate Oromootti dhukaafamee ajjeefamaa utuu jiruuti. Qawween faashina jechaa waraana leenjisee akka doorsisa wayiitti xiyyaara irraa nama utaalee hu’u TV’n agarsiisaa oole. Qawwee hinkaasu sana faashiniin isaa darbeera xuqaa kaleessaa goonee bira dabarra jechuu isaati. Utuu hinturin yoo dammaqxee ilaalte namichi lafuma xuqaa sanaa jira. Ajjeesuun mo’amuu erga ta’ee maaf ni ajjeesaree? Qawween faashina erga ta’ee maa waraana bobbaasee Qawwee WBO adamsaa, uummata nagaa ajjeesaa? Kunis siyyaasa geengoo jedhama.
1.2 Qabsoo Geengoo
Wayiita garboonfataan siyyaasa geengoo sirratti dalagu, atis faana isaa dhooftee qabsoo geengoo gaafa goote qabsoo sabakee, qabsoo goototakee kumaa galaanatti darbuukee hindagatin. Maaliifree akkanni si qabatuu danda’utti sarara isaarra duukaa fiigaa jirta jechudha. Ati waan bakkuma sana naannooftuuf si argachuuf mootummaaf salphateera. Qabsoo geengoo gochuudhaan Oromoon waggoota dheeraa hanga ammaatti nyaatamee “utuu” jechaa hafe.

Oromoon muratee waraana isaa WBO torbaatamoota keessa ijaarrate. Siyyaasa geengoo garboonfataa itti dammaquu dadhabee waggaa dheeraan booda sagaltamoota keessa duraa gaaga’ame. Qabsoo geengoo ABO’n gaggeessuu kan jalqabe baroota sagaltamoota WBO’n kaambiitti dhumee qabeeti jedhee fudhata agartuu Qeerroo sabaaban isaa, waraana torbaatamoota keessa ijaarrate shiraan duraa gaaga’amee tokko jedhee waraana ijaaruu jalqabe. Qabsoo geengoo kan jennus fiigdee goolabuuf wayiita qophooftu fiigichikee naafatee duubatti deebi’uu jechuudha. Sanaan booda qabsoonkee qabsoo geengoo taati. Xuqaarraa kaatee fuulduratti adeemuu dadhabdee ammas xuqaatti deebita. Silaa xiyya taasiftee keessa fullaatee siyyaasa geengoo urtee keessa baata. Waa’ee siyyaasa garboonfataa siyyaasa geengoo sana bira kutuu sirra ture. Ati ajandaa diinaa galmaan gahuuf utuu ko’omtuu diinni haxxee sitti hidhee si nyaata. Ammas Oromoon waraana waggaa 28 ijaaraa bahe barbadeessuuf deema. Waraana kana gaafa bittimse ammoo “mootummaan kun hinjijjiiramne waraana nu barbaachisa!” jechuuf deema. Sababaan mootummaa isaaf ta’u filatee korojoo hatamuuf deemaka. Kanaaf ammas Oromoon tokko jedhee bara 2020 booda WBO ijaaruuf hojii jalqaba. Qabsoo geengoo jechuun isa kana. Qabsoo fuulduratti adeemuurra duubatti galagalaa adeemu akkanaatu qabsoo Geengooti.

Kanaaf Oromoon injifachuu yoo barbaade kallattii lama hordofuu qaba.
1/ waraana mootummaa EPRDF raayyaa ittisa biyyaa kana waraana uummataa gochuu. Waraana uummataa gochuutiin waraana uummataaf dhaabbatu malee kan siyyaasa mootummaa utubuuf dhaabbatu akka hintaane dhiibbaa taasisu jabeessee itti fufuu
2/ waraanaa WBO humna addaa taasisee waraanni kun utuu hinbittinin waraana uummataa ta’ee akka hafuuf dhiibbaa gochuu. WBO’n humna addaa ta’uu, ykn ammoo hanga filannoon dhufee darbutti WBO ta’ee akka bakka tokko turu dhiibbaa gochuu. Yoo kana ta’e WBO’n wabii Oromoo, wabii partilee mormituu mootummaa waliin filannoo gochuuf jiranii ta’a. Kana jechuun uummatni yoo ajjeefame humna eegduu uummataa ta’ee nagaa uummataa tiksuuf kan bobbaafamu, yoo korojoon hatame paartilee mormituuf irreef gaachana ta’ee kan seeraaf heera kabachiisu ta’ee dimokiraasii lafa nuu qabsiisa ture. Kun hafee Oromoon utuu itti hindammaqin WBO’n kun bittinee jennaan Oromoof Oromiyaaf wayyoo?

Maayii irratti qilleensi keessa jirru, qilleensi siyyaasaa ammaa “Tapha Geengooti” jedha Agartuu Qeerroo, taphi geengoo uummataa Oromoof mootummaa gidduutti adeemaa jira. Taphichis gartuu siyyaasa geengoo gaggeessuuf, qabsoo geengoo gaggeessaa jiru gidduutti akka ta’e akeeka. Oromoon qabsoo geengoo kanaan akka nama bishaan waraabaa dhangalaasuu of godhaa jira. Cuggee qabsoo isaa utuu hinqadaadiin siyyaasa geengoo mootummaatiin qabamee of galaafachuuf ta’a. Kanaaf dammaqiinsa barbaada. Qabsoo keenya xiyyaa hinqabamne taasisnee bobbaasuudhaan siyyaasa geengoo keessa hulluuqna jennee tilmaamna. Malee arcaasaa funaanuu, funaanaa arcaasuun Oromoo nii balleessa. Wal ijaaraa, wal diiguu. Wal diigaa, wal ijaaruun daandii keenya dheeressa.

Injifannoon uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi’aan
Amajji 28,2019-Oromiyaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s