Jiraattonni Godina  Harargee Lixaa Aanaa Masalaatti Dhimma Finfinnee Irratti Labsii Bahe hin Simannu Jedhan.

19756859_460758737628705_8128824244234840654_nAdoolessa 8,2017/ Godina  Harargee lixaa Aanaa Masalaatti Dhimma finfinnee irratti Labsii bahe hin simannu jedhan. Guyyaa Sanbata har’aa Wayyaanen Mormiin waa’ee funfinneetin ka’uutu mala jettee waan shakkiteef Ummata wal gahii yaaftee haala nageenya naannoo keessanii cimsadhaa eeggadhas. Dhimmi finfinnee dhimma gadi bu’ee ummanni irratti mari’atu malee kan xummuramee miti jechuun ergamtoonni wayyaanee Ummatatti lallabaa oolanis ummanni garuu dhimmi kun dhimmuma ummatattuu gadi bu’uu qabuu miti ummanni Oromoo ammaan booda dhugaa malee soba hin barbaadu kanaafuu dubbii kijibaa tana nutti gadin fidinaa nuti kanaaf jennee wal gahii taa’uu hin hennu jechuun dura dhaabbatanii jiru.

Kana malee Godina Harargee bahaa magaalaa Haromaayaatti waraanni Agaazii Wayyaaneen Lammaa Magarsaa eegsusuuf bobbaafte ummata goolaa jiraachuu maddeen keenya Haromayaa irraa gabaasanii jiru.akka maddeen keenya achirraa gabaasanitti guutummaa godina Harargee bahaa hunda keessatti Waraanni Agaazii  akka cabbiitti gadi naqamee ummata bahaa gala dhoowwaa jiraachuu gabaasni maddeen keenyarraa nu gahe addeessee jira

Leave a comment