Tolasaa Ibsaa Ayyaanaa nama akkamii turan?

Image may contain: 1 person jedhamee SBOn dubbatamee gaddi labsamee guyyoota 15 booda akka lubbuun jiru dhagahame bara Chaarteraa.[Tolasaa Ibsaa Ayyaanaa]

Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Horroo bakka Addaa Abuunaa jedhamtutti Abbaa isaa obbo Ibsaa Ayyaanaa fi harmee isaa Aadde Alamii Gaarii irraa bara 1957 G.C dhalate.

Tolasaa Ibsaa barnoota isaa sadarkaa 1ffaa magaalaa shaambuutti kan barate yommuu tahu sadarkaa 2ffaa immoo yeroo sana magaalaa shaambuu waan hin jirreef gara magaalaa Naqamteetti imaluun kutaa 9 hanga 12ffaatti baratee achitti xumurate.

Erga kutaa 12ffaa xumurees qabxii galumsa yuuniversiitii fidachuun yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo afur damee kemistiriitiin barachaa osoo jiruu bara 1980tti barataa waggaa 3ffaa tahee osoo jiruu mootummaa irraa dirqama itti kenname fudhachuun barnoota isaa waggaa 3ffaa addaan kutuun barsiisummaatiin yeroo sana Naannoo Sidaamoo jedhamee kan beekamu yeroo ammaa Bulee Horaa bakka jedhamutti ramadamuun dirqama lammummaa barsiisaa ture.
Osooma achii naannoo ammaa Bulee Horaa jedhamu kanatti osoo barsiisummaa irra jiruu namoota hedduu waliin miseensota ABO jedhamuun qabamanii Kachalleetti hidhamaa ture.

Tolasaa Ibsaa Bulee Horaa akkuma barsiisummaatiin akka tajaajiluuf ramadameen osoo hin turiin namoota hedduu waliin qabamee kachallee ykn Alam beqqaany bakka jedhamutti bara 1980 hanga 1987tti waggoota 7f hidhaarra ture .
Tolasaan yeroo hidhaa turettis obboleessa isaa HD ABO Jaal Daawud Ibsaa waliin carraa mana hidhaatti waliin hidhamuu argatees waliin hidhamaniiru.

Tolasaan kan hidhamee ture murtoo argatee osoon taane sababuma miseensa ABO jedhameef qofa waggaa 7 mana hidhaa keessatti dararamaa ture.
Tolasaa Ibsaa nama amala qabeessa ,nama hojii fi nama saba gargaaruu jaallatu ,Oromoo jennaan kan qabuun kan gargaaru keessumaa jaallan isaa biratti garaa laafummaa fi aarjummaan of kennaa tahuu irra darbee gootummaa isaan beekama.

Erga mana hidhaarraa bahees Tolasaan jireenyi biyya Itiyoophiyaa waan isatti ulfaateef ykn ammas dararaa waan taheef barnoota isaa yuuniversitii illee osoo hin deebi’iin gara biyya ollaa keeniyaatti baqachuun kaampii Marsaabeet jedhamu keessa ture.

Yeroo keeniyaa kaampii baqattootaa Marsaabet jedhamu keessa turetti obboleessa isaa quxusuu Faqqadaa Ibsaa jedhamu kan biyya keessa jiru waliin darbee darbee karaa poostaa xalayaa barreessuunii fi karaa namootaa ji’atti al tokko tokko quunnamaa haala keessa jiru himaaf ture.

Tolasaan Ibsaa keeniyaa kaampii Marsaabet jedhamu keessa bara 1987 irraa qabee hanga bara ABOn gara biyyaatti galu bara 1991tti achi jiraachaa turee gaafa dhaabni ABO gara biyyaatti deebi’u Tolasaanis gara biyyaatti deebi’e.

Tolasaan yeroo keeniyaa turetti carraa biyya 3ffaa jechuun gara biyya alaa bahuu argatee tures dhiisuun gara biyyaatti deebi’e.
Yeroo sanatti gaaffiin hiriyyoota isaa irraa dhiyyaateef carraa biyya alaa bahuu argattee maaliif hin deemne jedhanii yeroo gaafatanitti akkas jechuun afaan guutee dubbataa ture “Ani kanin itti Irbuu seene Ummata Oromoo Bilisummaa isaa argachiisuuf ykn akka inni bilisoomuuf nan qabsaa’a jedhee Irbuu waanin seeneef fedhiin koo ummata koof qabsaa’uudha malee biyya warra adii jiraachuu miti kanaafin deebi’e jechuun deebiseef”.

Tolasaan erga keeniyaa irraa gara biyyaa deebi’ee biyya keessatti dirqama ABOn itti kenne fudhachuun Waajjira ABO Gullallee irraa dirqama fudhachuun gara Booranaa deemee Dabballummaan akka hojjetu dirqamni itti kennamee dirqama isaas bahachaa ture.

Tolasaan dhimma hojiif Boorana irraa gara Finfinneetti osoo deemaa jiranii hiriyyaa isaa waliin naannoo Shaashamanneetti dhukaasni itti banamee jaalli isaa yeroo biraa rukutamu Tolasaan garuu akka carraa tahee miliqee jalaa bahee imala gara Finfinneetti godhu daandii jijjiirrattee booda Nagaan galuu dandaheera.

Osoo akka kanaan hojii dabballummaa isaan dhaaba ABO keessatti tajaajila kennaa jiruu baatiiwwan muraasaaf filannoon yeroo hafetti Tolasaan ammas dirqama Hogganni dhaaba ABO itti kenne fudhachuun taajjabdoota filannoo Warra Adii (Faranjii) fi Shaabiyoota waliin gara Godina Horroo Guduruu wallaggaa Magaalaa Shaambuu dirqama fudhatee imale.

Tolasaan Yeroo Taajjabdoota Filannoo fudhatee shaambuu gahes magaalaa Shaambuutti waajjirri ABO banamee jira ture warri wayyaanees achii qubannaa waan qabaniif waajjira qabu ture .
Tolasaan Shaambuu dhufe jechuu dhagahanii bakka Tolasaa fi Taajjabdoonni isa waliin deeman siree qabatanii bulanii jiraniitti warri wayyaanee dhukaasa itti banan yeroo kanas baayyeen wareegaman baayyeen madayan Tolasaan garuu ammas haala isaaf hin mijanne keessatti miliqee lubbuu isaa baafachuu dandaheera.

Yeroo Tolasaan dirqama fudhatee shaambuu jiru kanatti obboleessi isaa HDn ABO Jaal Daawud Ibsaa yeroo sana jaal Abbaa Caalaa Laataa waliin naannoo Danbi Doolloo irraa jiru turan.
Lola magaalaa Shaambuu Tolasaa fi jaallan isaa irratti banameen Tolasaa Ibsaa fi jaallan isa waliin turan akka wareegametti karaa miidiyaa SBO qilleensarra oole.
Jaallan isaa fi Namoonni Tolasaa beekanis akka inni wareegame yeroo dhagahan gaddaan guutamanii turan.

Tolasaa Ibsaa garuu miliqee waan baheef namuu lubbuun turuu isaa hin beeku ture garuu Tolasaan haxxummaa fi qaruuxummaan lola sana jalaa bahee guyyoota 15f fira isaa bira dhokachuun erga xiqqoo miidhaa irra gaherraa dandamatee akka lubbuun jiru maatii fi jaallan isaaf hime.

Ergasiis Tolasaa Ibsaa jaallan isaa waliin wal arguun naannoo godina Horroo Guduruu wallaggaa addatti naannoo addaa Gitiloo fi Dhakaa Gabar jedhamutti lola guddaa irratti hirmaataa tureen isa dhukkubnaan yaalaaf gara qe’ee maatii isaatti deebi’uun yaalamuun dirqama waan taheef miidhaa irra gaheen Tolasaanis yeroo sana Magaalaa shaambuutti yaalamuunis tahe keessa darbuun yaaddoo waan taheef kallattii biraan daandii biraa irraan karaa Baqqalee jedhamuun beekamu keessa bahanii obboleessa isaa Faqqadaa Ibsaa waliin tahuu akka godina sana keessaa bahee gara Finfinneetti ol dhufee yaalame ragaan argadhe ni ifoomsa.

Tolasaa Ibsaa sababa wal’aansaan gara Finfinneetti ol dhufuun dhaabbata Miti Mootummaa [NGO] IDPR jedhamu dhaabbata biyya Norway naannoo kiiloo jahatti [6 kiiloo] argamu tokko keessa galuun Assistance Researcher tahuun achi keessatti qacaramee hojjetaa ture.
Dhaabbata kana keessa Tolasaan yeroo yuunivarsiitii baratu hojjetaa waan tureef carraa kana akka lammata argatuuf isa gargaareera.
Yeroo dhaabbata kana keessaa hojjetu kanas Intelligence Mootummaa Waajjira isaa keessatti qabanii ukkaamsanii ajjeesuuf turraan waajjira Muummee [ Head office] sanatti bilbilatee lubbuun isaas hafuu dandaheera erga ABOn chaartera keessaa dhiibamee bahees jechuudha.

Tolasaan bara 1980 hanga bara 1987tti yeroo mana hidhaa turetti miidhaa irraa gaheen akkasumas yeroo gara garaatti sochii qabsoo keessatti madoo fi miidhaa irra gaheen tiruun bulte lafee taati akkuma jedhan dhibeen isaanii turee bulee itti cimuun eelaan bara sana irra gahe oolee buluun bara 1999 dhukkubsatee Mana yaalaa Minilik galee deddeebiin yaalamuun miidhaa irra gaherraa bayyaannachuu dadhabuun du’aan Addunyaa kana irraa boqoteera.

Maatii Tolasaa Ibsaa Jaal Daawud Ibsaa HD ABO dabalatee obboloota isaanii biroo fi firoottan isaanii qabsoo kanaan miidhamaa dararamaa as gahaniiru.
Tolasaa Ibsaa qabsoo keessatti umurii isaa jiraate hunda ofiif osoon taane saba isaaf jiraate waan qabu irraa nama isa hin qabneef gumaachu ture. kanneen akka Qarshii fi huccuullee hanga of irraa baasee kennuutti jaallan isaa biratti ni yaadatama.

Tolasaan keessa isaatti saba Oromoo kanaaf kan dhiphatu ofitti qabee ofumaa kan aaru malee hedduu baasee illee maatii isaaf kanin dubbanne tahuu irraa kan ka’e Xinsammuun isaa waan isarra gahee fi jaallan isaarra gahe yaadatee baayyee akka miidhamee ture namootni itti dhiyyeenyaan beekan obboleessa isaa quxusuu Faqqadaa Ibsaa dabalatee ni dubbatu.

Aadde Do’ii Ibsaa obboleettiin isaanii yeroo sana naannoo Shiroo Meedaa kan jiraattu ofitti fudhattee wal’aanaa turtus lubbuu Tolasaa oolchuu hin dandeenye.
Akka ogeessi yaalaa isaa himeefiitti dhukkubni Tolasaa miidhaa qaama isaarra gahaa tureen malee dhibee biraa akka hin qabnes himaa turaniiru.

Sababa Qabsoo kanaan wal qabatee Jireenya Maatii keessanii akkamiin yaadattu ykn dabarsitan yeroo waliin turtanitti jedhee gaaffii Obboleessa isaanii Faqqadaa Ibsaa gaafadheef akkas naan jedhan” Jireenyi maatii keenyaa sababa keenyatti baayyee hamaa fi gidiraa akkuma maatiin oromoo tokko arganii darban warra arganii dabarsanidha ,haa tahu malee nuyi akka obbolaatti nuyi badaa wal arginee waliin hin dabarsine HD ABO jaal Daawud Ibsaas tahe Tolasaan yeroo baayyee qabsoo kanatti of kennanii waa’ee ummata kanaa yaadu ijoollummaa isaanii irraa kaasanii waan taheef maatiin keenyas tahe akka obbolaatti yerootti wal arginee waliin jiraannee gammannee jiraanne ykn maatiin keenya dabarse hin jiru. Sababuma kanaan Maatii waliin gammachuu fi gadda hirmaate tahuuf hin carroomne erga Tolasaan boqotee illee abbaan keenya yeroo dhukkubsatu deemnee gaafachuus tahe wal’aanuuf carraa hin arganne anis tahe HD ABO jaal Daawud kanaaf kuni jireenya nuyi keessa dabarsine waan taheef yeroon yaadadhu nan gadda garuu wantootni kun immoo gola Oromootaa mara waan jiruuf dandeenyeerra jedhan”.

Obboleessa isaanii Tolasaa Ibsaa waan ittiin yaadatan keessaa obbo Faqqadaan guyyaa tokko akkas jechuun Tolasaa gaaffii gaafadhe jedhan osoo dhokatanii bakka tahe waliin jiranuu Bilisummaan kun dafee hin dhufu fakkaata jechuun yaaddoo keessa isaa jiru yeroo gaafatu akkas jechuun deebiseef Tolasaan waggaa dheeraa fudhachuu dandaha salphaa miti garuu irra ni aanama jechuun deebiseef.

Hunda caalaa jedhu obbo Faqqadaa Ibsaa yeroo jireenya maatii isaanii naaf himan erga maatii keenya faffacaanee Obboleessi koo Tolasaanis Abbaan koo obbo Ibsaan boqotaniis kan harmee keenya gargaaruuf bakka keenya bu’ee dirqama fudhatee ture mucaa Adaadaakoo Taakkalee Soorii jedhamu bara 2002 waraanni mootummaa guyyaa saafaa Motoraan osoo deemuu isas ajjeesanii harmee keenya kan gargaaru dhibee harmeen keenyi baayyee rakkoof saaxilaman jedhu.
Sababa ajjeechaa Taakkalee Soorii kanaan harmee keenyas firri gargaaruu sodaate ijoolleen mucaa Adaadaakoo Taakkalaa Soorii kanaas sababa abbaan isaanii harmee keenya osoo gargaaruu qofaaf ajjeefameef isaanis Abbaa malee hafan kuni nu gaddisiisa godaannisa yoomuu hin dagatamnedhas jechuun seenaa darbe yaadatu.

Qabsoo Obbolootni kee Tolasaa fi HD ABO Jaal Daawud dabalatee atis obboleettii keessanis maatiin keessanis keessatti hirmaachaa turtaniin kan isin gaabbisiisu ykn gammachiisu jiraa jedhee obbo Faqqadaa Ibsaa gaafadheef akkas jedhan” kan na gammachiisu hangamuu maatiin keenyas tahe maatiin Oromoo hundi itti dararamu qabsoon kun eessaa ka’ee as gahe jedhee yeroon yaadu dhaloota ammaa Qeerroo akkanaan hirmaachisuu dandahuun guddaa na gammachiisa jedhan; akka maatiitti garuu osoo Haati koo ,Abbaan koo,Obboleettii koo waliin taanee yerootti gammannu yerootti carraa waliin jiraannu argachuu dhabuu kootti na gaddisiisa garuu caalaatti qabsoon achii ka’ee as gahee Firiin isaa argamuuf gara fuulduraatti deemaa jiru Umurii nuuf kennee akka arginus abdii godhachaa as gahuu qabsoo keenyaafis gammachuun koo guddaadha jedhu”.

Dhuma irratti akka Obbo Faqqadaan jedhanitti maatiin Oromoo kamuu dararaa wal fakkaataa fi ulfaataa keessa darbanii as gahan ammas dararaa hamaa kana keessa darbuuf qabsootti jiru waan taheef namni kamuu bu’aa Bilisummaa baree gama dandeenyuun qabsoo saba Oromoo kana Firii isaa argamsiisuuf gama dandahuun akka cinaa dhaabbatu waamicha isaanii godhaniiru.

Waggaa lamaan kana bu’aa wareegama Qeerroo fi qabsaa’ota qabsoo haqaa gaggeessaniin anis tahe jaal Daawud Ibsaa waggaa dheeraa booda harmee keenya deebinee ijaan arguun keenya ayyaantummaa taaneerras har’a garuu harmee keenya du’a namaaf hin hafneen Addunyaa irraa boqottus Obboleessi koo Jaal Daawud Ibsaa sirna awwaalcha harmee keenyaa irratti argamee gaggeessuun isaan bakka hunda keenya bu’ee na gammachiisuus haala wal xaxaa biyya keessa jiruuf ani immoo argamuu dhabuun hedduu na gaddisiisus namoota sirna gaggeessaa harmee isaanii irratti argaman hundas galateeffataniiru.

Tolasaan dhiittaa fi cunqursaa ummata Oromoo irratti adeemsisamu hubatee qabsootti gale.
HD ABO jaal Daawud Ibsaa fi Tolasaan wal mariiyatanii qabsootti hin galle erga qabsoo keessatti lamaan isaanii wal arganii yaada isaanii waliif hiran ykn qoodan.
Bara mootii H/Sillaasee warra abbaa lafaa namticha tokkotu jira ture warra keenya irraa lafa fudhatanii qotanii focaafatan yeroo focaafatan sana qawwee qabatanii yeroo warri abbaa lafaa facaasan sana sangoota fuuldura dhaabbatee akka isaan hin qonne godhee ture guyyaa sana maatiin keenya mana hin jiran ture gara saqalaa jedhamtu deemaniiru Tolasaan garuu ofumaa gootummaa isaan qawwee fuuldura dhaabbatee sangoota qottu sana dhaabsise iyyee iyyisiisee adda kuchisiise sana booda maatiin keenya guyyaa biraa lafa sana irratti Midhaan facaafachuu dandeenyeerra.
Gootummaan Tolasaa dhalootaan daa’immummaan isa waliin kan dhalate ture deemsa keessa garuu barnootaan kan utubame godhachuun of cimsate jaal Daawud waliinis mariiyachuu eegale.

Tolasaa Ibsaa Ayyaanaa dhalatee waggaa 42tti du’aan Addunyaa kanarraa boqote.

 

Image may contain: 1 personImage may contain: 1 person, outdoor

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s