Adeemsa “Haaromsa” Jechuun Wayyaaneen Gaggeessaa Jiru Uummanni Akkamitti Ilaalaa Jiraa?

Oduun nuti tibba darbe dhagaa’a turre dhimma haaromsa gadi fagoo kan jedhu waliin wal qabata.Haaromsi afaaniin dhudhuufan kun hacaahumsa isaanitti fiduuf waan shakkisiisu hin qabu.Haaromsa maqaa jedhuun godinota maraaf Namoota aangoo gurguddaa qaban fedaraalarraa bakka bu’anii ergamuusaanii quba qabdu jedheen abdadha.Akka dubbii jarattiitti fi maqaa jechicha sanaatti qaamota isaanii waliin hojjetan
namoota dhuunfaa hojii uummataaf dhiisanii dhimma dantaa dhuunfaa dalaganidha.Garuu uummata gowwaa se’anii kan itti afaan fajjiif deeman
ta’u bakkeewwaan hedduutti uummanni mirkaneeffate.

Godinota Jimmaa aanota akka Sokorruu keessatti qaamni ol aanaan haaromsa jechuun Gartuun bicuu wayyaanee ergite uummata keessa erga gaheen booda kaabinoota aanarraa utuu gubboo walitti qabachaa jiruu hordofamaa ture.kana cinatti maallaqa sanaan halkan dhugaatii hamma garaasaa ofitti gadi coraa erga tureen booda barii yoo fuula hawwaasatti bahu iciitiin hojiisaa marri hawwaasa keessaa dubbatame.Yoo kana ture qaaniif kan waltajjicha dhiitee bahe.Ergasiis aanicha deebi’uun itti ulfaachuurraa  Uummata aanicha hadheessuuf akka mootummaan itti xiyyeefatu taasisullee dalagaa isaanii irratti baramee Haaromsi ona sanaa haala qaaniin Wayyaanee duraa kufaaf laafaa ta’ee mul’ate.
Gama biraan hawwaasi Oromoo bakkeewwaan biroos gaaffiiwwaan gartuun Wayyaanee bixxilloonnishee warreen sammuun utuu hin deemin ija
maallaqaan aangoo qabatanii jiran gaaffii hawwaasaa deebisuunuu danqaa itti ta’ee jira.Gara Oromoo Leeqaa keessaatti gaaffiwwaan Oromoon
gartuu bicuu gaafata ture keessaa
1,Haaromsa maqaa jedhuun deemuun gaariidha,haa ta’u male kaleessa kan sagalee midiyaa keessanirraa hordofaa turre akka gaaffichi gaaffi
haawwaasa hin taanedha,har’ammoo yoo arabni keessan deebisii balleessituun nudha jedhu kunumtillee akka diina keenya taatan
raggaasisa.
2,Badiin erga keessan ta’e nutti araaramuun dura namoota sochii warraaqsaan hitaan ilmaan keenya dirree barnootaatti barnootarraa
qabdanii gidirsaa jirtan mana hidhaatii yaasaa kan jedhuuf gaaffilee danuu dhiyeessaniifii jiran.
Matumaa yeroon keessa jirru yeroo uummatni qaroomeef uummanni dhugaa saaqa baasee baree,akkasuma uummata hubannaaf xiinxala bare
keessa jiraachuun keenya ammallee bilisummaan keenya akka dhiyaate nama abdachiisa.Akka mataakotti Uummatan keessa deemaa oolu kan
diinaaf gowwumu harja hedduun hir’atee jira.homsa dubbiin jedhu duraan milkii isheef gonfachiiseera kun garuu haaxaahamummaasheef daandii isa guddaa saaqa.

 

Leave a comment