Haala Siyaasa biyya Ethiopia Keessaa

Kumsaa Buraayuutiin:

BarsiisotaHaalli siyaasaa amma biyya keenyaa keessatti mul’achaa jiru isa bara 1992 yeroo ABOn dhiibame Chaartera keessa ba’ee sanaa waliin lakkuudha. Inumaayyuu akka toftaatti waan galagalchi 1992 sun hojii irra oolaa jiru fakkaata: ajjeesuu, hidhuu, dorsisuun bakkayyuutti raawwachaa jira.

ABO fi KFOn lakkoobsuma miseensota isaanii du’an, hidhamanii fi reebama/tumamaa jiranii illee addaan baafachuu dadhabuu isaanii kulkulfataa jiru. Manni hidhaas dubbatootaa Afaan Oromoo irraa haara-galfii dhabde. Afaan keenyas afaan Federaalaa ta’uu manna Afaan mana hidhaa ta’ee itti fufe. Cubbuun dhufaa-darbaa kun saba keenyaaf salphina jabaa, dhaabota siyaasaa Oromoof ammoo qaanii hiriyyaa hinqabnedha. Bakka tokkotti yeroo lama sadii waraanamuun dayyusummaadha.

” Ija boru arguu hindandeenye mutaan of keessaa baasi” jedhu warri keenya. Iji siyaasaa keenya boru arguu irratti dadhabbii guddoo qabachuun ishee waan wal nu gaafachiisu miti. Mootummaan Dr Abiyyi Of-irrummaatti cillaakfachuu kan mul’ise har’a miti. Osoo biiftuun “jijjiirama” jedhanii sun hinquuqiin dura ture. Dhaabonnii fi aktiivistoonni keenya garuu amma reefuu argu. Amma reefuu guyyaan dukka’awaa dhufuu isaa nutti himu. Gariin “Bilisoomneerra” jedhanii labsaa turan sun illee amma “gabrummaa of irraa qolachuuf of qopheessuu qabna” nuun jechuu eegalan. Qawwee fi qabsawaa Oromoo diinatti galchaniifis reefuu gaabbuu waan eegalan fakkaatu. Yoo dhugaaa dubbachuu feesise, Sabni keenya gatii gabrummaa qofa osoo hintaane gatii dogoggora “beektota” isaa kaffalaa jira. fuula saba keenya irraa abdii caalaa yaaddoon dubbifamuu kan eegale bubbuleera.

Dimokraasii fi guddina walootti xiyyaafachuu manna gama qabsoo kaleessaatti dacha’uuf deemna. Itoophiyaa fi dimokraasiin waliin faallaa ta’uun ishee ammas irraa deebitee nuuf mirkaneessa jirti. Dibbeen “jaalalaa, dhiifamaa fi araaraa” jedhan sunis kunoo amma dellequu dhaabaa jirti. Namuu kan hinbeekne baratee, wal danda’uun, wal hubachuun, wal qusachuun biyyatti gara dimokraasii dhugaatti ceesisuu osoo hintaane, kanuma duri beeku sanatti deebi’ee iyyuma, jeequmsaa fi gidiraa oomishuu itti fufuuf waan of qopheessaa jiru fakkaata. Waanti biyyattiin beektutu kanuma ta’uun isaa hedduu nama gaddisiisa.

Itoophiyaan badiin ijaaramtee, balleessaas jiraatte. Ilaa fi ilaamee diina caalaa sodaatti. Mootonni ishee kan yeroo angootti dhufan lallaban hojii irraa oolchanii hinbeekan. Ofis ni soba saba ni bulchina jedhanis sanas ni sobu. Dr. Abiyyis sanuma godhaa jira. Yommuu angootti dhufe sana afaan miyaawaan jaalala, dhiifama, araara lallabe; bulee ammoo dalagaan du’aa faarsee jiraa ajjeese. Du’aaf dhagaan mana ijaaree jiraa irraatti ammoo godoo isaayyuu gubee mancaase. Alaa daboo/guuza ayyan-laallatootaa waammatee, biyyaa keessaa ammoo lammii kumaatamaan buqqase. Bakka kaleessa turre irraa bakka boru dhaquu qabnutti nu ceesisa osoo jennuu bakka dheengadda turretti nu deebise. Of duuba adeemuu beekumsa siyaasaa madaalli hinqabne fakkeessee lallabe. Mana ofii gubee olaaf ibsaa gumaachuu yaale. Furmaatni nageenya biyyatti wagaa 150 jeeqe Ekeraa Mootota Itoophiyaa uruursuudhaan dhufa jedhee ofumaa Eker-dubbiftu nuuf ta’e. Dhaloota mataa-dhiqee Itoophiyaa kaleessaa sana tulluu Tsi’onitti ol baasuuf utuu rakkamuu mul’ata. Eyyee “jijjiiramni” jedhan sun bowwaa seeneera. Achi keessaa baasuuf ammoo silaa. kan mariyatamuu qabu Daaqon D Kibret osoo hintaane sadarkaa duraatti saboota cunqurfamoo hunda addatti ammoo saba Oromoo ta’uu qaba ture. Oromoon ilmaan isaa kan 6000tti shallagamu gumaachee “jijjiirama” ayyaan-laallattoonni ittiin condominium nagadan kana fide. Ergamtoota Wayyaanee Bilisoomsee akka isaan mataa isaanii ol qabatan deeman godhe. Qoodni sabni keenya Wayyaanee geggeessuu keessatti gumaache kan Leencaati. Kanaaf, wiirtuu jijjiirama kanaa ta’uun isaaf haqa ture. Silaa waan itti saalfatus hinqabu tire.

Egaa, amma maal gochuu nu barbaachisa:

1 – Ijaarsa siyaasaa cimaa fi waaltawaa malee of- irroo quncucaa jiru kana madaaluun hindanda’amu. Dhaabonni siyaasaa keenya toftaa of-irroo dhalataa jiru kana ittiin saba keenya irraa qolatan qabuu? ABO, KFO PBOn maaliif qindoomina qabsoo agarsiisuu dadhaban? Mootummaan kun gamtaa dhabotaa kan sodaatu qabaachuu qaba. Gaaddisni Oggantoota Oromoo jedhan sun yeroo Oromoon dhihaa fi kibbaan kumaatamaan du’aa, hidhamaa, buqqa’aa fi doorsifamaa jiru maaliif cubbuun kun akka dhaabbatuuf sochii biyyoolessa Oromiyaa gochuu hanqate? Maaliif hiriira nagaa Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa gurguddoo keessatti waamuu sodaate? Sodaadhaan filatamuun ni danda’amaa? Kun kan yeroo itti laatamu qabu hinturre. Karaa nagaa qabsa’uu jechuun kanuma Mootummaan jedhe hojjechuu jechuu miti.

2 – ABO, KFO fi PBOn sochii alaa walitti qindeeffatanii duula diploomaasii wal irraa hincitne mootummaan kana irratti geggeessuuf qindoomina barbaachisa atattamaan raawwachuu qabu. Qofaa qofaa humna Ekeraa faarsu kana mo’uun ulfaachuu mala. Gartuun kun ammaaf human tikaa fi waraanaa waan of harkaa qabuuf, bifa danda’ame maraan angoo irraa turuuf ijibaata is dhumaa gochuu itti fufa. Humna kana mo’uuf Qindoomina jaarmaa kan keessaa fi alaa utubachuun waajiba.

3- Haalli lafa irraa jiru kan inni nutti agarsiisu “Filmaatni”jedhamaa jiru kun fakkeessaa ta’uu isaati. Osoodhuma ta’es PP seerawaa (legitimate) gochuuf yoo gargaare malee ammatti faayidaa biroo hinfidu. Isaanii tasuma sagaleedhaan angoo dabrsanii laachuuf qopha’oodha jechuun of sobuudha. Humnaa fi miira saba keenya “filmaata” yoo guddate PPin itti seerawaa ta’uuf foolachaa jirtu irratti qisaasuun bishina siyaasaa guddoo hin mul’iftu. Biyya Command Post jala bulaa jirtu irraa filmaata dimokraatawaa ta’e eeguun titisa irraa damma eeguudha. Amma kan barbaachisu mootummaa kana qindoomina ijaarsaan caalanii argamanii, tokkommaadhaan dhiibaanii sirna ca’umsa haqaa fiduu danda’u fudhachiisuudha. Filmaatni haqaa itti bahiisa sirna haqaati. Oromiyaan osoo dhiigaa jirtuu filmaata attamiiti ta’uuf jira inni jedhu gaaffii guddaadha. Mootumichi saba keenya sossobuutti yoo xiyyeefate nama hindinqu, garuu dhaabonni keenya of sossobuu hojii godhachuu isaanii nama ajaa’iba.

Dhaabonni siyaasaa keenya osoo sodaatamoo ta’anii, osoo gamtaan socho’anii, osoo walii kuudhanii waliin saganteeffatanii bakka amma jiru kana hinjirru. Silaa Wayyaanee irraa gara guddisa Wayyaaneetti hindarbu ture.

Ammuma kana iyyuu jabeessinee itti yaadu nu feesisa.

Nagaan

Kumsaa dha

1 thought on “

  1. Hayyee barreefamni kun waanuma dhugaa qabatamaa yeroo ammaa nurratti raawwatamaa jiru dha. furmaatni isaa qindominaan falmaa itti fufuu qofa.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s