Agartuu Qeerroo Tibbanaa (Hunkuroo)

Qalbeessaa Dhangi’aa
Adooleessa 5,2018
Finfinnee Oromiyaa

Ariirrata
Adeemsa qabsoo Oromoo darbe, kan dhageenyerraas kan agareerraas waan addaa dhalachuu baatus akka waan addaa dhalachuu qabutti sochiin Wayyaanee fandaluusaa agarra. Adeemsa qabsoo Oromoo maseensanii, ilmaan Oromoo impaayera gaddaaf gadadoo taateef Xoophiyaa keessatti cafaquuf shorri diinni qabsoo taphataa jiru hedduudha. Sochii diina qabsoo Oromoo kana jabinaan dura dhabbachuuf tattaaffiin baratoota Oromoo fi kanneen hojjetaa ta’anii jiranii murteessaa ta’uu himuun barbaachisaadha.

Gufuun qabsoo Oromoo kaleessaa har’as gufuu ta’uu itti fufuun, miira xiiqii hamaatiin bobbaan OPDO’n gooftaashee Wayyaanee waliin taatee qabsoo irratti gaggeessaa jirtu kan mararfannoo dhala namaaf hinlaanneen shirri karaa OPDO ajjeechaa garmaleen raawwatamaa jiru balaaleffatamaa ta’uu himna. “Sagal elmamus sagaltamni elmamus kankoo Qiraacuma jette Adurreen” akksuma “roobus caamus ijji misiraa lama” jedhama. OPDO jijjiiramtee, akka uummatatti makamtuuf qabsoo Oromootti dabalamtee tokkummaa uummataa haalaan jabeessuun diina irratti akka fuulleffanno tattaaffii ABO taasisaa ture fudhatama dhorkachuun bobaa jala TPLF keessee adeemuu cinatti waraana Kora Bittinneessaa uummatti bobbaasuun uummata akka malee rukutuuf ajjeesuu jabeessite. Kana yeroon uummanni akka itti dammaqu abdii qabna.

Harkisoo

Harkiftuun qaama waan tommo gototuun akeeka biraaf ittiin dhimma bahamudha. Harkisoon torbanoota kana keessatti OPDO fi waayillan OPDO’n adeemaa jiran kan hedduu jabaataa fakkaatee humna uummataa ammoo harkisuun hallayyatti qabsoo sabaa naquuf akeekkatus milki dhaboo ta’uun isaa ammoo jabina qabsichaa murteessa. Torbanoota darban kana utuu uummanni ajjeefamuu, utuu uummanni hidhamuu duula “mirgakeef falmachuu hinqabdu!” Jedhuun hololtoonni OPDO fi Wayyaanee alaaf keessaa duula jabaa uummata Oromoo irratti, addatti dhaaba uummata Oromoo ABO irratti banuun kan yaadatamudha. Gartuuwwan diinaa mooraa qabsoo keessatti hadhooftuu qabsoo dhamdhamuu dadhabanii qabsoo hidhannoo ABO hordofu gatanii bahan, kanneen qabsaa’ota dirree qabsootti gatanii teellaa keessa ammoo sochii cichoomoon ABO qabsaa’uun daandii Bilisummaa irraan gahan akka waan Bilisummaa arjoomeetti utuu gulufaa turanii agarre. Murnoonni qabsoof kutabboo hinqabane kanneen garaaf rakkina addaa addaa qabsoo keessatti mudatu obsuu dadhabanii qabsoo keessaa ya’an qaamuma kaleessa mormaa turanitti harka laatanii aangoo qioddachuuf ammoo utuu gulufanii torbanoonni darban nu agarsiisan. Murni jomomii aangoof dheebuu marcuma Mootummaa qaban kanneen Oromoo gandaaf gooxiin amantaan ijaarrataa turan matuu karaa nagaa qabsoofna jechuun galaniiru. Karaa nagaa maaf qabsooftu jechuf utuu hintaane erga galanii ammoo duula ABO irratti banuun akka waan Biyyi Bliisoomteetti ABO Bilisummaa ammaa uummatarraa molquuf waraana irratti fuulleffate jechuun duula mataaf miila hinqbane banan. Adeemsa goobanoota jaarraa kana kan, qabsaa’ota fakkaatanii qabsoo Oromoo sigiksuuf hunkuranii mataa gara angootti suuqqachuuf bololaniif uummanni ammayyuu mormiirra jiraachuu bahee falmatee agarsiisaa jiraachuun ammoo kan hundumaa caalaa watwaachisedha.

Torban kana keessa duulli Hololaa OPDO arcaatuu Mootummaa wayyaaneen baraganiin baname kan WBO irratti fuulleffachuun uummata garaaf karaa irraa maqsuuf qiiyyaafate ture. Sana hundumaa damdamachuuf irreen WBO, Qeerroo jabaataadha. Qaamonni kaleessa waraana qabana jechuun duula dhoksaa WBO irratti banaa turan, harka qullaa shaanxaa raasanii galuun ammoo cimina qabsoo Oromoo ABO’n durfamuu gadhaabeera. Taateewwan torbanoota darban uummata hunkuranii qabsoo dadhabsiisuuf mootummaan godhaman martuu kan isaanuman galaafataa jiru ta’ee argameera.

Aviyyi Ahemad “Qawween faashinidha” jedhee utuu baatii tokko hinbulin guyyaa kaleessaa rasaasaan ilmaan Oromoo nagaa dhabama gochuun haasaan isaanii marti dhara ta’uu raggaasise. Kanaan ajjeechaan Baabbilee keessatti Oromoota irra gahe, gubatiinsi manaa 200 olii itti gaafatamummaa kan qabu qaamota “isin bilisoomsine” jechuun barbaadan OPDO fi Abiyyo Ahemad ta’uu himuun barbaachisaadha.

Akkasuma shira fokkataa maqaa ABO xureessuuf WBO fi Abbaa Torbee fakkaatanii Najjootti raawwatan kan uummatni hedduu itti mufateef dhuma kumaaraa kaartaa isaanii ta’uu raagesse. Ajajoonni waraanaa erga Oromoo ta’anii, Oromoo hidhuuf ajjeesuun nii dhaabbata jedhee uummatni gariin gurra ergiseefis soba isaanii irratti baree jira.

Hunkuroon amma adeemaa jiru kan uummataaf ABO wal dhabsiisuuf qiyyaadateef fuuldurattis haala kanaan olitti ABO irratti bobbaa taasisuuf murteeffachuu isaanii Agartuu Qeerroo himuu fedha. Qaamonni Hunukura kana adeemsisan qaamota gurguddoo sadiitu jira. Isaanis

1. Qaama dhugaan sabaaf quuqamuuf kan hubannaan siyyaasa Wayyaanee ABO gidduu jiru hingalleef
2. Qaama ABO irraa obsaaf kutannoo qabsoo dadhabee luqqa’ee ABO keessaa ba’e
3. OPDO wayyaaneef Tigirootaaf olaantummaa isaanii bakkatti eeguu barbaadan

Isaan olii martuu hunkuroo yaadaa adeemsiisuun wal ta’uudhaan ABO’n dhabamu malee jiraachuu hindandeenyu jechuun waan hojiitti jiranidha. Qaamota kana mara qabsoo isaarraa tiksee ABO isaa faana, WBO isaa faana Oromoon tarkaanfachuuf qophaa’aa ta’uu baannan egereen jiruusaa du’aaf gadadoo ta’uu asumaan himna. Adeemsa wayyaaneef qaamolee olitti eerre kanaa irratti dammaquu baannan qabsaa’ota Oromoo maqaa garaagaraa faaluutiin hidhuuf karoorfatanii akkuma baroota 1990 keessaa hojiitti jiraachuu cimsinee dhaamna.

Horaa Bulaa
Injifannoon uummata Oromoof
Gadaan gadaa xumura garbummaati
WBO faana gara Bilisummaatti tarkaanfanna!
Qalbeessaa Dhangi’aa
Adooleessa 5,2018
Finfinnee Oromiyaa

Leave a comment