[SQ, mudde 28,2017] Artistoota Oromoo Oromummaa qofaaf yakkamanii hidhaman, Mootummaan garboomsaa Wayyaanee mana hidhaa keessatti ji’oota dheeraaf dararaa turee, gara mana murtii himata kan irratti bane ta’uun nii yaadatama. Artistoonni Oromoo afaan isaanii guddisuuf aadaa isaanii guddisuuf akkasuma rakkoo uummata isaanii baasanii waan sirbaniif kaawwan immoo Oromoo waan ta’aniif qofa kan hidhaman ta’uun ifaadha.
Beellama dhedheeraa irratti fudhachaa turuun mana Murtii biyyatti beekamaadha. Ammas dabalataan guyyaa dheengaddaa dhaddachi mana murtii galmee Wellisaa Oliyaad Baqqalaa jalatti namoota himataman irratti ragaa nama 30 olii qindeeffamee ilaalaa tureera. Guyyaa dheengaddaa ragolee kanarraa waaree duraaf waaree booda kan yaada irraa fudhachaa ture, dabalataan guyyaa kaleessaa waaree booda ilaaluun murtii tokko utuu hinlaatin beellama dheeraa ji’a afurii olii fudhatee jira. Haaluma kanaan Akka lakkoofsa habashaatti ji’a 8ffaa gaafa 24 2017tti beellama dheeraa ji’a afuriif laatee jira.
Himatamtoonni kunneen
1, Wellisaa Oliyaad Baqqalaa
2, Wellisaa Eeliyaas Kifiluu
3, Wellisaaf Barreessaa Moibul Misgaanuu
4, Wellistuu Seenaa Solomon
5, Shamarree Qananii Taammiruu
6, Oliyaad akksuma kan ammaaf maqaa isaa of biraa hinqabne walumaa gala namoota torba ta’uun gabaasan keenya har’aa ifa godha.