Oromoon Roorroo Alagaa of irraa ittisuuf Qabsoo akkaan jabaattuu yeroo inni itti geggeessu amma 

 Noolee Buttaatiin!

Guyyaa Har’aa 9/10/2016 giti bittuu fi murna waraana Agaaziitiin waggoota 25n guutuu Uummata keenya reebaa baate, dhoksaadhaan ji’oota ja’aa oliif humna waraana Agaazii command post jedhamuun uummata keenya irratti ajjeechaa deettii  ta’e raawwachaa ture guyyaa har’aa jechuun Onkoloolessa 9/2016 ifatti biyyattii impaayeraa kana guutuuyyuu “labsa hatattamaa emergency state ” keessa buusuun beekamaadha!

Murni kun maqaa labsii hatattamaa jedhuun,Oromiyaa irratti uummata nagaa gooluufi shororkeessuuf akeekee jira.Kaayyoon gita bittoota kanaa salphina,qaanii, tuffatamaafi afaan qawweetiin garboomfannaa Abisiyaanotaa yeroo lammaaffaaf Oromiyaa irratti qiyyaafate ta’uun beekamuu qaba!

Waggoottan darban keessa giti bittuu alagaa kun, gocha maqaa nageenya Uummataa tiksuu jedhuun raawwattu irraa akkuma barame,ejjennoo isheen qabattee labsatti jirtus kan agarsiisu gabaabinaan yoo ilaalle

. waraanni Wayyaanee Baroota garagaraatti qondaaltota Oromoo ajjeesuun egereen uummata Oromoo akka dukkanaawuuf yaali gochaa ture,kanaa mirkaneessufis wayyaaneen beektota fi Qeerroo Oromoo maqaa garagaraa yeroo garagaraa itti baasuun hidhaatti guuraa baate yeroo ammaa kana manneen hidhaatti abidda qabsiisuun daguudaa jrti manneen hidhaa Qilinxoo fi Baatuu kanaaf fakkeenya gaaridha.

. Tiki Wayyaanee maqaa nageenya eeguu jedhuun mana hayyoota Oromoo keessa meeshaa waraanaa barbaade ofii buusuun meeshaa waraanaa mana isaa keessa arganne jechuun    hidhaatti guuraa ture Kaayyoon labsa hatattamaas ilmaan Oromoo fi qaroo ta’an ittiin daguuguuf kan saganteeffamedha!

.Waraanni Agaazii baroota garagaraa keessa tikoota wayyaaneefi sirna basaasaan akeekamanii dargaggoo Oromoo badii malee dhukaasanii ajjeesaa turan sagantaan murna garboomfattuu kanaa ammas kanuma.

.Waraanni agaazii manneen qotiisaan bulaa,daldaltootaa fi hojjettootaa cabsee seenuun qarshiii,meeshaalee babbareedoo saamaa kan ture yeroo ta’u, shamarranii fi dubartoota Oromoo gudeeduun gocha safuu fi aadaa hawaasa keenyaa keessatti akkaan qaanessaa ta’e raawwachaa ture ammas maqaa nageenyaan saamicha kana raawwachaa kan jiru yeroo ta’u,ittuu jabeessee badii hamaa uummata keenya irraan ga’uuf karoorfatee sochii kanaafis murnuma yartuu mataa isaatiin seerummaa ofii kennuuf sosso’aa waan jiruuf Uummanni Oromoo yeroo inni itti tarkaanfii laalessaa fudhatu amma!

 

.Sirni ajjeesaa kun badii nurratti raawwachuuf saganteessee dhufe kanaaf Oromoon akka wallii galaatti maal gochuu qabaa?

. Dhaabbileen Siyyaasa Oromoo gita,sagantaa, tarsimoofi tooftaa qabsoo isaanii daran gara waraanaafi hidhannootti  jabeessuu qabu

. Ummanni Oromoo tarkaanfii dammaqqii fi ijaarsa hawaasaa irraa gara sochii haleellaatti ce’uu qaba!

.Baadiyyaaleen Oromiyaa waraanni keessa akka hin sochoneef, basaastota namaa fi lafa beekan ittisuu qabu

. Bakki leenjiifi addi waraanaa daran ifatti waan barbaachisu akka barbaachisu,akkaataa barbaachisuun raawwachuu qabu.

.Dipiloomaasiin barbachisun, Oromiyaa harka waraana Agaazii fi loltoota saamtuu Wayyaanee harkaa baasuun murteessaadha

Roorroo alagaa harkaa ba’uuf  waraana Agaazii Oromiyaa keessatti qolachuun amma!

Injifannoon uummata Oromoof!

Leave a comment