Hdawudaala turtii qabsoo Bilisummaa Oromoo erga hogganni ABO biyya galee as, hanqinaaf cimina qabsoof gufuulee mudatan

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Hagayya 26,2019

Hogganni adda Bilisummaa Oromoo Fulbaana 15,2018 erga biyya galee as maaltu adeemaa jira, maaltu raawwate? Maaltu milkaa’ee? Maaltu hanqate? Kan jedhu wal hubachiisaa adeemuuf jecha barruu qophaa’e.

Addi Bilisummaa Oromoo hogganni isaa biyya alaatii qabsoo karaa nagaatti amanuutii biyya isaa Oromiyaatti galuun isaa nii yaadatama. ABO’n biyyatti kan galeef ija Oromummaan wal ilaaluutiin mootummaa kana waliin wal ta’iinsa siyyaasaa kan hanqate waliin guutuuf, qabsaa’ota waggaa 28 dura dhabaman wal ta’iinsaan barbaadanii arguu yaada jedhuu fi siyyaasa karaa nagaa gaggeessuuf filannoon wal dorgomna ejjennoo jedhu qabatee hogganni olaanaan biyya isaa Oromiyaa gale.

Halli kun wayiita ta’utti gammachuu fi abdiin Oromoo danbalaa ta’uudhaan nagaa fi tasgabbii uummata Oromoof hawwamuun uummatni bakka maraa gammachuu araara taasifame kanaa dhageessifataa tureera. Akeeka Oromoon jaarraa tokkoof walakkaaf itti bitimaa ture marti galma gahas jedhamee abjootamuudhaan, nagaan Oromoo bakkatti deebi’ee bilisummaan Oromoo nii dhugoona ejjennoo jedhu qabatuun kutaalee Oromiyaa mara keessaa Oromoon waliigaltee ABO fi mootummaa gidduutti taasifameef gammachuu walii qoodaa ture.

Haala kana keessatti hogganni olaanaa dhaaba keenya ABO Fulbaana 15,2018 biyya isaa Oromiyaa seene. Simannaan ajaa’ibas dhaaba Oromoo ABO dhaaf taasifame. Haalli simannaa ABO kun addunyaa ajab jechisiisuudhaan, nageenyi biyyattii fi tasgabbiin gaanfa Afrikaa ABO harka jiraachuu qaamota maraaf dhugoomse. Simannaa ABO irratti aarsaan lubbuu ilmaan Oromoon kaffalamuun isaas nii yaadatama. Kun ammoo diina Oromoo maratti abdii kutannaa waan naqeef, uummatni bahee akka hinsimanne shira karaa Mootummaa fi qaamota gufuu qabsoo Bilisummaa ta’anii dhalachuu isaanii ta’uu hubanna.

ABO’n eessatti ganame?

Simannaan ABO erga uummata miliyoona 5 oliin simatamee booda, ABO ganuun karaa qaama mootummaa mataa mataan isaa mumul’achuu eegale. Kunis waadaa dhimma simannaa irratti ABO’f gale haaluu mootummaa dabalatee, wantoonni hedduu mallattoon ganamuu ABO agarsiisan guyyuma simannaa ABO sana qaamolee mootummaa irraa argamuu eegalan.

Adeemsa kana obsaaf kutannoon ilaaluudhaan, hogganni ABO olii irraa hanga gadiitti quba wal qabsiisuun miseensaaf deggaraa isaa maraafiis karaa keessoos karaa miidiyaas ganamuu ABO dudubatamuudhaan obsaan nii sirrata adeemsa jedhamuun eegame.

Haala walii galtee ABO ilaalchisee Addi Bilisummaa Oromoo ABO’n gaafa qabsoo karaa nagaatti amanu, nageenya saba isaa Oromoo tiksuuf kan dandeessisu mootummaa waliin ta’ee humna waraanaa siyyaasa irraa walaba ta’e waraana addaa Oromoof akka ijaaramu waadaan galamee ture. Haala kana keessatti miseensotiin WBO mooraa guddicha Eertiraa turan amantoo guutuudhaan kumaaf dhibba sadii kan ta’an mootummaatti hoggana ABO tiin laataman.

Mootummaanis miseensota WBO kana mooraa Ardaayitaa keessatti Leenjiin akka laatamuuf waadaa galuudhaan humna waraanaa Oromoo fi Oromiyaa tiksu ittiin ijaaruuf waadaa gale hojiirra oolchuuf Ardaayitaa keessatti akka Leenjii fudhatan hojiin eegalame. Haala kana keessatti, nageenya Oromoof kan abdataman waraanni kun baatii muraasa gidduutti Leenjii isaanii xumuranii akka bahan waadaana galamee, guyyaan Leenjii xumuranis himamee hojiin itti seename.

Kana keessatti akka hogganni ABO yeroo dubbisuu barbaadu dubbisuu qabu waadaan galame diigamee akka hogganni ABO waraana WBO kana hindubbifne danqaan eegale. Adeemsi kun akka sirratuuf amala ittiin beekamu amala obsaa sanaan hogganni ABO mootummaa kadhataa turuu isaa miidiyaalee garaagaraaf hayyu Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa fi Dubbi Himaa ABO dabalatee hogganoonni olaanoon hedduun ibsa laataa turaniiru.

Mootummaan rakkoo dhalchaa jiru kana daddaffiin akka furuuf karaa nagaan gaafatamus itti fufee waadaa ABO dhaaf gale irraa jalaan haaluu eegale.

Akka walii galtee ABO fi mootummaan Magaalaa Asmaraatti haasa’anitti qabeenyaan dhaaba keenya ABO mootummaan saamamaa ture marti nii deebifama, waajjirri ABO Oromiyaa mara keessatti nii banama kan jedhu ture. Kun hafee Waajjira ABO Gullallee illee guutuun guutuutti kennuufii didee rakkoo dhalchuu itti fufe. Dabalataan qabeenyaa ABO kan waggoota 28 duraa qabee saamame mootummaan isinii laanna jedhee Asmaraa magaalaa Guddoo Eertiraatti waadaa gale sanas haale.

Kun ta’ee wayiita jirutti waraana Bosona Oromiyaa keessa jiru karaa Teknikaan galchuuf waadaa ABO fi mootummaan walii galan sunis fashalaa’uudhaan, Waraana WBO bosona jiran irratti humni waraanaa guddaan mootummaadhaan itti bobbaafame. Kana keessatti waraana WBO Zoonii Lixaa jiran irratti lolli hammaataan mootummaan baname. Haala kanaan waraanni Oraalii 100 tilmaamamu karaa lamaan, Lixaa Wallaggaa fi Wallagga Bahaa daarii Amaaraa irraan Oraaliin 50, 50 ta’u WBO tti bobba’e.

Adeemsi kun abdii karaa nagaa ABO’n qabatee biyya gale cabsuu keessatti gahee olaanaa bahateera. Kana maleea abdii fi hawwii nagaaf tasgabbiin nuuf uumame jedhee Oromoon abdataa hawwaa ture bishaaniitti naquu danda’e.

Rakkoo dhalche kana mootummaan akka furuuf hogganni dhaaba keenya ABO irra deddeebiin kadhataa turanii jiru. Mootummaan waraana WBO tti bobbaase kana akka dhaabsisuuf guutuun guutuutti wal waraansi akka dhaabbatu dhaabni keenya ABO ibsa ejjennoo dabalatee karaa miidiyaalee biyyattii gaafataa tureera.

Kun kanaan utuu jiruu, karaa waraanaa WBO cabsuu dadhabuudhaan akka WBO cabsuuf deemanitti humnoonni mootummaa kasaaraa siyyaasaa fi kasaaraa dinagdee guddaan erga dhugamanii booda karaa shiraa WBO bosona Oromiyaa keessaa balleessuuf karoora qabatanii hojiitti seenan.

Haalli shiraa kunis akka hinmul’anneef namoota ijoo jedhaman kan uummatni nii dhagaa’aaf jedhanii yaadan qopheessuudhaan, qaamolee kanaaf maallaqa guddaa fandi erga godhaniin booda akka waan ABO’n nagaa hinbarbaannee fakkeessanii miidiyaan holola qopheessuuf dursanii Abbootii Gadaa fi qaamoleen siyyaasaa walitti dhufanii koreen Teknikaa dhaabbatee WBO haa galchu yaadni jedhu dhalate. Yaadni kun irra keessoo miidhagee shira guddaa qabsoo Bilisummaa Oromoo laamshessuuf qophaa’e ta’uu kan hubate hogganaa fi caasaa ABO qofa ture.

Haala kana keessatti dhaaba keenya ABO fi waraana isaa dabalatee uummata wal dhabsiisuuf akka dhaabni WBO’n akka galuuf ibsa baasu dirqisiisuu yaalan. Haala kana keessatti hogganni dhaaba keenya ABO karaa nagaatti amanee waan galeef akka WBO’n abbootii Gadaa fi Koree teknikaa waliin haasa’ee galuuf ibsa baase.

Kana keessatti hololli jibbiinsaa WBO irratti adeemuudhaan erga hogganni isaa bosonaa bahaa jedhee maaliif bosonatti hafe yaada jedhu dhalchanii akka waan WBO’n nagaa jibbuu fakkeessanii diinummaa guddaadhaan waraana bilisummaa Oromoo irratti holola banan. Akeekni holola kanaa WBO fi hoggana ABO wal dhabsiisanii bu’aa siyyaasaa funaannachuu ture.

Kun ta’ee WBO’n dhibba saddeetii ol maqaa koree Teknikaan bosonaa galan. Waraanni kun gaafa bosonaa galan qabsoo bilisummaa Oromoo karaa nagaan bakkaan gahuuf, karaa nagaa qabsaa’uuf akeekkatanii leenjii fudhatanii humna nagaa Oromoof Oromiyaa tiksu ta’uuf haa abdatan malee, guyyuma sana bulanii akka WBO’n mooraa mana hidhaa Xoollay dhaqu himame. Kana keessatti waraanni bosonaa karaa araaraa galan kun mooraa mana hiraarsaa Xoollaay keessatti dararamuuf dirqaman.

Qaamni mootummaa akkuma abdate ta’eefii waraana kana mooraa mana hiraarsaa Xoollay keessatti nyaata dhorkatuun kan dararu bira darbee summii laateef akka waraanni kun mooricha keessatti mulluu ta’ee wal faana dhumu hojii guddaa hojjete. Haala kana keessatti waraanni 400 tti tilmaaman summiidhaan miidhaan guddaaf salphaan irra gahuu danda’e.

Adeemsa adeemame keessatti Waajjirri Adda Bilisummaa Oromoo cufamuu eegale. Waajjirri ABO fi hogganni ABO godinaa hanga aanaatti diriirfatuuf nageenyi isaa akka eegamu mootummaan hojii hojjenna jedhee waadaa gales haqe. Kuni ganamuu ABO keessaa isa ilaanaa ta’e. Haala kana keessatti waajjirri ABO bakkoota hedduudhaa cufamuudhaan, har’a waajjira Gullallee qofatti galee hafe. Hogganni fi miseensi ABO’s hedduun hidhamanii har’a illee mana hidhaa keessatti dararamaa jiru. Uummatni Oromoo kitilaan lakkaa’amus deggaraa ABO jedhamuun manni irratti gubatee kaan ammoo jumulaan hidhamaanii mana hiraarsaa Sanqallee, Xoollaay fi Huursoo keessatti dararaa argaa jiru.

Shira maqa balleessi ABO irratti adeemsifamaa ture!

Haalonni olii akkuma jiranitti ta’anii, uummataa fi ABO wal dhabsiisuudhaaf maqaa garaagaraa ABO tti maxxansuun eegale. Karaa WBO haalli mootummaan itti adeemaa jiru, humnaan harka kennaadhaa kan jedhu erga fakkaachuu eegalee booda Waraanni Bilisummaa Oromoo bosonatti hafan, akka hoggana ABO tiin taliigamuu fi hogganamaa hinjirre labsatan. Kanaaf bu’uura olaanaa kan ta’e immoo mootummaan humnaan itti adeemuu fi quunnamtii hoggana ABO fi WBO adda kutuu mootummaa ture. Haala kana keessa dhaabbatee hogganni ABO’s dirqama waraanaa Oromoo fi abbootii gadaatti kennuu itti dabalees taliigaaf hogganaa akka hinjirre beeksise.

Adeemsa kana keessatti WBO’dhaan shiftaadha jechuu eegalan, akkasumas akka waan WBO’n Baankuu hatee fakkeessuuf waraanni mootummaa wal ijaaranii baankii hedduu Lixa Oromiyaa keessaa saamuu danda’an. Kana ragaa isaa tika mootummaa kan ta’e Obbo Kamaal Galchuu waraqaan waajjira OPDO irraa barreeffamee baankii hataa kan jedhu caasaa mootummaaf laatamuu LTV irratti dubbatee jira.

Kana malees WBO fakkeessanii ajjeechaa suukanneessaa bakkoota garaagaraatti raawwachuu yaalan. Kana malees ABO akka waan nagaa jibbuu fakkeessuudhaan, kana malees maqaa ABO jijjiiruudhaan “Shanee” jecha jedhu caasaa hoggansa ABO tiin waamuun eegalame. Haala kana keessatti nageenya miseensa ABO fi ABO, nageenyi Oromoof Oromiyaa hedduu gaaga’ama keessa seene.

Shira ABO balleessuuf baafame kan dhiyeenyaa

Shirri ABO irratti xaxamu hedduu ta’ullee kan an utuu hinxuqin hindabarre, maqaa fi caasaa ABO akka jirutti galagalachuudhaan Copy taasisuudhaan Sodaree keessatti gantootaa fi kanneen qabsoo Oromoo ulfaataa sana dadhabanii keessaa bahan walitti qabuudhaan maqaa ABO tiin as baasan. Jarri kunis soodareetti erga walutti funaanamanii booda, Kaadiree OPDO ofitti makanii maqaa ABO tiin waltajjii ho’ifatan.

Haalli kun akka ABO’n filannootti galmaa’uuf danqamuuf yaadamee kan godhame ture. Adeemsa kana ABO hubannaaf obsaan ilaaluu filate. Hololli miidiyaalees mootummaa tumsuudhaan akka waan ABO’n lama ta’eetti lallabuu eegalan. Kun hundi erga ta’ee booda, hogganoonni Boordii filannoo utuu jiranii nama biraa miidiyaatti baasanii ABO lamatu galmeef dhiyaate kan jedhu akkuma biyyattiitti balballoomsuun eegale. Rakkoo kana mara kan obsaa jiru ABO’n karaa hoggana isaa Hayyu Duree ABO jaal Daawud Ibsaa “ABO’n lama hinjiru, ABO’n kan nutis uummatnis beeku tokko qofa” jechuun miidiyaaleef yaada laatan.

Yaaduma hayyu duree kana Copy taasisuudhaan maqaa ABO tiin qaamni of ijaate dhaadannoo taasifatanii jecha hayyu duree ABO barreeffatanii waltajjii ta’an. Shirri kun shira olaanaa ABO balleessuuf xaxame ta’uu hubanna.

Cimina ABO bara kanaa

Rakkoowwan nu ABO irratti aggamamaa bahan,akka lamuu hinkaanetti kan nu facaasuuf qophaa’an turan. Rakkoo ulfaataa dhabama lubbuu, gaaga’ama qabeenyaa fi manca’iinsa araddaa mara damdamatee caasaan dhaabaa bakka jirutti of ittisuu irratti hojii guddaa hojjeteen hanga har’aa jabaa akkuma kaleessaa sanaa ol jabaa ta’ee jira. Akkasuma uummatni Oromoo shira ABO irratti bara kana xaxamaa baheen akka jibbu taasifamaa ture garuu rakkoo jiru obsaan keessa dabarsaa hanga har’aa Oromoon ABO waliin hiriiree jira. Kun cimina Oromoo raageessa. Kana keessatti ABO’n filannoo keessaa baafamee dhageenyaan Oromoon wal waamee dheengadda jechuun Hagayya 22,2019 Gulalleetti hayyu Duree dhaabichaaf dhaaba isaa maal keessa akka jiru yaa’ee gaafateera. Kun ka duraa ol of laannee akka sabaaf hojjennu nu si’eessa.

Injifannoon Uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Hagayya 26,2019

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s